Mootummaafi TPLF waraana jalqaban: Mariin nagaa abdatame hoo maal ta'a?

Harka walqabee jiru

Mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduutti mariin nagaa eegamaa jiru ni jalqabama jedhamee yeroo eegamaa jirutti Hagayya 24, 2022 waraanni deebiyee jalqabuun gufuu uumeera.

Tibba kana TPLF mootumman Federaalaa haleellaa akka irratti bane yeroo ibsu, mootummaan ammoo himannaa kana dhara jechuun carraaqqii marii nagaa irraa baqachuuf taasisudha jedheera.

Qaamoleen lamaan ibsa Hagayya 24 kennaniin kallattii Kaaba Tigraayiin haleellaa banuurratti tokko isa kaan himataniiru.

Dhuguma finciltoonni Tigraay, akkasumallee mootummaan Federaalaa marii nagaa ni barbaaduu?

Marichi eessa gahe?

Marii irratti bakka bu'oonni mootummaa MM Abiy Ahmad filatan torban darbe dhimma marichaa ifa godhanii ture.

Wixineen haaraa kun wantoota sadii of keessaa qaba. Tokkoffaan, mariin kun haal-duree tokko malee torbanoota muraasa keessatti yaa jalqabu kan jedhudha.

Lamaffaan ammoo, marichi yeroo jalqabutti dhukaasa dhaabuu irratti akka xiyyeeffatuufi adeemsa keessa ammoo mariin nageenya waaraa fidu akka gaggeeffamudha.

Sadaffaan ammoo yaadni furmaataa dhiyeessan dhimmicha marii biyyaalessaatiin hiikuudha.

Koreen mootummaa Federaalaa kun gara dhuma torban darbee yaada furmaataa isaa ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obsaanjootiif dhiyeessuun isaanirra ture.

Haata'u malee, yaadni koreen marii kun dhiyeesse TPLF biratti fudhatama waan argate hin fakkaatu.

Aanga'aa olaanaa TPLF kan ta'e Obbo Getaachoo Raddaa ibsa koreen kun baase hordofee mormii isaa fuula tiwiitara isaarratti barreesseera.

"Koreen nagaa jedhame kan bulchiinsa Abiy waan jiru wal keessa xaxuutiin hawaasa addunyaa goyyoomsuudhaaf carraaqaa karaa biraa ammoo humnoonni mootummaa haleellaa nurraatti raawwataa jiru," jechuun Ibseera.

Loltoota hidhatanii, yuunifoormii uffatanii jiran

Madda suuraa, AFP

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daarektarri Wiirtuu Quuqama Mirga Namoomaa Itoophiyaa Yaared Hayile-maariyaam qaamoleen wal waraanan yeroo gara mariitti galan rakkoon kana fakkaatu ni mudata jedha.

Xiinxalaan kun akka jedhutti, gaaffileen qaamoleen lamaan kaasan walitti bu'insa biroo keessattis kan baramanidha.

“Kan mariisisu eenyu haa ta’u? Dhimmoota akkamii irratti mariyanna? Gaaffileen jedhan ka’uun isaanii waan hafu miti. Yeroo tokko tokko sababiiyyu ni ta’u. Yeroo biroo ammo sababoonni kunneen sirriillee ta’uus ni danda’u.”

Tigraay keessatti tajaajilawwan bilbilaa, telekoomii, geejjibaafi bu’uraaleen misoomaa biroo erga addaan citanii bubbuleera.

TPLF tajaajilawwan kunneen akka deebiyanan barbaada jedha; mootummaan Federalaa ammoo gufuun guddaan hojjettoota hojii suphuu irratti bobba'anirratti haleellaa raawwatamudha jedha.

Kanaaf ammoo pirezidantiin naannoo Tigraay Dabretsihon Gabremikaa'el nageenyi namoota hojii suphaaf deemanii nii egama jechuun isaa ni yaadatama.

Dubbi-himtuun MM Biillanee Siyyum ammoo hawaasni addunyaa TPLF mariidhaaf akka taa'uuf dhiibbaa taasisuu qaba jetti.

Obbo Yaared akka jedhanitti garuu qaamoleen lameen nagaafi araara kan barbaadan yoo ta'e dhimmoota kanneen irratti mariyachuunuu mataa isaan akka mariin jalqabameetti lakkaa'ama.

“Gaaffilwwn kunneen gaaffii adeemsaati. Yaadawwan maricha irratti ka’an bira qabamanii yeroo ilaalamanitti salphaa kan jedhamanidha. Ta’us qaamni tokko kana keessaa bahee jennaan jalqabuma irraayyu fedhii nagaa hin qabu jechuudha waan jedhu agarsiisa.”

“Yeroo baayyee araarri kan jiraatu warri naamuusa qaban lamaan yeroo wal lolanidha jedhama,” jedha Obbo Yaared.

“Warra wal mariyatan keessaa tokko laphee qajeelaan ala taanaan, gaaffileen kunneen deebiyanis sababa biraan rakkoon uumamuun isaa hin oolu.”

Torbanoota muraasa dura yaada isaa BBCf kan kenne xiinxalaan siyaasaa Afrikaa Bahaafi Baha Giddu-galeessaa Abdurahimaan Sa'id qaamoleen lamaanuu waraana waggaa lama tureen booda haara galfatan malee qophii mariitiif ta'u hin taasifne jechuun dubbatee ture.

“Waraanichi mo’icha qama tokkootiin waan hin xumuramneef dhiibaa hawaasa addunyaa irraa cimaa dhufe hordofeeti gara mariitti seenuuf murteessan malee jaallatanii kan itti seenan natti hin fakkaatu.”

"Qaamoleen lamaanuu qopjiin nagaatiif qaban gaaffii guddaa keessa jira," jechuun yaaddoo isaa hima xiinxalaan kun.

Falmaan mirga namaa Obbo Yaared akkuma Abdurahimaan "yaaddoon qaba" jedha.

Yaaddoon xiinxaltoonni kunneen qabanis waan oole hin fakkaatu.

Guyyoota muraasa darban keessa jechoota daddarbaafi himannaa, akkasumas dibbee waraanaa dhageessisaa turuun haleellaan banamuun dhagahameera.

Hayyuu Yunivarsiitii Naayiroonii kan ta'e Piroofeesar Piitar Kaagiwaanjaa rakkoon mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduu jiru wal amanuu dhabuudha jedha.

Pirof. Piitar waraanni Tigraay kun amala isaatiin addadha sababiin isaa ammoo qaamoleen wal waraanaa jiran yeroo ta'e michuu warra turanidha jechuun dubbata.

“Abiy Ahmad aanga’oota waggoota 30f aangoorra turaniin gaggeessaa leenji’edha. Qaamoleen lamaanuu wal amantaa gara waliigalteerra gahuutti isaan fidu uummachuudhaaf yeroo isaan barbaachisa.”

Jijjiiramni siyaasa Keenyaa maal fida?

TPLF mootummaan Federaalaa tuttuqqa loltummaa anarraan geessisaa jira jechuun komii yeroo dhageessisaa jirutti, mootummaan Federaalaa ammoo Gamtaan Afrikaa maricha akka jalqabsiisuuf gaafateera.

Mootumman Itoophiyaa koreen nagaa mariin atattamaan akka jalqabamuuf Gamtaa Aafrikaa waliin hojjechaan jira jedheera.

TPLF ammoo ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa Oliseeguun Obasaanjoo irratti amantaa hin qabnu jedha; bakka Isaa mootummaan Keeniyaa akka araarsu barbaada.

Dubbi-himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa ibsa dhiyeenya kana kennaniin, “Akka namaatti Obasaanjoo irraa rakkoo hin qabnu; gahee gaarii osoo bahatanii ni gammadna. Garuu rood-maappii hin qabu,” jechuun dubbatee ture.

Keeniyaan miseensa Mana-maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii ta'uun ishee walitti bu'Insicha furuudhaaf gahee akka qabaattu Ishee taasiseera jedha Pirof. Piitar Kaagiwaanjaa.

"Waraanichi akkuma jalqabamen MM Abiy yeroo jalqabaatiif gara Keeniyaa ture kan deeman. Isaan boodas jilawwan Irra deddeebiin dhufanii haala jiru Ibsaa turaniiru. Keeniyaan waraanichaaf haaraa miti."

Pirof Piitar akka jedhanitti, mootummaan Uhuruu Keeniyaattaa biyyoota Afrikaafi warraa lixaa waliin humna dippilomaasii guddaa uummateera.

"Keeniyaattaan marii nagaa Buruundii ture gaggeessuun, adeemsa nagaa Koongoo keessa ture keessattis hirmaachuudhaan biyyattiin filannoo akka gaggeessituuf gahee taphateera," jedha.

Qaamoleen lamaanuu Keeniyaa Irraa amantaa waan qabaniif Keeniyaattaas ta'e Pirezidantii haaraa filatame Wiiliyaam Ruutoo hariiroo Isaan Itoophiyaa waliin qaban gaarii waan ta'eef Naayiroobiin maricha qopheessuuf gahumsa akka qabdu BBCtti dubbata Pirof. Piitar.

Obbo Yaared gamaa isaatiin filannoon Keeniyaa osoo hin gaggeeffamiin dura gaheen isheen waraana kana keessatti qabaataa turte akka biyyaattidhamoo carraaqqii dhuunfaa Uhuruu Keeniyaattaadha gaafiin jedhu murteessaa natti fakkaata jedha.

“Warri lixaa sababa walitti bu’insa kanaatiif yeroo gara Finfinnee dhufan osoo gara Naayiroobiitti hin goriin hin darban. Keessumaa ammo Ameerikaan Keeniyaan qaxanaa kana keessatti hanga tokko nageenya waan qabduuf gara marii kanatti harkistee galchiteetti natti fakkaata.

Keeniyaan gahee kana akka biyyaatti bahataa turte taanaan, carraaqqiin kun pirezidantii Isa haaraatiinis Itti fufuu danda'a tilmaama jedhu qaba.

Pirof. Piitar ammoo Keeniyaan pirezidantii haaraa filachuun ishee, “ akka amantaa kootti wanta jijjiiru hin qabu” jedha.

Obbo Yaared ammoo TPLF nama haaraa dhufan kana akkamitti ilaala kan jedhu murteessaadha jedha.

“TPLF qofa osoo hin taane hariiroo MM Abiy pirezidantii haaraa waliin qabanis murteessaadha.

Pirof. Piitar, waggoota 10 darbe Itti-aanaa Uhuruu Keeniyaattaa ta'uun kan tajaajile pirezidantiin haaraa hariiraa alaa irratti jijjiirama taasisa tilmaama jedhu hin qabu.

Haata’u malee, Wiiliyaam Ruutoo MM Abiyitti dhiyeenya qabaachuu eeruun Keeniyaan araarsituu ta’uu akka dandeessu tilmaama.

Piroofeesarichi filannoon Keeniyaa gara mana-murtii geeffamee filannoon irra deebiin kan gaggeeffamu yoo ta'e mariin nagaa kun harkifachuu danda'a jechuun shakkii qabus Ibsa.