Itoophiyaatti gaaffileen ijoo qorannoo walabaa irratti ka’an maal?

Madda suuraa, AFP
Itoophiyaa wal waraansaafi walitti bu’iinsi itti hammaatetti haqa baasuuf wanti ijoo barbaachisu badii raawwateef itti gaafatama tolchuudha.
Haata’u malee, qaamoleen waraana keessa jiran kamuu badii irratti dhihaatu hin fudhatan.
Hunduu harki isaanii qulqulluu akka ta’etti ibsu. Badii qorannoowwan taasifamanii itti akeekanis hin fudhatan. Qorannoo irrattis ejjennoo walfakkaataa hin qaban.
Humnooti TPLF gama kaaba biyyattii mootummaa lolan, hidhattooti Oromiyaa keessa sosso’an akkasumas paartiileen mormituu badii raawwatamaniif qorannoon walabaa akka taasifamu gaafatu.
Mootummaan immoo waamicha qorannoowwan walabaa akka taasifaman ifatti yoo fudhatu hin mul’atu.
Qaamoleen kunneen qorannoo mootummaan adeemsisu irratti gaaffii maaliif kaasu? Gaaffii dhaabbilee kanahoo mootummaan maaliif dida? Qorannoon walabaa maali, qorattoonni walabaa hoo eenyu?
Walitti bu’iinsa akkasumas waraana Itoophiyaa bakeewwaan garagaraatti adeemuun badii namoomaa guddaatu raawwate.
Keessumaa Kaaba biyyattii Tigraay, Amaaraafi Affaar akkasumas Lixaafi Kibba Oromiyaa akkasumas Naannoo Benishaangul Gumuzitti sochii hidhattootaafi lola mootummaan kanneen miidhamaniidha.
Mormitoonni maaliif qorannoo walabaa gaafatu?
TPLF bara siyaasa Itoophiyaa olaantummaan qabate himannaawwan sarbama mirgaa jabaatu irratti ka’aa ture. Haa ta’u malee, qorattoonni walabaa biyya seenanii akka qoratan eeyyamee hin beeku ture.
Ta’ullee, Kaaba Itoophiyaatti mootummaa kan lolaa jiru gareen kuni yeroo dheeraaf qorannoo komishiniin Itoophiyaafi komishiniin UN taasisan mormaa ture.
Shakkii irraa akka qabus ibsaa ture. Komishiniin walabaafi qamaa sadaffaa akka qoratu gaafataa ture.
Gaaffiin ijoo TPLF komishiniin Itoophiyaa ‘walaba miti’ kan jedhuudha. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa garuu himannaa kana hin fudhatu.
Qorannoon waloo UN fi komishinii Itoophiyaa erga taasifamee booda koreen ekispartoota idi;-addunyaa himannaawwan sarbama mirgaa namoomaa Itoophiyaa qoratan hundaa’aniiru.
Ajjeechaa Oromiyaafi Tigraay akkasumas kaan keessatti raawwatan ala ta’anii qorataa akka jiran ibsaniiru. Mootummaan hundeeffama garee kanaa jalqaba mormee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannoo Oromiyaa keessa kan socho'u Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)- mootummaan "Shanee" ittiin jedhu, sarabama mirga namoomaa naannichatti raawwatamaniif mootummaa wajjin quba walitti qabu.
Badiiwwan ittiin himatamu haalun qorannoon walabaa akka gaggeeffamus yeroo garaa garaatti gaafata.
Siyaasa Itoophiyaa waggootaaf kan xinxalan Rene Lefort, ajjeechaa Gimbiitti namoota 330 ol galaafateefi hidhattooti kuni himataman booda yaada kana kennan.
‘‘Gareen qubi itti qabame yaaddoo tokko malee qorannoon walabaa akka taasifamu gaafata: Finfinneen waan tole hin jenneef tasa akka hin hundoofne beeka,’’ jechuun Tiwiitara gubbaa ibsan.
Hidhattootan ala paartiileen mormituu Oromiyaa keessa sosso’an; Adda Bilisummaa Oromoo fi Kongirasiin Federaalawaa Oromoollee gaaffii wal-fakkaataa dhiheessu.
Dhaabbileen lamaanuu sababoota gaaffii kana dhiheessan keessaa jaarmiyaa mootummaarraa shakkii qabaachuu ibsu.
"Haala sirni dimookiraasii gaafatuun mootummaan hundaa’e hin jiru,’’ jedhu qondaalli KFO Obbo Xurunaa Gamtaa.
Jaarmiyaan mootummaa akkanaan dhaabatummoo ‘’bilisa ta’ee qoratee gabaasa bilisa ta’e hin dhiheessa jennee waan guutummaa guututti itti hin amanneef waan akkanaa gaafanne,’’ jedhan.
Dhaabbileen kuni qorannoowwan Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhiheesse yeroo fudhatanis ni jira.
Qeeqxonni dhaabbileen kuni qorannoo ‘yeroo fedha siyaasaa isaaniif ta’u ni fudhatu, gaafa kaan ni dhiisu’ jechuun qeequ. Isaan garuu qeeqa irratti dhihaatu hin fudhatani.
Finciltootaafi paartileen akkasumas dhaabbileen mirga namoomaa kanneen akka Aminastii Intarnaashinaal kanneen qorannoon walabaa akka taasifamu gaafatan keessaati.
Mootummaan qorannoo walabaa maalif dida?
Mootummaan Itoophiyaa qorannoo walabaa dhaabbileen garagaraa gaafatan kan diduuf keessaa sababi ijoo dhaabbata kana qoratu waan qabuuf akka ta’e ibsa.
Ajjeechaa Gimbiitti raawwatee hordofee qorannoon walabaa akka taasifamu erga gaafatamee booda Dubbii Himtuu Ministira Muummee kan taate Billanee Siyyuum Waxabajjii keessa deebii kana kennan.
‘‘Kana jechuun [gaaffii qorannoo walabaa fudhachuu] Itoophiyaan jaarmiyaa ga’umsa qabu hin qabdu jedhanii amanuudha,’’ jechuun miidiyaaleetti himan.

Madda suuraa, Reuters
Dr Adam Kaase ogeessa seeraafi dhimma Gaanfa Afrikaa xiinxaluun beekamu.
‘‘Mootummaan akka walabaatti of ilaala, akka ga’umsasaa qabutti ilaala. Kanaan ala [qaami] biraa kan seenu yoo ta’e akka mootummaatti walaba akka hin taane amane fudhachuu jalaa ta’a,’’ jedhu.
‘‘Kan lammataa isa mootummaan jedhu jalaa faallessuu danda’a,’’ jechuun sababa mootummaan fudhachuu dhabuu danda’u ibsu.
Mootummoonni qorannoo walabaa qaamoleen garagaraa gaafatan diduun waan haaraa miti. Mootummaa Itoophiyaa qofaan waan addatti raawwatamuus miti jedhu ogeeyyiin.
Garuu mootummaan qofaa qorachuu danda’aa?
Sirna dimookiraasii ijaaruuf jaarmiyaaleen walaba ta’aniifi mootummaalee dhufaa darbaan hin raafamne ijaaramuu qabu.
Rakkoon kuni garuu Itoophiyaa keessa hidda fageeffatee tureera.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga aangootti dhufanii dhaabbilee walabaa ta’anii as bahuf carraaqaa jiran keessaa tokko Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaadha.
Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu mootummaan hale, ajjeechaa Benshaangul Gumuuzitti raawwate, akkasumas Kaabaafi bakkeewwan humnoota mootummaafi kaanin raawwate saaxileera.
Ta’ullee, gama garagaraan komiifi qeeqi irratti ni dhihaata.
Turtii kana dura komishinarichi Dr Daani’el Baqqalaa BBC waliin taasisaniin ‘‘dhiibbaan mootummaa nurra hin jiru, yoo dhufes hin fudhannu,’’ jechuun deebisan.
Hooggansummaan dabalatee Humaan Raayitis Waachiifi Aminastii Intarnaashinaal keessatti kan tajaajilan ogeessi seeraa kuni, gaaffiin akka irratti ka’us quba qabu.
‘‘Hojiin keenya guutummaa guututti bilisa akka ta'e ni amanna. Hojiidhaanis mul'ataa waan jiru natti fakkaata.
‘‘Dhaabbileen mootummaa kana dura bilisa waan hin turreef hamma tokko namoota bira shakkiin akkanaa yoo jiraate baay'ee na hin dhibu,’’ jechuun deebisan.
Akka namoonni siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan jedhanitti, rakkoowwan ijoo humnoota siyaasaa Itoophiyaa keessaa inni tokko wal amantee dhabuudha.
‘Badii jajjabaatu raawwataa jira,’ kan jedhan Dr Adam, badiiwwan kuni waldhibdee gidduu kan uumaman waan ta’aniif badiiwwan kanaaf mootummaan mataan isaa shakkamaa akka ta’es ibsu.
‘‘Shakkamaan tokko qofaa isaa qorataadha jedhanii yaadunimmoo sirrii ta’u dhiisuu danda’a,’’ jechuun ibsu.
Qorattoonni walabaa eenyu?
‘’Mariidhaan kan furamudha,’’ jechuun marii qaamolee waraana keessa jiraniin waliigalteedhaan kan murtaa’u akka ta’e Dr Adam ibsu.
‘’Qaami suni kan alaa ta’u danda’a, kan keessaafi alaa ta’u danda’a, kan keessaa qofas ta’u danda’a.
‘’Wanti guddaan qaami suni yoo xiqqaate qaamolee gara caaluun fudhatamummaa qabaachuu qaba, ga’umsasaas qabaachuu qaba. Gama ummataanis amanamtummaa qabaachuu qaba.’’
Yeroo hedduu qorattoonni walabaa qaamoleen alaa, qaamoleen sivili, akkasumas hawaasi dhiibbaa godhe kan uumamu yookiin hundaa’udha.
Nagaa malee haqa buusuun danda’amaa?
Wantoota ijoo qorannoo taasisuuf barbaachisan keessaa tokko nagaan jiraachuudha. Sababa kanaaf, dura walitti bu’iinsi dhaabbachuu qaba.
‘‘Nagaan yoo jiraachuu baate qorannoo taasisuun hin danda’amu,’’ jedhu ogeessi seeraa kuni.
‘‘Hanga walitti bu’iinsi itti fufetti, karaa kamiinuu haqi ni argama jedhanii eeguun hin danda’amu.’’
‘‘Osoo walitti bu’iinsi hin dhaabatiin gara haqaa hin seenamu. Biyya kamittuu kuni hin jiru. Yoo xiqqaate nagaan hamma tokko [modicum of peace] bu’uu qaba’’
Akka yaada isaaniitti dura karaatti araarri bu’u fala dhahamuu qaba.
‘’Hanga walitti bu’iinsi itti fufee jirutti haqa buusuun hin danda’amu. Haqni haalduree nagaa buusuu osoo hin taane, qaama adeemsa nagaa buusuu ta’u qaba. Kana hubachuun barbaachisa’’ jedhan Dr. Adam.












