Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Gareedhaan yeroo na gudeedan daa'imni koo argiteettii laata jedheen yaadda'a'

Fatimaa

Magaalaa indastirii kan taate, Kombolchaa keessatti humnoota mootummaa federaalaa fi finciltoota Tigraay gidduu waraanni erga geggeefamee baatiin lama darbeera.

Magaalaa kanatti jireenyi gara iddoo duriitti waan deebi’e fakkaata. Tahus madaan waraanichi dhiisee darbe hin qoorre.

Godaannisa waraana kanaa namoota qaban keessaa Faatimaa Ahimad ishee tokkodha.

Faatimaan waraanichi magaalaa itti dhalatte Haayiq irraa xiqqoo fagaatee akka adeemsifamaa jiru gaafa dhageessu, humnooti TPLF gara Haayiq dhufu jettee hin yaadne ture.

Faatimaan yeroos jireenyashee fooyyeffachuuf hojii jalqabuuf yaadaa turte, sababa du’a abbaasheetiin barumsasheen kutaa torbaa ol itti hin fufne.

Haayiq keessa hojii nyaattee ittiin bultuufi haadhashee ittiin gargaartu hin arganne ture.

Daldaaltota hojii fi hojjetaa quunnamsiisan gaafa dubbistu hojiin isheef tahu Kombolchaa akka jiru itti himan. Innis hojii keessummeessuu ture. Bitaa fi mirga hin jenne Kombolchaatti qajeelte.

Achitti hoteela giddugaleessa jedhamu keessatti keessummeessuu jalqabde.

Torbee tokko booda Haayiq to’annoo TPLF jalatti kufte. Bilbilli addaan waan citeef haatishee nagaa tahuu hubachuu hin dandeeye.

Faatimaan haala haadhashee otoo hin bariin loltoonni TPLF Kombolchaa galan.

Dhuma baatii Onkololeessaa irratti loltoonni TPLF akkuma Kombolchaa gahaniin hoteelota dursanii qabatan keessaa tokko hoteela Faatimaan keessaa hojjettu ture.

Yeroos nyaata ishee gaafatan keenniteefii booda dhiisanii bahan.

Gaafas loltoonni isheefi waayiloota isheerratti miidhaa saalaa ijaa irratti hin dhaqqabsiifneef haara galfii guddaa ture.

Kanarra homaa nun godhan jedhanii hojii isaanii hojjechaa oolan. Kuni garuu kan tahe guyyaa tokkoof qofa.

‘’Buleesaa balbala cufnee erga rafneen booda dhufanii balbala banaa nuun jedhan,’’ jechuun guyyaan godaannisa irratti dhiisee darbes gaafas akka jalqabe dubbatti.

Dubartoota afur hoteelichaa hojjetan keessa tokkollee hin hanqanne. ‘’Baayyee tahuun isaanii haleellaa ittisuuf gaariidha,’’ jedhanii yaadu ture.

Faatimaa fi waayilootishee ‘’balbala hin bannu’’ jedhanillee loltoonni humnaan cabsanii galan.

‘’Akkuma galaniin maaliif hin banne jedhanii hunda keenya kaballaa fi dhiitichaan nu dhahani,’’ jetti.

‘’Hunduu meeshaa waraanaa qabatanii turan,’’ kan jettu Faatimaan, ‘’gariin isaanii uffata danbii waan akka adii uffatanii turan, amma loltuu akka sanatti uffate gaafan argu isaan waan natti fakkaataniif nan naha,’’ jetti.

Loltoonni balbala hoteelichaa cabsanii galan saddeet turan jetti.

Isaan keessaa lamman isaanii qawwee itti qabanii fo’anii akka ishee fudhatan dubbatti Faatimaan, ‘’na ajjeesaa malee hin deemu yeroo jedhu lamaan isaaniyyuu kaballaa fi dhiitichaan erga na dhahaniin booda na qabanii gara mana siree na fudhatan.’’

‘’Mana siree erga na galchaniin booda dabaree dabareen akka barbaadan na godhan,’’ jechuun waan irra gahe BBCtti himteetti.

Faatimaan battala sanatti waayiloonnishee maalirra akka turan hin beektu ture.

‘’Halkan akka gaafasii natti dheeratee hin beeku,’’ kan jette Faatimaan borumtaasaa hiriyyootashee waliin wal-agarte.

Gudeeddii irra gaheen miidhamtus hiriyyootasheetti garuu himuu hin barbaanne ture. Haala hiriyyootashee ijaa hin barreef haleellaan gudeedamuu kan irra gahe ishee irra qofa itti fakkaata ture. Gaafa waan irra gahe itti himtu garuu isaaniis waan wal-fakkaataa akka irra gahe itti himan.

Loltoonni TPLF akkuma Kombolchaa to’ataniin tajaajilli ibsaa fi bilbilaa addaan citee ture.

Faatimaa fi hiriyoonnishee iddoo waanti hamaan itti uumame kana dhiisanii deemuu otoo barbaadanillee iddoo deeman gatii hin qabneef achuma oolan.

Balbala caccabe akkuma tahetti suphanii rafuuf yaalii godhan.

Balballi sun yeroo lammataaf rukutame. Namootuma kaleessaaati. Faatimaanfaa ‘’hin bannu’’ jedhan.

Loltoonni garuu akkuma barame cufantaa humnaan bananii galan.

Faatimaanfaa waan kalee galgalaa himachaa akka isaaniif gaddan kadhataniin. Garuu hin taane.

Inumaayyuu ‘’waan kaleessaarra caalutu na mudate,’’ jetti Faatimaan.

Loltoonni halkan darbe lama turan hiriyyaa dabalatanii dhufan jetti.

Kana booda garuu achi turuu hin barbaanne, lubbuuf sodaatan. Seera itti iyyataniifi gaaddisa isaanii tahu hin qaban ture.

Kanaaf gara mana isaaniitti deebi’uuf murteessan.

Hiriyyoonnishee gara iddoo biraatti yeroo deeman Faatimaan Haayiqitti deebi’uuf karaa eegalte.

Imala guyya lamaan booda Kombolchaa irraa Dasee achiinis Haayiq mana haadhashee galte.

Mana gaafa geessu haadhashee, obboleettishee fi obboloonnishee dhiiraa hin jiran - rakkoo biraa. Ollaa gaafa gaafattu sodaatanii gara baadiyyaatti akka baqatani itti himame. Isheenis gara baadiyyaa imala eegalte.

line
line

Humnooti TPLF Waldiyaa irraa darbanii gara Dasee yeroo deeman Zamzam abbaa warraashee hojii ijaarsaa hojjetu waliin magaalaa Dasee irraa xiqqoo fagaattee magaalaa argamtu keessa jiraatti ture.

Loltoonni TPLF yeroo magaalattii seenan abbaa warraashee fi mucaashee fuulduratti akka ishee reeban yaadatti.

Abbaan warraashee isheef gaafa lolu qawweedhaan rukutamee ajjeefame.

Reebicha irra gaheen ilkaan sagal dhabuu kan dubbattu Zamzam, miilashee irrattis miidhaan guddaa gaheera.

Zamzam loltoota TPLF’n gudeedamuu gaafa ibsitu: ’’gara manaa akkaan galu na gaafatan jennaan nan gale. Mana duubakoodhaa cufan. Tokko ilkaan koo gaafa na dhahu yeroosuma cabee lafa bu’e.

Inni tokkos maddii koo biraan na dhahe, ammas ilkaan narra caccabee bu’e. Afaan koo dhiigaan guutame. Na gudeeduuf gaafa yaalu wal’aansoo qabannaan harka koo cubeedhaan na waraane. Achiin wayyaa koo narraa ciree, na gudeede,’’ jette.

Zamzam waan irra gahe yaadachuun dhukkubbii akkatti dabalu dubbatti.

Qaamnishee dhiigaan cuuphamee, socho’uu dadhabdee akka turte dubbatti. ‘’Akka hin boonyellee imimmaan koo goge,’’ jetti.

line

‘’Gudeedamuun na dhukkubsa, daa’ima koo fuulduratti tahuun immoo yoomiyyuu akka hin irraanfanne na godha,’’ kan jettu immoo shamarree ganna 25 Meelaat Abarraadha.

Akkuma Faatimaa Meelaatis magaalaa wal-fakkaataarraa kan dhufte yoo tahu hoteela keessatti hojii keessummeessuu hojjetti.

Daa’ima miilashee jalaa hin dhabamne qabdi.

Abbaa warraashee wajjin yeroo adda bahan ‘’daa’imni koo homaa itti hin hanqatu,’’ jetteetu mana namaa qacaramtee hojjechuu akka jalqabde dubbatti.

Melaatiifi Faatimaan hoteela garagaraa keessaa hojjetu ture. Meelaat hoteela hojjettuuf bakka buutuu turte.

Loltoonni TPLF gaaf tokko gara hoteela Meelaat hojjettutti qajeelan. Hoteelichi cufaa hin turre. Galanii biiraa dhugu jalqabani.

‘’Biiraan hin jiru jechuu hin dandeenyu, sababiinsaas nu reebuu danda’u,’’ jetti Meelaat. Gaafa biiraan dhumu garuu waanti sodaatte dhufuunsaa hin hafne.

‘’Loltoonni lama ’koottu ati unu wajjin deemta' naan jedhan,'' kaan jettu Meelaat, ‘’lakki yeroon isaan jedhu inni tokko qawwee natti qabee 'sin gombisa' naan jedhe,'' jechuun ibsiti.

‘’Mucaa koof jiraachuu waanin qabuuf, kan fedhan naan haa godhan,’’ jechuun waan irra gahe dubbatti.

Akka Meelaat jettutti haleellaan saalaa kuni siree daa’imni ishee raftee turte irratti irra gahe. Daa’imni ishee hirribasheerraa kan dammaqxe reebicha irra gahaa ture danda’uu dadhabdee boo’uu gaafa jalqabdudha.

‘’Lama tahanii dabareedhaan yeroo na gidirsan nan boo’e, yeroos daa’imni koo hirribaa kaate,’’ kan jettu Meelaat, waan boqonnaa ishee dhorku keessaa tokko, ‘’yeroo gareedhaan na gudeedan daa’imni koo argiteetti laata?‘’ kan jedhu akka tahe BBCtti himteetti.

Garuu ‘’otoo argiteetti tahee immoo hamma yoonaa na gaafatti ture,’’ kan jedhu ishee jajjabeessa.

Meelaat hoteela sana bakka buutummana bulchaa jiraattus halkan dabalataa garuu achitti dabarsuu hin barbaanne.

Daa’imashee qabattee gara mana hiriyyaa ishee deemte. Hiriyyaashee waliin mana cufanii ooluu jalqaban.

Yeroo muraasaaf loltoonni TPLF gara naannoo sanaa hin dhufan ture.

Yeroo booda garuu ganda keessa naanna’uu jalqaban.

‘’Guyyaa mana dubartiin jirtu qoratanii halkan dhufu,’’ kan jettu Meelaat haleellaan irra gahe akka irra hin deebi’amneef hiriyyaashee waliin mala malan.

Guyyaa mana cufanii erga oolaniin booda halkan michuu isaanii magaalaa ala jiru bira deemanii buluu jalqaban.

Baatii tokkoof haala kanaan erga dabarsaniin booda, Raayyaan Ittisa Biyyaa irra deebiin Kombolchaa to’achuu danda’e.

line

Siistar Daayaan miidhamtoota kanneen akka Faatimaafaa yaalii xiinsammuu gochuuf ogeessota magaalaa Kombolchaatti ramadaman keessaati.

Dubartoota haleellaan saalaa irraa gahe yaaluun hojiishee isa jalqabaati.

Hamma yoonaa magaalaa Kombolchaa keessatti qofa dubartoota 35 loltoota TPLF’n haleellaan gudeeddii irra gahe yaaluu dubbatti.

Dubartoota abbaa warraa isaanii fuulduratti gudeedaman, ijoolleen illee otoo hin hafiin kanneen yaaliif dhufan keessaa tahuu dubbatti Daayaanaan.

Kanneen yaalii xiinsammuu taasifteefi keessaa dargaggeessi ganna 16 akka dhufeefi qollifamuu sodaachuudhaan namoonni dhimma kana hin gabaasne baayyeen akka jiraatan ni tilmaamti.

Faatimaan amma maatiishee baadiyyaa deeman argattee ji’a tokko ol waliin dabarsiteetti. Gara Kombolchaa deebitee hojii ishee duraa jalqabdeetti. Meelaat ammallee hiriyyaashee waliin jiraachaa jirti.

Meelaat waan irra gahe irraanfachuuf Kombolchaadhaa bahuu barbaaddi.

Garuu, ‘’iddoo mucaan koo barteetii yoon fudhee deeme na jalaa burjaajofti jechuun achuma jiraachuuf murteesse,’’ jechuun dubbatti.

Faatimaa fi Meelaat qorannoo yaalii taasisaniin ulfa, HIV fi dhukkuboota wal-qabatoo biroo irraa bilisa tahuu baraniiru.

Yeroo lammataaf qorannoo taasisuuf ji’a sadaffaa eegaa jiru.

BBC’n dhimma kana ilaalchisee humnoota TPLF'f gaaffii dhiyeessuu yaaluus deebii garuu hin arganne.

Kana dura dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal, waraana kaaba Itoophiyaatti taasifameen haleellaan saalaa akka meeshaa waraanaatti faayidaarra ooluu gabaasa baasee ture.

Dhaabbanni kuni baatii Mudde keessa loltoonni TPLF naannoo Amaaraatti yakka gudeeddii raawwachuu eeruun irra deebiin gabaasa baasee ture.

TPLF gamasaatiin gabaasota kunneeniif deebii kenneen, miseensonni waraanichaa naamusa kan qaban tahuu ibsuun, qaamni walabaa kana akka qulqulleessu gaafatee ture.

line

Dubartoonni seenaan isaanii himame loogiin akka irra hin geenyeef jecha maqaan isaanii geeddarameera.