Waraana Tigraay: Mootummaan Tigraayitti warra miidhaan saalaa irra gahe yaala akka hin arganne godheera -HRW

Dubartoota duubaan mul'atan

Madda suuraa, AFP

Dhaabbanni Human Raayitis Waach [Human Rights Watch] mootummaan Itoophiyaa dubartoota yakki gudeeddiifi miidhaan saalaa naannoo Tigiraayitti irra gahe akka yaala hin arganne godheera jedhe.

Gabaasa fuula 89 qabu baase irratti erga waraanni naannichatti jalqabee dubartoota yakki gudeeddiifi miidhaa qaamaa irra gahe umuriin isaanii ganna 6 hanga 80 tahan tahe jedhamee akka yaala hin arganne godheera jedhe.

Dubartootni loltoota mootummaa fi milishaan gudeedaman jedhaman ulfa adda kutuu, yaalii dhibee HIV, fiistullaa, tajaajila baqaqsanii yaaluu lafee isaanii cabee fi meeshaa qara qabuun bakka waraanaman fi kaaniif yaalamuu osoo qabanii yaala hin arganne jedhe.

Mootummaa Itoophiyaadhaan shororkeessummaan kan farrajame TPLF yakkoota gudeeddii, saamichaa fi miidhaa qaamaa fi xiinsammuu ittiin himatame kana ilaalchisee hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.

Waggaa darbe ji'a Adoolessaa keessa humnootni TPLF naannoo Amaaraa magaalaa Nifaas Maawucaa irratti yeroo haleellaa bane yakka gudeeddii, saamichaa fi miidhaa qaamaa jiraattota irratti raawwachuu gabaasni Aminestii Internaashinaal agarsiise.

Mirga dhala namaaf kan falmu Aminestii Internaashinaal jiraattota magaalichaa dubbise keessaa dubartoota 16 irratti humnootni TPLF yakka gudeeddii raawwataniiru.

Mootummaan ji'a Waxabajjii keessa gartokkeen dhukaasa dhaabuu labsee naannoo Tigiraay keessaa bahuu isaa hordofee humnootni TPLF naannoo Amaaraa fi Affaarittis haleellaa banuun bakka baay'ee to'atanii ture.

Kana irraa ka'uun yakkoota ajjeechaa, saamichaa, gudeeddii raawwataa turan jedhee mootummaan himataa turus isaan garuu waakkataa turan.

Gabaasni Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjirri Mirgoota Namoomaa UN waliin ta'uun qorannoo taasisaniin miidhamni saal-qunnamtii kan dirqiin gudeeduu dabaaltu dubartoota, dhiirota, ijoollee shamarraniifi dhiirootaa irratti raawwatame jiraachuu mirkaneesseera.

Gabaasni waloo kun haleellaan saal-qunnamtii gareelee lola Kaaba Itoophiyaa keessaa harka qaban maraan raawwatanuu himeera. "Dirqisiisanii gudeeduufi haleellaawwan saalaa biroon hamilee miidhamttoota cabsuuf faayidaarra oolaniiru" jedha gabaasichi.

Gareen qorannoo waloo miidhammtoota haleellaa saal-qunnamtii dubartoota 30 walin af-gaaffii taasisuufi kunneen keessaa walakkaa kan ta'an irratti gochaan dirqisiisanii gudeeduun garee (gang-rape) raawwatamuu himee ture.