Qondaaltoti Huuti modelii hidda Itoophiyaa qabdu Yamanitti ‘sagaagalummaan’ himatan

Moodelistiifi taatoo filmii Intisar al-Hammadi

Madda suuraa, INTISAR AL-HAMMADI

Ibsa waa'ee suuraa, Moodelistiifi taatoo filmii Intisar al-Hammadi

Intisar al-Hammadi shamarree Yaman umrii ganna 20 yoo taatu, moodeliifi taatoo filmiiti. Intisar haatii ishee lammii Itoophiyaa yoo taatu, abbaan isheemmoo lammii Yamaniiti.

Intisar qullaashi mul’isuufi‘’qoricha seeran ala qabattee argamte’’ jedhamuun qondaaltota garee mormituu Yaman Huuti jedhamaniin haala haqummaa hin qabneen himatamteetti jedhe jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu Huuman Raayitis Wooch.

Intisar himannaa irratti dhiyaate haaltullee, humnoota warraaqsa Huutiin Sanahaatti Guraandhala darbe hidhamte.

Abukaatoon ishee miidhaan qaamas ta’e arrabsamuun, akkasumaas fuulli ishee hidhamee dokimentii akka mallatteesitu dirqisiifamuu ishee eere.

Abbootiin alangaa durbummaa qabaachuu mirkaneessuuf‘’qorachuuf wayita yaalu’’doorsifamuu ishee himeera.

Abukaatoon Intisar al-Hammadi jaarmiyaa mirga namoomaaf falmu HRWtti akka himetti, galmee isheen ittiin himatamte akka hin ilaalle dhorkamee ture.

Jalqaba ji’a kanaatti marroo lamaaf wayita mana murtiitti dhiyaattu ogeessi seeraa kun akka akka abukaatoo hin dhaabbanneef dhorkamees ture.

Hammadiin modeelummaan ganna afuriif kan hojjatte yoo taatu, agarsiisa TV biyyattii lamarratti hirmaattee jirti.

Suuran ishee otoo uffata mataatti hin aguugganne mul’isu yeroo tokko tokko intarneetiirratti maxxanfamuun duudhaa biyyatti akka diduutti lakkaa’amte.

Abukaatoon ishee akka jedhutti, Hammadiin konkolaataan magaalaa Sanahaatti namoota biroo sadii wajjin otoo imaltuu finciltoota Huutin qabamte hidhamte.

Sana booda fuulli ishee haguugamee gara Daarektoreetii Qorannoo Yakkaatti geeffamte.

Otoo namoota biroo wajjin wal hin argiin guyyoota 10’f addatti fo’amtee hidhamte.

‘’Bilbilli ishee irraa fudhatame, hojiin moodelii ishee akka naamusa cabsuutti ilaalamuun qondaaltoti Huutii akka dubartii sagaagaltuutti fudhatan,'' jedhe abukaatoon ishee.

Huutiin bara 2015 irraa kaasee waraana Yaman keessatti mootummaa biyyattii sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabuun lolu, dhimma kanarratti yaada hin kennine.

Akka HWR jedhutti, Hammadiin fuulli ishee haguugamee dookimentootarratti akka mallatteessituuf dirqisiifamuu gartuu mirga namoomaaf falmaniifi ogeessa seera mana hidhaatti ji’a Eblaa darbe ishee dawwatanitti himte.

Ragaan sun ‘’yakkoota hedduu akka amanteetti’ kan gabaasudha.

Bitootessa keessa Hammadiin mana hidhaa Sanahaatti argamutti wayita dabarfamtu waardiyoonni ‘’sagaagaltuu’’fi ‘’garbittii’’jedhanii sababii isheen hidda dhalootaa Itoophiyaa qabduuf arrabsaa turanii jedha abukaatoon ishee.

Abukaatoon ishee akka jedhutti, abbootiin alangaa akka durbummaan ishee qoratamu dirqisiisuu erga Aminast Intarnaashinaal ibsa himatamuu ishee balaaleffatu baase booda otoo hin gaggeeffamiin hafe.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ‘qorannoon durbummaa’’saayinsawaa akka hin taaneefi sarbamiinsa mirga namoomaa ta’uu ibseera.

Baha giddugaleessaatti Daarektarri Ittaanaan HRW Maayikil Peeji, mana hidhaa keessatti sarbamiinsi mirgaa Intisar al-Hammadi irra qaqqabe sabamiinsa mirgaa qondaaltota biyyatti Yaman keessatti qaqqabsiisaa jiran agarsiisu jedhaniiru.