Taatoon biyya Gaanaa suuraa qullaa maxxansusheetiin hidhaan adabamte

Madda suuraa, akuapem_poloo
Aktirasiin Gaanaa Rosemond Brown yookaan gara caalu maqaa Akuwaapeem Pooloon beekamtu, suuraa qullaa ilmashee cinatti kaatee miidiyaa hawaasaarra erga maxxansitee booda hidhaan baatii sadii itti murtaa'eera.
Abbaan seeraa mana murtii Akraa keessatti argamutti wayita adabbii irratti murtaa'e dubbisaa turanitti, imimmaan buustee boosse.
Suuraa Adoolessa darbe guyyaa dhalootaa ganna 7ffaa ilmashee irratti maxxanfame kanarratti, gugguuftee harkasaa qabattee jirti.
Mucichi paantii kaawwatee isheen ammoo harmashee rifeensa dheeraadhaan haguugdee mul'atu.
Suuraan kun hedduu qoodamee intarneeta gubbaa mormii kaasee ture.
Aktirasiin suuraa ilmashee waliin kaatee yeroo hedduu maxxansitu kun, dhiifama gaafattullee poolisiin gaaffiif sibarbaanna jechuun waamicha dhiyeessaniifi.
Takka turees dhaabbanni miti-mootummaa 'Child Rights International jedhamu akka himatamtu dhiibbaa taasise.
Roobii darbes, suuraa hin taane maxxansuu, hokkoraafi kabaja nama biraa xiqqeessuudhaan yakkamtee mana hidhaa galtee jirti.
Adabbiin irratti murtaa'e hanga Jimaataatti osoo hin himamin kan hafe manni murtichaa firii qorannoo ulfaa eegaa waan tureefi, qorannoon kunis isheen ulfa akka hin taane mul'ise.
Haati seeraa Kiristiyaanaa Kaan akka jedhanitti, adabbiin kun yeroo duudhaa cabsuun dabalaa jiru kanatti hawaasa bal'aaf barnoota guddaa ta'a jedhani.

Gariin murtee kanatti yoo waliigalan, kuun garuu miidiyaa hawaasummaa irratti aktirasiin kun akka gadhiifamtuuf guyyaa hidhamterraa kaasee haashtaagii #FreeAkuapemPoloo jedhu fayyadamuun iyyachaa turani.
Abukaatoon Akuwaapeem Pooloo, Andii Voorshiyaa BBC Pidgin'tti akka himanitti, gareen seeraa aktirasii kanaa adabbii irratti dabarfame kana haadha qofaa mucaa guddistudha sababa jedhuun akka ol-iyyatan dubbatu.
"Manni murtichaa mucaan ganna torbaa haadha duraa hidhan maal akka ta'u waan hime hin qabu, yeroo isheen mana hidhaa jirtu kanatti eenyutu isa kunuunsa?" jedhe.















