Teekinooloojii: Suuraa fayyadamuun appiin dubartoota qullaatti hambisu uggurame

Madda suuraa, Getty Images
Appilikeeshiniin moobaayilarraa suuraa dubartootaa qullaa akka ta'an gochuun agarsiisuu danda'a jedhame, kalaqxoota aappichaan hojiirraa dhorkame.
Aappiin Doolaara Ameerikaa 50 (Birrii 1400)n gurguramu- Deepnude jedhamu, erga tajaajilli oduu Motherboard jedhamu waaheesaa barreessee daran barames, qeeqames.
Rogeessi tokko aappii kanaan ''daran hamaadha'' jedhaniiru.
Kalaqxoonni aappichaas marsariitii isaaniirraa buusaniiru. Sababa kanaas yogguu ibsan, addunyaan kalaqasaanii kanaaf hin qophoofne jedhan.
''Carraan namoonni aappii keenya haala hin taaneen itti fayyadamuu danda'an olaanaadha,'' jedhan warri kalaqan. ''Karaa kanaan maallaqa horachuu hin barbaannu''.
Namoota aappicha bitaniifis qarshiisaanii ni deebisnaafis jedhaniiru.
Warreen duraan aappicha buusaniis akka namoota kaaniif akka hin qoodne gaafataniiru. Haa tahu malee namni aappicha altakka buuse, ammallee itti fayyadamuu danda'a.
Miidhamtoota haaloo bahuu
Gareen warra kalaqxootaa kun akka jedhanitti, aappicha ji'ootaan dura kan kalaqan ''bohaartiif'' yaadameeti jedhu.
Dabaluunis: ''Dhuguma dubbachuuf appichi hagas mara gaarii miti, suuraawwan murtaa'aniin malee hin dalagu.''
Odeessa Motherboard hojjete hordofee, aappicha buusuuf namoonni gara marsariitii jaraa dhufan garmalee waan tureef, marsariitichi 'ukkaamfamee' hojii dhaabeera.
'Porn'in haaloo bahuu kan mormitu Katelyn Bowden waan Motherboard'tti himte, appiin kun ''hamaadha'' jetteetti.
''Amma dubartiin kamuu osoo suuraashee qullaa osoo hin kahin, poorniin haaloo baahuuf saaxilamti,'' jechuun marsariitichaaf himte. ''Teekinooloojiin kun hawaasa bira gahuu hinqabu,'' jetti.
Softiweeriin kun netiwoorkiiwwan 'Arteefishaal Intalijens' (AI) fayyadamuun, suuraa dubartootaa uffata uffatanii turan, cuqaasa tokkoon qullaa hambisa.
Netwoorkileen kunniin suuraa keessatti kamtu uffata kan jedhu adda baasuun, akkasumas bifa qaamaan walfakkeessuun akka qullaa buusan leenji'aniiru.
Teeknooloojiin kun kanaan dura softiweerii 'deepfake' jedhamuun kalaqame waliin walfakkeenya qaba jedhameera.












