Dubartiin Faransaay mormii dhageessisuuf qullaa waltajjitti baatee ummata saalfachiiste

Koriin maasiyaaro (bitaa) sagantaa gaafa Jimaataa qophaa'erratti hirmaatte

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Koriin maasiyaaro (bitaa) sagantaa gaafa Jimaataa qophaa'erratti hirmaatte

Taatoon Faransaay badhaasa biyyattii Seezaar jedhamurratti mormii dhageessisuuf qullaa waltajjiitti baate.

Yeroo koronaa kanatti mootummaan deeggarsa aadaaf kennamuu qabu dagateera jette. Deeggarsi olaanaa tahe barbaachisa jechuunis kana raawwatte.

Dubartiin ganna 57 Kooriin Maasiiyaroo dura kobbortaa boca harreen hojjetameefi qoloo dhiigaan cuuphame uffattee turte, yeroo waltajjiitti baatu garuu qullaa taatetti.

Maasiiyaroon sagantaa Jimaata darbe badhaasa uffannaa filatamaaf qophaa’e fudhachuuf ture kan waltajjiitti baate.

Qaama ishee fuulduraa irratti ‘’aadaan yoo hin jiraanne egereen hin jiru’’ barreefama jedhu agarsiisaa qullaa bahuunshee namoota baayyee rifachiiseera.

Dugda isheerrattis akkasuma ‘’oguma keenya deebisaa, qabeenya keenya deebisaa’’ dhaadannoo jedhu kan ministira mummee gaafatu barreessitee turte.

Sababa weerara kanaan manneetii siniimaa ji’oota sadiif cufamaniiru.

Erga waltajjiirra baate booda qullaa dhaabatte

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Erga waltajjiirra baate booda qullaa dhaabatte

Taatotaafi daariktaroonni muraasni achitti argamanis mootummaan seektara aadaaf deeggarsa godhuu qabu dubbataniiru.

Baatii Mudde keessa taatoota, daariktaroota fiilmii, muuziqeessitootaafi namooti aartii Faransaayiifi magaalota biroo hiriirawwan mormii adeemsisaniiru.

Hiriiroti kunneen mootummaan iddoowwan aartiin itti agarsiifamu mormuun kan taasifamani dha.

Sirna badhaasaa kanarratti fiilmiin Albart Doonpoolteel ‘’Yaa gowwootaa nagaatti’ jedhu badhaafameera.

Fiilmiin dubartiin dhukkubsattuu tokko mucaa jalaa bade barbaacha imala rakkisaa taasiftu agarsiisu biraanis badhaasa kan mo’ate yoo tahu fiilmii afaan biraan hojjetameen immoo filmiin Deenmaark ‘Another Round’ jedhu mo’ateera.