Dubartiin qullaa ofiishee Hindiitti viidiyoo waraabuun gadhiifte poolisiin to’atamte

Turistoota riqicha Laakshimaan iratti dhaabatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Riqichi Laakshimaan bakka beekamaa turistootaan daawwatamudha

Dubartiin Faransaayi biyya Hindiitti riqicha qulqulluudha jedhame ‘Lakshman Jhula’ irratti qullaa ishee viidiyoo waraabdee poolisiin to’atamte.

Dubartiin Kaaba magaalaa Rishikeesh jedhamuutti erga of waraabdeen booda midiyaa hawaasummaa irratti maxxansite.

Dubartiin kunis yoo balleessaa irratti argame seera interneetii biyya Hindiitin adabbii hidhaa hanga waggaa sadiif irratti murtaa’uu akka danda’amu ejansiin oduu AFP gabaaseera.

Riqichi dubartiin kun irratti qullaa ishee viidiyoo of waraabdeefi akka lafa qulquulluutti ilaalamu kun kan Laga ‘Gaanjes‘ jedhamee beekamurratti argamuufi iddoo beekamaa turtistootaan daawwataman keessaa tokkodha jedhameera.

Dubartiin kuni erga to’atamteen booda wabiidhaan gadhiifamte kunis, viidiyicha kan of waraabde faayyawwan miidhaginaa ittiin beeksiifachuuf kan kaayyeeffate ta’u poolisiitti himte jirti.

‘‘Tarii gochiiwwan akkasii Faransaayii keessatti kan dhorkaman ta’uu dhiisuu danda’u.

Garuu Riqichi kun bakka qulqulluu waaqoonni Hinduu Raam, obboollee isaa Lakshmaan fi haatii warraa isaa Sitaa Laga Ganjees ittiin qaxxaamuraniidha,’’ jechuun AFPtti himan hoogganaan buufata poolisii bakka dubartiittiin itti hdiyaattee kan ta’an RK Saaklaanii.

Dubartiin eenyummaan ishee ifatti hinhimamiin tunis Kamisa erga poolisiin viidiyicha argeen booda to’annaa jala oolfamte turte.

‘‘Tibba poolisiin gaafatamteettis, viidiyicha of waraabuushee amanuun garuu gochichi Hindii keessatti dhorkaa ta’u akka hinbeekne himte.

Viidiyichiifi suuraan ofi kaastees kan daldala faayaa ishee ittiin beeksiifachuuf qofa kaayyeefateedha jette jirti,’’ jedhan qoondaalli poolisii kan biraa akka gaazexaa ‘Indian Times’ jedhamutti himanitti.

Dhimmi kunis hanga murtee argatuutti baatiiwwan muraasa kan fudhatu ta’uun barameera.