Poolisiin Siidnii dubartii sakatta’uuf jecha shamarreen uffata laguuf kaawwatte akka baastuuf gaafate

Poolisii namoota gidduu jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisii namoota gidduu jiru

Poolisiin Siidnii sakatta’iinsa qaamaa wayita geggeessaa turetti shamarreen uffata laguu ‘tampon’ kaawwattee jirtu akka baastu gaafachuun gabaafame.

Mudannoon kunis gochaawwan sakatta’iinsa poolisii aad-malee Siidniitti bara darbe mudatan shan qoratamuun irra ga’ame keessaa tokkodha.

Heddumminni isaanii kan raawwataman feestiivaalota muuziqaa irratti yoo ta’u, warreen kanaaf saaxilaman akka ofitti qaana’aniifi salphatan isaan taasiseera jedha gabaani.

Poolisiin Niiw Saawuz Weesti argannoo kana akka qoratu beeksiseera.

Gareen seeraa qorannoo kana gaggeesse, poolisii shamarree wanti kun irratti raawwate akka dhiifama gaafatuuf yoo akeeku, poolisiin waan akkasiirratti hirmaate tokkos hojiirraa dhorkamuu eeree jira.

Dhimmoonni kunneen kan ilaalaman erga maatiin dubartoota kanneenii himata dhiyeessanii yookaan miidiyaaleen naannoo gabaasanii boodadha.

Seera qabeessummaan sakatta’iinsa akkasii qorichoota adoochan argachuuf taasifamu dhimma yaaddessaadha kan jedhe gabaasichi, dhimmichi marii ummataaf dhiyaachuun fooyya’uu qaba jedheera.

Mudannoowwan kunneen maal fa’i?

Mudannoo Amajjii 2019 ta’etti, shamarreen lama mana tirgaa (qumaaraa) tokko duratti poolisiidhaan qaamni isaanii yeroo sakatta’amaa turanitti isheen tokko uffannaa laguuf kaawwatte akka baastu gaafatamte.

Gamaaggamni mudannoo kanaas poolisoonni akkas gochuun maaliif akka barbaachise sirriitti hin ibsine jechuun seera qabeessummaa sakatta’iinsa akkasii gaaffii kaasise.

Sunis taateewwan biroon akka ilaalamaniifi himanni banamuun qorichi adoochaa akka hin argamne mirkaneeffame.

Mudannoo biraatiin ammoo, weellistuun dargaggoo tokko feestiivaala Siikreet Gaardan jedhamutti uffata keessaa ishii akka gadi baaftuufi akka gadi jettee gugguuftu ajajamuun jechoota hin taaneen itti dubbatamee poolisiin dhiiraa tokkos itti kolfuu hima gabaasni kun.

Dubartiin feestiivaala biraa irratti qaamnishee sakatta’ame tokkos gugguuftee akka qufaatu taasifamuufi eenyummaashee dhoksuuf eegumsi gahaan hin kennamneef jedha.

Dhimmoota akkasii hedduu irratti poolisiin qaama namootaa yeroo sakatta’u waan gochaa turanillee akka hin beekne eerame.

Dambiin haaraan poolisootni waan gochuu qaban akeeku Hagayya darbe bauus ibseera.

Fakkeenyonni gubbaatti ka’an garuu seera qabeessummaa gochaa poolisii irratti gaaffii kan kaasisu, kaayyoo sakatta’iinsichaa sirriitti namootatti ibsuufi raga sirriitti ol-kaa’uun hanqina guddaadha jedha gabaasni garee kanaa.

Qaama namaa sakatta'uun seera qabeessaa?

Seera Awustiraaliyaatti, qaama namaa keessa seenuun sakatta’uun kan danda’amu yoo dhugumatti yeroo sanatti barbaachisaafi amansiisaa ta’e qofadha.

Sakatta’uun kan danda’amus kutaalee qaamaa barbaachisoo ta’an qofa yoo ta’u, qaama saalaafi iddoowwan kabaja namaa tuqan biroo sakatta’uun seera maleedha.

Yoo daa’imman ta’an ammoo, ragaan akka hin dhokanneef yookaan nama sana eeguuf haga sakatta’uun dirqama hin taanetti maatiin yookaan guddistuun dhiyaachuu qabu.

Himanni sakatta’iinsa qaamaa poolisiidhaan humnaan taasifaman garuu wal mormisiisaa jiru.

Bara darbe, himata 25 dhiyaatanii qorataman keessaa tokkoon, mucaan ganna 14 feestiivaala muuziqaarra ture qaama saalaa isaa qullaa jiru poolisootatti akka agarsiisu dirqisiifamuutu himame.

Poolisiin himata kanarratti deebii kenne tokko, sakatta’iinsi akkasii kan barbaachise dargaggoonni hedduun humnaa ol qoricha fayyadamuun lubbuun isaanii erga bade boodadha jedhee ture.

Kunis dhimmoota akkasiif filannoo biraa kaa’uun naannoowwan qophiileen akkasii jiranitti giddu-galoota qorannoo qorichaa akka qopheessaniifi sakatta’iinsi qaamaa akka qeeqamuuf karaa saaqeera.