Ogeettiin anisteezhiyaa alkoolii dhuguun wal’aansarratti lubbuu dubartii deessu baaste hidhaan adabamte

Madda suuraa, Getty Images
Ogeettiin anisteezhiyaa lammii Beeljiyeem dubartii lammii Biriteen wal’aansa baqaqsanii yaaluu atattamaan deessisuu dadhabuudhaan, dubartiin wal’aanamtu du’uu hordofuun hidhaa waggaa sadiin adabamte.
Helga Wayuters, dubartiin ganna 51, dhaddacha mana murtii Kamisa Firaansi booda hojiicha akka hin hojjanne dhorkamteetti.
Wayuters dubartii ganna 24 Zintiya Hawaak jedhamtu bara 2014 ajjeesuun balleessaan raawwatte irratti mirkanaa’eera.
Dubartiin kun ujummoo hargansuu liqimsituu (qoonqoo) Aadde Haawakitti dhiibde jedhan qorattoonni dhimmicha hordofan.
Dubartiin kun hojicha wayita hojjattu dhiibbaa dhugaatii alkoolii jala turte.
Wayuters dhaddacha mana murtii Kamisa darbeerratti qaamaan hin dhiyaanne ture.
Hiriyaan dubartii lubbuu dhabde Haawak garuu, dhaddacharratti argamuuf gara magaalaa Firaans Paawutti imaltetti.
Zintiya Hawaak maaltu mudate?
Ms Haawak hospitaala Ortiz magaalaa Pawu cinatti argamtu Fulbaana, bara 2014 seente.
Wayuters dawaa ansteeshiyaa Haawak waraantetti, garuu wal’aansa baqaqsani deessisuu wayita barbaachisurratti rakkoon kun kan uumame.
Wayuters itti fufiinsaan dhugaatii alkoolii ’’guyyaa hunda'' Vodkaa fi bishaan akka dhugdullee amanteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Isheen akka jettetti, otoo wal’aansa baqaqsuutiin akka deessistuu hospitaalaatti waamamuushee dura, dhugaatii alkoolii dhugdee akka turte himteetti.
Namoonni waan yeroo sana ta’e argan yeroo isheen deebitu, fooliin alkoolii isheerraa akka isaanitti bahe dubbataniiru.
Yeroo to’atamtetti immoo qabiyyeen alkoolii dhiiga ishee keessa jiru giraamii 2.38 ykn burcuqqoo 10 ta’a ture.
Dubartiin ganna 51 kun erga hojiicha eegaltee turtii torban lamaa gadi keessatti, ujummoo hargansuu dogoggoraan qoonqoo dubartii keesssa kan galchite.
Dubartiin kun vintileetara irra kaa’uu otoo qabduu maaskii Oksjiinii irra kaa’uunis himatamti.
Ms Haawak, dubartiin UK Somirsit, otoo wal’aansa baqaqsanii wal’aanu keessa jirtuu, hooqqisuu fi iyyuun ’na dhukkube’ jechaa akka turte namni ijaan arge himeera.
Narsiin tokko mana murtiitti dhiyaatchuun waan ta’e wayita himtu ‘'ta’iin ture dirree waraanaa fakkaata ture,'' jette.
Hawaak, rakkoo dha’annaan onnee adda ciccituu ishee mudateen rakkachuun guyyoota afur booda lubbuun ishee darbe, daa’imni ishee garuu lubbuun hafeera.
Wayuters du’a Hawaakiif addatti itti-gaafatamummaa akka hin fudhannee fi hojjattoonni biroo akka balaaleffatamuu qaban kaafte.
Kana malees, Wayuters vintileetarri hojjataas akka hin jirre himtuus, qorattoonni garuu dubbiin ishee kun dharaa jedhaniiru.
Kamisa darbe manni murtii miidhaa irra qaqqabsiifteef maatii Hawaakiif beenyaa doolara Ameerikaa miiliyoona 1.65 akka kaffaltu itti mureera.
Wayuters, sana duras hospitaala Beeljiyeemirraa gara Firaans kan dhaqxe, sababiidhuma dhugaatii alkoolii baay'iftuun hojiirraa erga ariyatamteen booda ture.













