Narsiin daa’imman saddeet ajjeesuun himatamte mana murtiitti dhiyaachuufi

Luusii Leetbii

Madda suuraa, SWNS

Ibsa waa'ee suuraa, Luusii Leetbii yeroo sadaffaaf to'atamte

Hospitaala Cheestar kan Ingalaanditti argamu keessatti narsiin daa’imman saddeet ajjeestee kan biraa kudhan ajjeesuuf turte jedhamte, mana murtiitti dhiyaachuufi.

Luusii Leetbaay kana duras bara 2018 fi 2019itti sakatta’insa du’a daa’imman reefu dhalataniin wal qabatee hidhamtee turte.

Himannaa kana dura itti himatamtes ajjeechaa daa’imaa fi dhukkubsataa otoo gargaarsa hakiimaa argatu maluu du’uu danda’u gargaaruu dhiisuun ture.

Narsiin ganna 30 kun mana murtii Waariingtan Maajistreets itti dhiyaatti.

Luusiin gaafa Kibxataa poolisiin qabamtee qorannoo taasifameen booda Roobii kaleessaa himanni irratti banameera.

Poolisiin Cheeshaayir bara 2017 irraa jalqabee du’a daa’imman 17 fi yakka dhukkubsataan otoo gargaarsa hakiimaa barbaaduu kennuu dhiisuun ajjeesuuf yaaluu irratti qorannoo jalqabeera.

Ibsi poolisii akkas jedha:’’Tajaajilli Qorannoo Yakkaa Kiraawan yakka ajjeechaa daa’immanii hospitaala keessatti raawwateen poolisiin ogeettii fayyaa irratti qorannoo akka taasisu ajajeera.’’

Gaafa Kibxataa maatiin ijoollee kunneenii hundi odeeffannoo fi deeggarsa gahaa ni argatu jedheras.