MM Awustiraaliyaa haasaa ministiraa dubartii ta'an gidduutti kutuun guddoo qeeqaman

Madda suuraa, EPA
Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Iskoot Moorisan, wayita ministirri tokko haasawa godhanitti addaan kutuu isaaniitiin guddoo qeeqamaa jiru.
Ministira maatii fi tajaajila hawaasaa kan taate dubartiin Anne Ruston, dhimmoota dubartoota paarlaamaa keessatti mudatan irratti gaafatamtee deebisaa turte.
Garuu battaluma gaaffii gaafatamteef deebii deebisuu eegaltu, Aabba Moorisan addaan kutan.
Taateen kunis kan mudate gabaasni qoccollaan saalaa paarlaamaa keessa jira jedhu erga bahe boodadha.
Miidiyaan ABC News gabaasa qorannoo hojjeteen, ministirootni biyyattii warri dubbii cimsan 'conservatives', amala hin taane agarsiisaniiru jedha.
Aabba Morisanis dhimma gabaasa kanarratti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, ministiroonni kunniin tasumaa kana hin godhani jechuun, tarkaanfiin fudhatamu kamuu akka hin jirre dubbatan.
Haa tahu malee dhimma gabaasa kanarraa, kan isaan dubbii Aadde Rustan addaan kutantu gurraa horatee, dubbii ijoo tahe.
Gaazexeessitoonni Aadde Rustonin erga qajeelfamni 'bonk ban'' jedhamu paarlaamaa keessatti erga hojiirraa oolee kaasee, jijjiiramni jira jechuun gaafatan.
Dhorkaan 'bonk ban' kunis ministiroonni, waahillan hojiisaanii wajjin walqunnamtii saalaa akka hingoone dhorka.
Dhorkaan kun kan dhiyaate ministira muummee biyyattii duraanii Maalkolm Tarnbuliin ture.
Aabba Taarnbul seera kana kan hojiirra oolchan, erga ittaanaan isaanii Barnaby Joyce gorsaa isaanii waliin walitti dhufeenya akka qaban erga saaxilanii boodadha.
Viidiyoon ibsa jara lamaanii Kibxataa kun yeroo 700,000 ol ilaalameera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Hogganaan seneetii warra 'Labor' Penny Wong: ''Iskoot haa dubbattu dhiisin mee.'' jeechuun barreessan. Namoonni biroos ministira muummichaan ''nama miira hinqabnedha'' jechuun qeeqaniiru.
Ibsa gaazexeesiitootaa kanarrattis Aadde Rustan irra deebiin gaafatamtee deebii kennite. Wayita paarlaamaa keessa turtetti ''deeggarsa guutuu'' tahe argachaa akka turte dubbattee jirti.
















