Miseensi paarlaamaa maqa balleessiin irratti banameef beenyaa birrii mil. 22 ol argatte

Anne Webster, MP for Mallee in Victoria

Madda suuraa, Getty Images

Miseensi paarlaamaa Awustiraaliyaafi abbaan warraashee, himannaa maqa-balleessii irratti banamee tureef beenyaa birrii 22,608,000 badhaafamaniiru.

Miseensi Paartii Biyyaalessaa kan taatee Aan Weebistar, oduu dubartii Kaareen Biriiwariin baatii Eblaafi Caamsaa keessa Feesbuukii irratti maxxansiteef himatte turte.

Kibxata darbe haati murtii Jaakliin Giliisan himannaa kana ‘’waan gonkumaa dhugoomfamuu hin dandeenyeedha,’’ jedhan.

Biriiwar qarshii adabamte kanaa akka beenyaatti miidhaa irra gaheef Aaniifi abbaa warraasheef akka kaffaltu ajajamtee jirti. Dhaabbata isaan hundeessaniifis akkasuma.

‘’Jarreen himatamanii turan badhaasa guutuu walitti fufinsaan kaffalamu argatu. Kun himannaan irratti banamee ture bu’uura kan hinqabne tahuufi maqaa gaarii jarreen kanaa deebisuufi,’’ jedhan haati murtii kun.

Himannaan shakkamtuu irratti banamee tures, ’’jarreen kunneen caasaa icciitii daa’imman irratti haleellaa saalaa qaqqabsiisu keessatti miseensa dha,’’ jechuurra darbee dhaabbata isaanii haadholii abbaa warraa hinqabne gargaaruuf hundaa’e sobaan himateera.’’

Weebstar doolaara 350,000 yoo badhaafamtu, abbaan warraashee 225,000 fi dhaabbatni isaanii Zowii jedhamu 300,000 argataniiru.

Haati murtii, Jastiis Giliisan, ’’himanni isaan irratti banamee ture madaala kan hin qabneefi kan hin amanamne dha.’’

Haa tahu malee oduun kun miidiyaa hawaasaa irratti waan tamsa’eef Weebstar faa miidhamanii turan jedhan.

Waan Biiriiwar miidiyaa hawaasaa irratti maxxansite, dhibba baayyeen qoodamee ture. Yeroo himannaa kana jalqabdu Weebstar, nageenya isheef sodaattee mana isheetti kaameeraa galchitee turte.

Gaazexaan Awustiraaliyaa Za Gaardiyaan jedhamu waa’ee dhimmichaa erga barreese akkaawuntiinshee haqameera. Feesbuukiin waan maxxanfame akka buusu irra deddeebiin itti gabaasuus dafee hin kaasne ture jetti Weebstar

‘’Addunyaa kanarratti waanti nuti hin beekne hin jiru garuu nu sodaachisa.Namoonni waan fedhan raawwatanii kan isaan itti gaafataman yoo himataman qofa dha,’’ jetti