Miseensonni paarlaamaa wal reeban

Miseensonni Paarlaamaa Afriikaa kibbaa waltajjii gaaffii fi deebii Pirezidaantii biyyattii waliin taasisanirratti walreeban.
Waldadhabdeen kan uumame wayita paartileen morkattootaa gaaffii gaafatan keessatti jechootaan waltuquu eegalaniidha.
Atakaaroon jechootaa Paartii leellistootaa Diingdee Walabaa 'Economic Freedom Fighters(EFF)' fi miseensota paartilee mormitootaa biroo gidduutti uumame hirree walitti agarsiisuu bira ga'e.
Miseensi Paarlaamaa Agang Andries Tlouamma wayitanni arraba hadhaawaa mormitoota kaanitti darbatudha kan lolli eegale.
Miseensonni kaanis jecha walitti daddarbachuu eegalan.
Lolli eegalauunsaan dura, dubbi himaan paartii 'Democratic Alliance's (DA)', John Steenhuise warra leellistoota diinagdee walabaatiin 'saamtota Baankii VBS' ittiin jedhan.
Miseensi paarlaamaa Paartii Paartii leellistootaa Diingdee Walabaa 'Economic Freedom Fighters(EFF)' itti deebisuun 'Nama adii sanyiidhaan qoodee nama jibbuudha' ittiin jedhan.
Yoona kana jecha walitti deddeebisuurra darbanii harkaan walqabachuutti ka'an.
Wayitasaan walreeban viidiyoon agarsiisu tuwiitariirra faca'e.
Afayaa'iin Paarlaamichaa Thoko Didiza qaamonni seera baasan kunneen akka seera egan gaafatan.
''Tokkoon keenyallee mirga wal arrabsuu hin qabnu. Kabajamtoota miseensota paarlaamaa akkan waltajjii itti fufnuuf naa eeyyamtuu?'' jechuun aariidhaan gaafatan.
Hanga afayaa'iin kun qaamota seera kabachiisan waamanitti Pirezidaanti Raamapoosaan iddooma teessumasaanii turan.
Warra jeequmsa kaasan galma keessaa baasuun ,pirezidaantichi waltajjiisaanii itti fufan.
Pirezidaanti Raamapoosaan miseensonni paarlaamaa jibba sanyiirratti hundaa'e akka dhaaban gaafatan.
''Seenaa jibbisiisaa keenyee dabarre sanatti deebi'uu hin qabnu. Dimokiraasii qoodiinsa sanyiirratti hundaa'e miti dimokiraasiin keenya. Hammam yoo nu dhukkubellee sanyiidhaan walqoodnee waljibbuutti deebi'uun waan hin malle. Nuti ummata tokko'' jedhan Raamapoosaan.












