'Dureewwan Afriikaa hundeeffama mootummaaf Itoophiyaatti imalan waa'ee mirga namoomaa lallabuu qabu'- HRW

Dubartoota duubaan mul'atan

Madda suuraa, AFP

Jaarmiyaan mirga dhala namaaf dubbachuun beekamu Hiyuuman Raayitis Waach(HRW), dureewwan biyyoota Afriikaa sirna hundeeffama mootummaa haaraa irratti argamuuf gara Itoophiyaa imalaa jiran, waa'ee dhiittaa mirga namoomaa, danqamuu deeggarsa namoomaa fi adda cituu tajaajilaawwan garaagaraa naannoo Tigraay mudataa jiruu irratti kallattiin dubbachuu qabu jedhe.

Jaarmiyaan kun ibsa karaa 'Zoom'n har'a kenneen, hundeeffama mootummaa haaraa Itoophiyaa dursuun waa'ee waraana Tigraay irratti odeeffannoo hanga ammaatti jiru kaaseera.

Goolama siyaasaa fi dhiittaa mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti mudataa jiruuf fala kaa'uuf ga'een Gamtaa Afriikaa, mootummaa Itoophiyaa fi hawaasa idil-addunyaa cimuu akka qabu kan akeekkachiisan jaarmiyichatti Daarektara Gaanfa Afriikaa Letiisiyaa Baader.

Qondaalli tun akka jedhanitti, jaarmiyaan isaanii dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwaturratti qorannoo kan eegale erga waraanni Tigraay eegalee as qofa osoo hin taane waggaa tokko ta'eera.

Qorannoosaanii kanaan waan adda baasan wayita ibsanis, rakkoo guddaan kan irraa madde filannoon wayita yeroo biraatti daddabarfamuu eegaleedha jedhan.

''Filannoon Itoophiyaa daddabarfamuun mufii siyaasaa uume, waraana Tigraayiif daandii saaqe. Waadaa dirree siyaasaa bal'isuuf galame sarbe,'' jedhan.

Yeroo ammaa haalli rakkina namoomaa naannoo Tigraay akkaan yaaddessaa ta'uu kan himan qondaalli kun, mootummaan daandii deeggarsaa saaquu wayita himu, jaarmiyaaleen deeggarsaa ammoo daandiin ittiin deeggarsa kennan ugguramuu himatu jedhan.

Tajaajilli ibsaa, baankii, kominikeeshinii naannoo Tigraay keessaa ugguramuun sababoota ijoo gargaarsa namoomaa ugguran ta'uu qorannoon adda baasuu himan.

''Qorannoon keenya mootummaan Itoophiyaa fi michoonni isaa Tigraay keessatti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu ibsa. Yakki gudeeddii fi misoomaawwan bu'uuraa barbadeessuun baay'inaan raawwatameera.

''Yakkaa fi saamichi dhaabbilee fayyaa fi Hospitaala Aksuum keessatti raawwachuu adda baasneerra. Kanaanis lammiileen tajaajila fayyaa akka hin arganne godhameera,'' jedhan.

Baqattoonni Eertiraa dhibbaan lakkaa'aman hidhattoota TPLF'n gudeedamuu fi dhiittaan mirga namoomaa irratti raawwachuu akkasumas humnoonni TPLF gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babal'achuun yakka dhiittaa dhala namaa raawwachuu ibsaniiru.

Qorannoo UN faana ta'uun gaggeessaniin beelli hamaan mudachuuf akka jirus yaadda'aniiru.

Filannoon ammallee Tigraay keessatti hin raawwatamne kan jedhan qondaalli Hiyuuman Raayitis Waach(HRW) Letiisiyaa Baader, kunis mataansaa qormaata guddaadha jedhan.

Bakkeewwan lolli itti gaggeeffamutti malli quunnamtii waan adda citeef qorannoo guutuu gaggeessuurratti rakkanneerras jedhan.

Qorannoo waggaa tokko darbe keessatti gaggeessaniin rakkoon siyaasaa hamtuun Tigraay keessa qofa osoo hin taane naannolee akka Oromiyaa, Amaara, Beenishaangul Gumuz, Affaar fi Somaalee keessattillee mul'achuu himaniiru.

Naannolee kunneen keessatti goolamni siyaasaa, buqqaatiin lammiilee fi dhiittaan mirga namoomaa akkaan raawwatameera jedhan.

Qorannoosaanii waan filannoo Itoophiyaa dura waggaa tokko keessatti ture ilaaleen, rakkoon bu'uuraa ajjeechaa Weellisaa beekamaa Oromoo Artist Hacaaluu Hundeessaa ta'uu eeran.

''Qorannoon keenya waan filannoo dura wagga tokko ture ilaale. Rakkoon kan irraa ka'e ajjeechaa Hacaaluu, isa booda hiriiraa fi hidhaatu itti fufe.Hidhaan qondaaltota siyaasaa dirree siyaasaa biyyattii goole. Wayita filannoon ga'u paartileen Oromoo gameeyyiin filannoo keessaa ba'uun ammoo haalicha daran hammeesse.''

Naannoo Amaaraatti kaadhimamtoonni paartii hiraarfamuu fi ajjeefamuun karoora dirree siyaasaa bal'isuu Ministirri Muummee biyyattii hojiirra oolchuuf waadaa galan qormaata keessa galche jedhan qondaalli mirga namoomaa kun.

''Dirreen siyaasaa deebi'ee dhiphate. Kan Ministirri Muummee jalqaba jedhe hin mul'anne.''

Gamtaa Afriikaa irraa maaltu eegama?

Dureewwan Afriikaa torbee dhufu sirna hundeeffama mootummaa haaraa Itoophiyaa irratti argamuuf gara magaalaa Finfinnee imalan waa'ee dhiittaa mirga namoomaafi rakkoo siyaasaa biyyatti dagatanii bira darbuu hin qaban jedhan Aadde Letiisiyaan.

''Kufaatiin Itoophiyaa keessatti uumame, kufaatii Afriikaati. Waltajjiin kun waa'ee dhiittaa mirga namoomaa kaasuun iyyachuuf carraa guddaadha.''

Sirni mootummaa haaraa hundeessuu kun seenaa qabeessa waan ta'eef guyyaa kanarratti waa'ee mirga namoomaa dubbachuun murteessaadha jedhan.

''Gamtan Afriikaa guyyaa kana fayyadamuun waa'ee dhiittaa mirga namoomaa lallabuu qaba. Mootummaan Itoophiyaa akka daandii gargaarsaa saaqu dhiibbaa uumuu qaba. Akkaataa waraanni itti dhaabbachuu danda'u irratti dhiibbaa uumuu qabu. Gamtaan Afriikaa kan ifatti dubbachuu qaba.''

Gamtaan kun Jaarmiyaa qabu hundaan mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa uumuu qaba kan jedhan Letiisiyaa Bader, gamtichaa komii qabaachuus himan.

''Adeemsi qorannoo (Comission of inquiry) deeggarsa Gamtaa Afriikaa hin arganne. Gamtichi qorannoo nan gaggeessa jedhee ture, garuu qorannoo kana ifa gochuurratti barfannaa fi harkifannaa qaba.''

Gamtaan Afriikaa Pireezdantii duraanii Naayijeeriyaa fi nama siyaasa Afriikaa keessatti dhageettii qaban Oliseguun Obasaanjoo bakka bu'aa Gaanfa Afriikaa godhee, akka waraana Tigraay jaarsummaan furaniif bakka buuseera.

Aadde Letiisiyan akka jedhanitti, Obasaanjoon carraa kana fayyadamuun hatattamaan qaamolee walwaraanan lameen walitti fiduun mariisisuu qabu.

Waamichi garaagaraa biyyoota addunyaa adda addaa fi UN irraa dhiyaatus waraanni Sadaasa 2020 Tigraay keessatti eegale waan dhaabbataa jiru hin fakkaatu.

Hiyuuman Raayitis Waach haleewwan jumlaa, haleellaa saalquunnamtii, buqqaatii lammiilee, haleellaa ta'e jedhamee misoomaawwaan bu'uuraa irratti raawwatamu, mootummaa Itoophiyaa fi michootasaan raawwatamuun galmeessee qabadheera jedha.