Waraana Tigraay: UN'tti hogganaan deeggarsa namoomaa konkolaattonni deeggarsa fe'an akka socho'aniif gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Maartiin Griffiths, konkolaattonni deeggarsa fe'an gara naannoo Tigraayitti akka socho'aniif gaafatan.
UNtti Hogganaan dhiyeessii deeggarsa namoomaa yeroo ariifachiisaa kun, naannoo Tigraayittii beelli miidhaa qaqqabsiisaa jira jedhanii akka yaadan Rooyitarsiitti himaniiru.
Ittigaafatamaan kun dhiyeessitii deeggarsaa 'qoqqobbaa deeggarsa namoommaa ifa hin taane jalatti kan argamtu' Tigraay qaqabuun irra jiraatu keessaa harka 10 qofaatu deeggaramtoota qaqabuu madda oduu kanatti himaniiru.
Maartiin Giiriifitas dabaluunis, gaaffiin isaanii konkolaataawwan deeggarsa namoommaa fe'an akka socho'aniif akka hayyamamuuf ta'uu guyyaa Kibxataa Rooyitarsiitti himaniiru.
''Kun nam-tolcheedha. Tarkaanfii mootummaatiin fooyya'uu ni danda'a,'' jechuun ibsaniiru.
Waraanni Tigraay baatiiwwan 10 dura erga humnootii motummaafi humnootii TPLF jiduutti eegaleen booda, kanneen kumaatamaan lakkaa'amni du'anii, kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammo Kaaba biyyattii keessatti deeggarsa yeroo atattamaa akka isaan barbaachisuu yeroo garaa garaatti gabaafamunsaa ni yaadatama.
''Namoonni kuma 400 ta'aan haala beela hamaa fakkaatu keessatti argamu jechuun raagnee turre. Tilmaamni keenya deeggarsi yoo isaan hinqaqabnee beelaaf saaxilamu kan jedhu ture,'' jechuu haala raaguu baatii Waxabajjii turu kaasan hogganaan kun.
Akka hogganaan kun jedhaniitti naannoo Tigraayiitti hir'inni boba'aa, maallaqaa fi konkolaataawwanii jiraachuu fi qoqophaan deeggarsa namoomaa ifa hintaanee jiraachu kaasuun ''beelli (haalli) kana fakkaatu mudateera jedhee tilmaamuun qaba,'' jedhaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Motummaan Itoophiyaa gama isaatiin deeggarsi namoomaa akka hinqaqqabneef dhorkaa kamuu akka hin keenye beeksisaa turuunsaa ni yaadatama.
Siriiyyuu meeshaaleen deeggarsaa gara naannichaa akka saffisaan galaniif mijeessuu eddoowwan sakkatta'iinsaa torba turan gara lamaatti akka hir'atan taasisuu motummaan beeksiseera.
Kana malees mootummaan konkolaattonni meeshaalee deeggarsaa fe'uun gara naannoo Tigraay imalanii turan, naannicha keessaa osoo deebi'anii hinbahiin hafan tajaajila akkamiitiif olfamaa akka jiran shakkii nutti umeera jedhanii ture.
Ministeerri Nagaa Fulbaana 06, 2021 ibsa baaseen: ''konkolaattonni hafan kaayyoo isaaniitiin alatti itti fayyadamamaa akka hinjirree ilaalchisee qaamni ragaa kennu hinargamne,'' jedhee ture.
Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa garuu konkolaattonni naannoo Tigraayii akka hinbaane kan taasise hir'ina boba'aa fi dararamaa shufeerota irratti qaqqabudha jechuun deebii kennanii ture.
Gabaasawwan Motummoota Gamtomanii akka jedhaniitti yoo ta'e, konkolaatoonni meeshaa deegarsaa fe'uun gara Tigraay wayita imalaniitti yoo xinnaate yeroo lama dhukkaafni irratti bamaneera.
Kana malees UN konkolaachiftoonni saba Tigree ta'an naannoo ollaa Affaar keessatti haalli itti to'annoo jala oolfamaa jiraatu kaasee ture.
Hanqina nyaata madaalawaa
Aabba Grifits konkolaattonni fe'umsaa kunneen gara Tigraay deemanii achumaan hafuun isaanii hojii dhiyeessii deeggarsa namoomaa irratti danqaa tahuu dubbatan.
Konkolaattoniifi shufeeronni ''sadarkaa jalqabaan Tigraay keessaa bahuuf kan isaan barbaachisu boba'aa fi fedhii dhabuu tahuu mala. Sababni isaa maaliyyuu haa tahu, hojii namoomaa irratti rakkoo uumaa jira,'' jedhan hoogganaan kun.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) dameen Itoophiyaa fuula Twiitara isaarratti ibsa Kibxata baaseen, konkolaattonni fee'umsaa 61 Tigraay keessaa deebi'uusaaniifi guyyoota ittaananittis dabalataan ni bahu jedhee akka eegu hime.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
UN waraana kaaba Itoophiyaatti dhalate hordofee, Tigraay keessa qofa uummanni miiliyoona 5.2 qarqaarsa barbaada jechuun hima.
Dhaabbatichi dhuma ji'a Hagayyaa keessa daa'imman ganna shanii gadiirratti hordoffii taasisuun, parsantaa 22.7 kan tahan hanqina nyaata madaalawaa akka isaan mudate mirkaneesseera.
Kana malees haadholii ulfaa yookaan harma hoosisan 11,000 keessaa ammoo kanneen harka 70 tahan, hanqina nyaata madaalawaa hamaaf saaxilamaniiru jedheera.
Maartiin Griffiths hanqina nyaataa kana, beela Somaaliyaatti 2011 mudate wajjin wal fakkeessaniiru.
Aabba Griffiths guyyaatti konkolaattonni qarqaarsa namoomaa fe'an 100 gara Tigraay galuu qabu jechuun, yeroo ammaa garuu qarqaarsi dhiyaate namoota harka 10 tahaniif qofa tahuu dabaluun himaniiru.

















