Guyyaa Dubartoota Addunyaa: Dubartoota mudannoolee abdii kutachiisoo keessa bahuun fakkeenya ta'an

Sinidduufi Assallafach ganda baadiyyaa keessaa Finfinneetti badanii hireen achitti isaan qunname abdii kutachiisaa ta'us keessa bahuun fakkeenya ciminaa ta'aniiru.
Sinidduufi Assallafach Finfinnee maqaadhaan qofa beeku ture. Ganda baadiyaa itti dhalatanii guddatanitti Finfinneen ijaan argaas, oduudhaaniis gaariidhuma qofa itti fakkaata ture.
Finfinneen kan itti hojjetanii milkaahan, ofirra darbanii kan maatii isaanii qonna hojjetaniif utubaa itti ta'an akka ta'e amanu.
Oduun waayee magaalaa Finfinnee baadiyyaatti dhagahan beellama qaamaan imaluu, tikkeeta geejibaa fi kaanis hin qopheessiin dura qalbii isaanii booji'e.
Kana gidduutti miseensi maatii waayee Finfinnee deemuu anatti dhiisaa kan jedhu argame.
Ogeettii qabiinsa manaa, Sinidduu
Sinidduun ammaan tana magaala Finfinneetti oogummaa qabiinsa manaan qacaramtee hojjetti.
Waggoota muraasa boodatti deebitee seenaa ishee yeroo yaaddattu garuu bakka amma jirtu gahuun ishee dhugaa itti hin fakkaatu.
Ko'eettii taatee gara magaalaa Finfinnee dhufuun ishee jireenya ishee jijjiireera. Sinidduu Goddaaheenyi bultii ijaarrattee haadha daa'ima tokkoo turte.
Ilmi abbaa ishee kan obboleessa ta'uuf Finfinnee osoo deemtee jirtuu jireenya fooyyee qabu ishee jiraachisu akka argattu, waa guduunfachuu akka dendeessu yoo itti himu mucaa ishee maatii isheetti gattee, obboleessa ishee amantee gara magaalaa Finfinneetti atoobisii yaabbattee qajeelte.
Daa'ima ishee ganna lamaa harmee isheetti gattee maallaqa geejibaa birrii dhibba lama obboleessi ishee ergeef qabattee imalte. Finfinneetti hojiin daa'ima kunuunsi banamee ishee eege.
Erga hojii ishee qacarsiisee obboleessi ishee kun miindaa ishee ji'a ji'aan fuudhee ol-kaahaaf ture.
Sinidduun miindaa ishee kanaan jireenya daa'ima fi harmee ishee fooyyessuu osoo yaadduu guyyaa hamaa tokkotti wanta hamaan ishee mudate. Abbaan warraa warra daa'ima isaanii kunuunsituuf dirqiin ishee gudeede.
Yoona Sinidduun mana kana gadhiiftee bahuuf dirqamte. Mana kan biraattis qacaramte.
Ji'oota booda garaatti ishee hafuu beektee warra ishee qacaretti yoo himtu hojii isheen akka itti fuftu hayyama dhorkatan.
Obboleessi ishee miindaa ishee kuusaafii tures maallaqa ishee 2,000 qaqqabe sii hin kennuu jedhee dhowwate. Jaarsummaa itti baaftus tole hin jenne. Boodas harka namaa ilaaluuf dirqamte.
Kana gidduutti dubartiin gaariin tokko maallaqa kenniteefii mana kireessitee jiraachisuu eegalte.
Yeroon itti deessu yeroo gahus yaala baqaqsanii hodhuun dahuun dirqama ta'e. Dur lubbuu ishee takkittii jiraachisuun badaa kan itti hin ulfaanne, amma daa'ima ishee reefu dhalate waliin jireenya waldhaansoo qabuun itti ulfaate.
Deessee guyyaa 15ffaa irratti bakka tursiisa dubartootaa akka galtu namoonni ishee gargaaran.
Erga achi galtee abbaa mucaa ishee haaraa kanaa barbaaddee himattee, daa'imaaf maallaqa itti guddistu ji'a ji'aan akka kutu irratti murteessisifatte.
Kunis ji'oota muraasa bakka tursiisa dubartootaatii baate keessatti itti hin fufne. Abbaan mucaashee mindaa kutuu dhaabee achi buutee isaas dhabde.
Bakka tursiisa dubartootaa yeroo turtu ogummaa harkaa baratteen hojii hojjechaa turte. Yeroo ammaa ammoo oogummaa eeggannoo manaatiin leenjitee ittiin hojjechaa akka jirtu BBC'tti himteetti.
'Kanneen na argan hunduu waan hedduu baratu'
Assallaf (kan gabaasa kanaaf jecha maqaa biraa himatte) shaayiifi buna gurguraan of jiraachisa jetti.
Ganda baadiyyaa itti dhalattetti carraa barnootaa argachuu feetus, hir'ina qaamaa waan qabduuf kutaa hanga ta'een ol akka barattu hayyama maatii dhabde.
''Mana isaanii akkan eegu, akkan mana qulqulleessu qofa barbaadu'' jetti.
Keessa kootti kaayyoo hedduun qaba ture. Nan danda'a kan jedhu abdii jabaan qaba ture kan jettu, Assallaf gara magaalaa waayee isaa hedduu dhageessee Finfinneetti baddee dhufte.
Hir'ina qaamaa kan qabdu Assallaf Finfinnee yeroo geessu daandiirra jiraachuuf dirqamte. Mucaa ganna 14 taatee Finfinnee erga galtee waggaa tokkoof daandiirra jiraatte. Daandiirratti dirqiin gudeedamte of wallaatee kan argamte dargaggeettiin kun poolisootaan fuudhamtee gara hospitaalaa geeffamte.
Yaala barbaachisu erga argattee booda gara buufata daa'immaniifi dubartootaa geeffamuu himti.
Poolisiin nama ishee gudeede qabuuf barbaachi godhan akka hin milkoofne dubbatti. Achii booda ammoo qorannoo HIV fi ulfaa godhameef hordofee garaatti baachuun ishee beekame.
Giddugala dubartootaafi daa'immanii keessa waggaa lamaaf yeroo turtu da'uu ishee duras boodas deeggarsa argachuu himti.
Gidduugala kana keessatti akkan danda'u beekee fi of amaneen bahee jetti. Itti dabaluun ammoo leenjiiwwan akka hojii nyaataa, leenjiiwwan hojii biroo fudhachuun of gahoomsuu himti.

Madda suuraa, Zelalem Abera (AWSAD)
Buufata kanaa yeroo baatu ammoo hojii daldalaa irratti bobbaate. Hanga ammaa bu'aa bayii hedduu keessa darbuu kan himtu Assallaf ammaan booda garuu yaada koo galmaan gahuuf wanti na dhaabu hin jiruu jetti.
''Qaama miidhamtuu ta'ee daandiirraa ergan jiraadhee, sanuummoo dirqiin gudeedamuu dandamadhee as gahee dhaabachuu yoon danda'e, ofirra darbee namoota kaaniif fakkeenya ta'uu nan danda'a'' jetti.
Assallaf fuula duratti daldala ishee jabeessitee, namoota hanqina qaamaa qaban biroo qacartee hojjechiisuu yaaddi.
Tursiisa dubartootaa
Dur waldaa ittisa haleellaa saalaa jedhamuun kan beekamuufi amma ammoo waldaan misoomaa 'Yeseetooch Maarefiyaa' kan jedhamu haleellaa irra gaheen dubartoota miidhamaniif kan isaan cinaa dhaabatu hin qabne dubartoota hedduu gargaaruuf yaala.
Dhaabbati kun dubartoota dirqiin gudeedamaniif gama seeraan waggaa 18'f deeggarsa godheera.
Finifnneetti kan hojii eegale waajirri kun amma Adaamaafi Hawaasaattis buufataalee lama lama, Dasee fi Samaraattis waajjira banee kanneen dirqiin gudeedaman gargaaraa jira.
Qindeessituu deeggarsaa buufata kanaa kan taate Nuunniyaat Gosaayee BBC'tti yoo dubbattu dubartoota miidhaman akka fedha isaaniitti gargaaraaniifi leenjii oogummaa fedha isaaniirratti hundaa'e ni kennu.

















