''Dubartoonni hunduu miidhama koorniyaa irraa bilisa miti''

Suura daa'ima gudeedamte

Madda suuraa, Zelalem Abera (AWSAD)

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman umurii 18 gadii gudeedaman waldaa gaaddisaa fi misooma dubartootaatti tajaajila argatu

Bakka dhaloota ishii dubbachuun warra ishii maqaa balleessuu kan itti fakkaate Zabiibaa Idiriis NaannooKibbaa irraa akka dhufte dubbatti. Umurii ishii 16'tti waggaa tokko dura abbaa warraa obboleettii ishiin gudeedamuu dubbatti.

''Osoo akka daa'imaa na ilaalera ta'e, fedhii barachuuu fi beekuu koo osoo hin balleessine ta'e,'' jetti faara jireenya ishee akka balleesse yeroo himtu. Inumaayyuu cittoo irratti fanxoo ta'ee ijoollummaan haadha mucaa taate.

''Ilmi kan Waaqaati jedhu garuu ijoollummaatti ba'aadha ta'a.'' Barsiifata hawaasaa, isa miidhe osoo hin taane kan miidhame hadheessu keessatti, ifa- baasanii dubbachuun kabaja akka dhabsiisanitti fudhatama. Kanaaf, dubbachuu rakkatu.

Warra ishee biratti kutaa torba osoo barattuu hollannaa tasa nama mudduufi dugda waan dhukkubeef barumsa addaan kutte. Yaala fayyaafis ta'e barumsa itti fufuuf obboleettii Finfinnee jirtu bira dhufte.

Obboleettiin Zabiibaa gandarra deemaa uffata miiccuufi mosee waaduun jiraatti. Kanaaf, galgala mana galti. Yeroos Zabiibaan mucaa obboleettii eeguun ykn mana keessa hojjechaa turti.

Barumsa fayyaa barattee harmee ishee faltii horii haraa guddiste gargaaruuf fedhii guddaa kan qabdu Zabiibaan, dhukkuba ishii dandamattee yeroo boqottu kitaaba dubbisuu hin dhiisne.

Mana xiqqoo taatetti obboleettii fi abbaa warraa ishii waliin kan jiraattu Zabiibaan isaan sireerra isheen fiiraasha lafarra afattee rafti. Abbaan warraa obboleettii ishii konkolaataa oofu guyyuu durseeti mana gaha.

Gaafa tokko dugda dhukkubee ciistee bakka jirtutti wanti hin eegne ishee mudate. Haaduun sodaachise akka gudeede himti.

''Dhiigni hedduun na keessaa dhangala'aa ture. Dhiigakoo haxaa'ee lafan dhaqu wallaalee gara daandii asfaaltiitti ba'e,'' jechuun mataa gadi qabattee dubbatti. Obboleettiin ishii daandiirra dhaabattee yoo agartus xiqqoo akka dhukkube malee omaa itti hin himne. Ishiinis hin shakkine.

Nama biraatti dubbannaan akka ajjeesu waan itti dhaadateef jireenyi obboleettis hin bada jette waan yaaddeef ni calliste. Gaafa biraa osoo bishaan waraabduu kuftee mana yaalaa yeroo geeffamtetti wanti hunduu barame.

Miidhamaan alatti dooktarri wal'aansaa ulfa ji'a torbaa akka taate itti hime. Yeroosi obboleettin waamamtee wana hunda kan barte. Yeroo itti jireenya ishii jibbitetti waldaan gaaddisaa fi misooma dubartootaa, dubartoota gudeedaman gargaarutti dhufte.

Dhimmi nama ishee gudeede mana murtiitti ilaalamee mana amala sirreessaa seeneera. Isa caalaa garuu, deeggarsa obboleettiin taasisteen guddaa gammaddi.

Nama obboleettii ishii gudeede biraa bultiin hin ta'u jettee waan diigdeef gammachuu qabdi. Erga gaaddisa kanatti dhuftee as jireenyi ishii fooyya'eera. ''Yeroon ulfa ture namaa gaditti of ilaalaa boo'aan ture.''

Daa'ima gudeedamtee gargaarsa poolisiin gara waldaa isaan gargaarutti geeffamaa jirtu

Madda suuraa, Zelalem Abera (AWSAD)

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni miseensa maatii dhiheenyaan gudeedaman dhimmi isaanii mana murtii erga ilaalame booda manatti deebi'uuf rakkatu

Gaaddisa kana keessatti hodhaa huccuu, qophii nyaataa, hojii rifeensaa, hojii leemmanaa fi mukaa leenji'u. Zabiibaaniis hojii mana rifeensaa baratte. Waldaa kanas ni galateeffatti.

''Mana kana Waaqatu naa qopheesse.'' Barumsa kana dura tajaajila gorsa xiin-sammuu fi hiriyyoota horattus, ammas garuu abdii kutachuu hin dhiifne.

Gara jabina

Waldaa kana keessatti Zabiibaan ala, reefu umurii 13 kan taate Mastawaalis seenaa wal fakkaataa qabdi.

Qoraan funaanuuf bakka dhaqxetti dargaggeessa ollaatti horii tiksuuf miindeffameen, marxoo maratteen afaan cuqqaale akka gudeede fuula dhokfattee boo'aa dubbatti.

''Sa'aatii muraasaaf of wallaalen ture. Booda obboleettii kootu na dammaqse.'' Kanarratti immoo obboleettiin ishii waggaa sagalii wanna ta'e hunda agarteetti.

Maastawaalis akkuma Zabiibaa waan ishii mudate akaakilee ishee guddisanitti himuu hin feene. Hin dhokfatte.

''Uffata koo dhiiga xuqe akka namni hin agarreef nan dhoksee. Sababni isaas akka ani balleesseefi beekaa godhetti waan yaadaniifi. Maqaa obboleettii koo xiqoofin jiraadhe malee akka malee of jibbeen ture.''

Dubbiin kun dhoksamee turus dhukkubni naannoo gadameessa ishee boqonnaa dhowwatee jennaan quxisuu isheetu akaakileetti himtee dhagahame.

Erga dhagahamee dubbiin mana murtiitti ilaalamus, yeroo xiqqoo booda gadhiifamuun isaa ishiif ifa akka hin taane kan himtu.

Qe'eetti ijoolleen waan taate dhagahan quba itti qabu ture. Namni ishee gudeede dubbii ishee akka barbaadaa tureefi akka rukuteen dubbatti.

Barumsa itti fufuuf yeroo rakkattetti adaadoon ishii gaaddisa kanatti kan fidde. Guddattee poolisii ta'uuf yaada qabaattuus quxisuu ishii qe'eetti hafteef guddaa yaaddofti.

Abdii gaarii

Waldaa kana keessatti seenaawwan gaddisiisoo hedduun jiraatanis, ammas borii abdachuun isaanii nama dinqa. Dubartoonni seenaa akkanaa qooddatan danuudha. Kaan fuulli gubatee kaan mada'anii tajaajila argachuuf waldaa kanatti dhufu.

Masarat warra ishii waggaa jahatti kan dhabde yoo ta'u, mana nama hojjettuutti cuubeedhaan doorsifamtee kan gudeedamte. ''Dubartoonni hunduu miidhama koorniyaa irraa bilisa miti'' yaada jedhu qabdi.

Waldaan gaaddisaa fi misooma dubartootaa waggaa 14 dura namoota seeraa shan waldaa ogeessoota seeraa dubartootaa keessaa walitti bahaniin akka hundaa'e qindeessaan sagantaa dhaabbatichaa Giruum Alamaayyoo ni dubbata.

Yaadni waldaa kana hundeessuu kan dhufe, daa'immanii fi dubartoonni gudeedaman mana murtiitti miseensa maatii isaaniin gudeedamuu erga himataniin booda manatti deebi'uu waan rakkataniif gaaddisa akka argataniif yaadameeti.

Waldaa kana keessatti nyaata, bultii, gorsa, barumsaafi deeggarsa barnootaa, akkasumas leenjiiwwan adda addaa argatu. Finfinneen alas Adaamaa fi Hawaasaatti tajaajila akkanaa kennuun, waluumaa gala dubartoota 1,500'f tajaajila kenna.