Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa: Afrikaaf hiika akkamii qaba?

Qonnaan bultuu Maalaawwii lafa qotaa jirtu

Madda suuraa, UN Women/Bennie Khanyizira

UN waggaa waggaan Bitootessi 8 Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa ta'ee akka kabajamu murteesseera, guyyaa kanarratti mirgi dubartootaa ifaajee guddaadhaan argame ni leellifama. Akkasumas ammallee qoollifannaa koorniyaan walqabatu hambisuuf hojiin guddaan akka hafu guyyaa itti ibsamuudha.

Guyyaan kun bara kana mata duree "Amma walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuun bu'uura egeree itti fufaati'' jedhuun kabajama jedhe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN).

Matadureen kun maaliif filatame?

Jaarmiyaa dhimma dubartootaa UN Women jedhamutti Daarektara Bahaa fi Kibba Afrikaa kan ta'an Dr Maxime Houinato, ''hojii rakkoo jijjiirama qilleensaa fi balaa uumamaa ittisuuf hojjetamu keessatti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuun qormaata addunyaa jaarraa 21ffaati, jechuun BBCtti dubbatan.

"Dubartoonnii fi shamarran jijjiirama qilleensaa akkaan miidhamu,'' jedhan.

Akka qorannoo UN'tti balaa uumamaan kan baayyinaan du'an dubartootaa fi shamarrani.

"Fakkeenyaaf balaa lolaa bara 2014 Odola Solomoon mudateen namoota du'an keessaa dhibeentaan 95 dubartoota. Balaa kirkira lafaa bara 2015 Neeppaal mudateen namoota du'an keessaa dubartoonni dhibbeentaa 55.

''Bubbee hamaa Cyclone Idai, bara 2019 Maalaawwii keessaa namoota buqqiseen dhibbeentaan 59 dubartoota,'' jechuun Un Women marsariitii isaarratti baase.

Giddugala Moozaambik, daandii guddicha Buzi, irra namoonni lolaa keessa deemu, Bitootessa 20, 2019

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Roobni bubbee hamaa makate Afrikaa keessatti balaa hamaa uume

Balaan haala qilleensaa waliin walqabatu rakkoolee hawaas-diinagdee hamaa hedduu uumeera.

"Fakkeenyaaf Yugaandaa keessatti horiin dhumuun, oomishi baduu fi hanqinni nyaataa mudachuun gogiinsa mudaterraa kan maddeedha.

''Kanarratti dabalataan weerarri hawaannisaa ammoo maatiin homaa harkaa dhabanii ijoolleen akka mana barnootaa adda kutan godheera. Keessattuu shamarran wayita manatti deebi'an hojii humnaa ajajamu, akkasumas umriinsaanii osoo hin ga'in dirqamaan heerumu.

''Shamarran dhiiraaf kennamanii soorataan geeddaramu,'' jedha barreeffamani miidiyaan dhimma misoomaa gabaasuun beekamu, Inter Press Service, maxxanse.

Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa akkamiin eegale?

Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa maddi isaa sochii hojjettootaa bara 1908'ti. Boodarra bara 1975 waggaan waggaan akka kabajamu UN murteesse.

Bara 1908 dubartoonni 15,000 caalan magaalaa Niiw Yoork keessatti hiriira ba'uun guyyaatti sa'atiin hojiirratti dabarsan akka gabaabbatu, kaffaltiin akka fooyya'uu fi mirgi filachuusaanii akka eegamuuf gaafachuu eegalan.

Paartiin Sooshaalistii Ameerikaa isaan hiriira ba'anii waggaa tokko booda Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa labse.

Guyyaan dubartootaa akka addunyaatti beekamtii argatee akka kabajamuuf lammiin Jarmanii kan dhimma dubartiirratti xiyyeeffachuun hojjettu Kilaaraa Zetkiin lafee dugdaati.

RUSSIA - CIRCA 1900: Clara Zetkin (1857-1933), qondaalli siyaasaa Jarmanii magaalaa Moskootti waraana Raashiyaan dabaalamanii

Madda suuraa, Harlingue

Ibsa waa'ee suuraa, Clara Zetkin dubartii dhumma dubartootaaf falmaa turtedha

Zetkin bara 1910 Yaa'ii dhimma dubartootaa Idiladdunyaa Denmaark, Koppenhagenitti taa'amerratti biyyoota 17 irraa dubartoota 100 waahila qabsoo ishee ta'an aragatte.

Yaa'iin kun waggaa itti aanurraa eegalee Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa kabajamuu akka qabu yaada Zetkin dhiyeessite sagalee guutuun raggaasise.

Wayita kana guyyaa kanarra kabajama yaadi jedhu hin turre, garuu waggaatti kabajuu qofarratti waliigalame.

Guyyaan kun kan seera qabate mormii dubartootaa bara 1917 Raashiyaatti gaggeeffameen booda.

Mormiin dubartootaa kun guyyoota afuriif kan ture yoo ta'u, gaaffii ''daabboo fi nageenya'' jedhu gaafatan.

Mormii kanaan mootiin Tsar Nikolaas jedhamu aangoorraa erga buufaman booda, mootummaan ce'umsaa dubartootaaf mirga filachuu mirkaneesseef.

Guyyaan dubartoonni mormii eegalan akka lakkoofsa Raashiyaa yeroo sana hojiirra oolaa tureetti Guraandhala 23 ture.

Guyyaan kun akka lakkoofsa girigooriyaanitti Bitootessa 8 irra oola. Guyyaan dubartootaa har'a Bitootessa 8 kabajamus achirraa madde.

Afrikaa keessattihoo?

Guyyaan kun Afrikaa keessaa Eertiraa dabalatee biyyoota torba keessatti kabajama.

Eertiraa keessatti ga'ee dubartoonni fi shamarran waraana keessatti gumaachan, darbees walabummaa biyyaaf oolantu guyyaa kana yaadatama.

Loltoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(EPLF) wayita waraana bilisummaa Eertiraa keessatti hirmaatan, Waxabajjii 20, 1978

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Walabummaa Eertiraa mirkaneessuuf dubartoonni biyyattii heddumminaan lola keessatti qooda fudhataniiru

Biyyoonni Afrikaa kaan guyyaan kun akka biyyaalessaatti keessatti yaadatamu Angoolaa, Burkina Faasoo, Giinii Bisaawoo, Seeraa Liyoon, Yugaandaa fi Zaambiyaadha.

Madagaaskaar keessatti dubartoonni qofaan akka kabajaniif labsame.

Biyyoonni Afrikaa kaan guyyaa dubartootaa mataasaanii qabu, Afrikaan Kibbaa Hagayya 9 irra kabajji.

Guyyaan kun yaadannoo guyyaa dubartoonni 20,000 ta'an bara 1956 hiriira ba'uun bulchiinsa gosaan nama qoodu mormaniidha.

Dabalataan Gamtaan Afrikaas Adoolessa 31 Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa jechuun labsee jira.