Bitootessa 8 (March 8): Waa'ee Guyyaa Dubartoota Addunyaa waan shan beeku qabdan

Guyyaa Dubartoota Addunyaa

Madda suuraa, Getty Images

Guyyaan har'aa (Dilbata) addunyaa mara irratti Guyyaa Dubartoota Addunyaa jedhamuun kabajameefi yaadatame oola.

Itoophiyaanis barana guyyaa kana waggaa 44'f kabajaa jirti.

Garuu Bitootessi 8 maaliif Guyyaa Dubartootaa Addunyaa jedhamee filatamee? Guyyaa kana ayyaaneeffachuuf ka'uumsi isaa maali?

Wantoonni shanan isin tarii hin beekne kana.

Presentational grey line
yoom eegale?

Guyyaan Dubartoota Addunyaa bara 1900n jalqabaa irraa eegalee mul'ataa tureera.

Warraaqsa hojjatootaa keessaa madduun guyyaa Mootummaa Gamtoomanii UN'n beekame ta'uu danda'eera.

Mirga dubartootaa sarbamuufi walqixxummaa dhabuun isaanii dubartoonni geddaramsa barbaachisaa sagalee isaanii akka dhageessisaniif dirqamsiiseera.

Bara 1908tti yeroo dubatoonni 15,000 ta'an maagaalaa Niw Yoork keessatti gaaffii yeroo hojii gabaabaa, mindaa foyya'aafi mirga filachuu gafachuun hirira ba'anitti yaadi guyyaa kanaa burquu eegale.

Waggaa tokkoo booda Paartii Soshaalistii Ameerikaa ture guyyaa dubartoota biyyaalessaa kan labse.

Guyyaa kana adduunyaa maratti akka kabajamuuf yaada kan fiddee dubartii Kilaaraa Zetkin jedhamtudha.

Kilaaraa Zetkin

Madda suuraa, ullstein bild Dtl.

Ibsa waa'ee suuraa, Kilaaraa Zetkin bara 1890

Yaada kana kan dhiyeessite konfiransii dubartoota hojjatanii idil addunyaa Koppeen hagenitti taa'ame irratti. Saganticharra kan turan dubartoonnii 100 biyya 17 irraa walitti qabaman yaada isheen walii galani.

Guyyaan Dubatoota Addunyaa jalqaba kan kabajame A.L.A bara 1911 Ostria, Denmaaki, Jarmanii fi Siwizarlaandittidha.

Waggaa 100ffaan isaa bara 2011tti kan kabajamee yeroo ta'u Bara kana wagga 109ffaa isaatu kabajama jechuudha.

Guyyaan kun seeraan kan simatame bara 1975tti yeroo Mootummoti Gamtoomanii (UN) guyyicha ayyaneeffachuu eegaletti dha.

yoom kabajama?

Yaadni Guyyaa Dubartoota Addunyaa Kilaaratiin dhiyaate guyyaa murtaa'aa hin qabu ture.

Jalqabarratti ayyanaa kanaaf kan filatamee Bitootessa 19 yoo ta'u kunis kan filatamee guyyaa mootiin Piraashiyaa dubartoonni akka filatan nan godha jechuun bara 1848 waadaa seenee yaadannoo goochuuni. Mootiin kun ta'us waadaa isaa hin eegne.

Ayyaanni Guyyaa Dubartootaa Addunyaa Bitootessa 8tti kan jalqaba dabarfame bara 1913tti ture.

Seeraan garuu guyyaan kun Bitootessa 8tti kan darbe bara 1917tti yeroo dubatoonni Raashiyaa 'daabboo fi nagaa' jechuun mormii isaan ba'aniin booda.

Hiriirri mormii kun eegalee guyyaa afur booda bulchaan aangoo gadhiisee mootummaan haaraa dhufe ammoo dubartootaaf mirgi filachuu kenneera.

Guyyaan hirirri kun itti eegale Bitootessa 8 ture.

hiriira kabaja Guyyaa Dubartoota Addunyaa

Madda suuraa, Boston Globe

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira kabaja Guyyaa Dubartoota Addunyaa Bitootessa 8 bara 1970
3. Biyyoota adda addaatti akkamitti kabajama?

Mootummoonii gamtoomnii Bitootessi 8 irratti dubartoota yaadachuufi kabajuun Guyyaa Dubatoota Addunyaatti yakka jedhamu beeksiseera.

Biyyoota 27 kan akka Afgaanistaan, Eertiraa, Burkinaa Faasoo, Angoolaa, Raashiyaa, Jaramanii fi Yugaandaa keessatti guyyaan dubartoota Addunyaa hojiin Idilee cufamee kabajama.

Biyyoota akka Chaayinaafi Madagaskaar keessatti guyyaa kana hojii idilee dhaabuun kan kabaju dubartoota qofadha.

Biyyoota akka biro hedduu keessatti guyyaan kun hojiin idilee dhaabachuu baatus, Guyyaa Dubartoota Addunyaa jedhamee yaadatamee darbaa.

Guyyaa kana irratti dhiiroti dubartoota jireenya isaani keessa jiran -hiriyaa, haarmee, hadha warraa, ijoollee durbaa isaaniifi kkf'f keenna adda addaa kennuun biyyoota hedduutti aadaa barame ta'ee jira.

Itaalii keessatti abaaboo Yellow mimosas jedhamu dubartootaaf kennuun guyyaa kana kabaju.

Ameerikaa keessatti baatiinBitootessaa guutuun Baatii seenaa Dubartoota jedhamee yaadatamee kabajamee darba.

ergaan ayyanaa kanaa kami

Addunyaa irrattii halluun dubartii agarsiisuf fayyadamamu Siddisadha. Seenaa keessatti walqixxummaa dubartootaaa agarsiisuuf halluuwaan siddisaa, magarisaafi adii fayyadamuun kan maddee bara 1908tti Gamtaa Hawaasaafi Siyaasa Dubartoota UK irraati.

Guyyaan kun wagga waggaan yeroo kabajamu ergaa fi daadhanno haaraa qabachuuni.

Bara 1996tti kabaja Guyyaa Dubartoota Addunyaaf dhaaddannoon filatame 'Kan darbe kabajaa, kan dhufu karoorfanna' kan jedhu ture.

'Dhirooti fi Dubartoonni waliin miidhaa dubartoota fi shammarran irra ga'u ni dhaabu' kan jedhu immoo ergaa kabaja Guyyaa Dubartoota bara 2009'f filatame ture.

Waggaan 100ffaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa bara 2011 yeroo kabajametti, ergaan filatame walqixxummaa barnoota, leenjii, saayinsii fi teeknolojii irratti kan xiyyeefattee ture.

Bara 2020 kanatti immoo dhaadannoon UN'n filateme 'Ani dhaloota walqixxuummaadha: Mirga dubartoota baruu' kan jedhudha.

Midiyaalee hawaassummaa adda addaa irratti kabaja Guyyaa Dubartoota Addunyaaf namootni hedduun ergaa #EachforEqual (Hunduu wal qixxummaaf) kan jedhu fayyadamuu eegalaniiru. Kanas ibsuuf ammoo harka isaanin mallattoo wal qixaa (=) hojjachuun suuraa maxxansu.

Guyyaa Dubartoota Addunyaa 2020

Madda suuraa, IWD Website/EyeEm

Ibsa waa'ee suuraa, Mallattoo ergaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa 2020
guyyaan dhiroota jira?

Sirriitti jira, guyyaa Saaadasi 19 irratti kabajama. Garuu guyyaan kan kabajamuu eegalee bara 1990'n keessa ta'us hanga ammaatti UN'n fudhatamee beekkamtii hin arganne. UK dabalatee biyyoota 60 ol keessatti ni kabajama.

Ergamni guyyaa kanaa "fayyaa dhiroota irratti xiyyeeffannoo keennu, hariiroo korniiyaa fooyyeessu, walqixxuummaa korniyaa beeksisuu fi fakkeenyaa dhiiraa gaarii barsiisu" kan jedhudha.

Bara 2018 keessa dhaadannoon guyyaa kanaa "Faakkeenyoota dhiira gaarii" kan jedhu ture.

Presentational grey line

Walqixxummaan dhiiraafi dubartoota gidduu jiru sirreessuuf waggooti dheeraaf sochiiwwaan garaa garaa adeemsifama turaniiru. Foramiin Dinaagdee Addunyaas bara 2006 irraa eegalee qaawwaa walqixxummaa korniyaa gudduu jiru hordofaa tureera.

Gaabaasi Qaawwaa walqixxummaa korniyaa addunyaa kun biyyoota 149 kan hirmaachisu yoo ta'u, walqixxummaa dameewwan afur gurguddoo irratti foyyeessuuf hojjata : kunneennis Hirmaannaafi carraa dinaagdee, Barnoota argachuu, fayyaafi jireenya fi Hirmaannaa Siyaasaadha.

Akka gabaasa Foramii Dinaagdee Addunyaa bara 2018 ba'eetti adduunyaa irratti biyyi qaawwaa walqixxummaa korniyaa dhippisuun dursitu Ayislaan yoo taatu Afrikaa keessatti ammo kan dursitu Ruwaandaadha.

Adduunyaa keessatti qaawwaan walqixxummaa korniyaa jidduu jiru amma gara % 68 kan jiru yoo ta'u qaawwaa kana guutummatti duuchuuf gara waggoota 108 fudhata jedhameera.