Yeloo Muuviment: habaaboo keelloon dubartoota gargaaruu

Madda suuraa, Martha Tadesse
Waggoota saddetiin dura ture Yuunvarsiitii Finfinneetti wal qixxuummaa koorniyaa mirkaneessuuf Yellow Movement [ Garee Sochii Keelloo] jedhamu kan undeessan.
Barattootni kunneen kallattii garaagaraan carraawwan fi mudannoowwan saala bu'uureffatan irratti qabsoo isaanii itti fufan.
Ruut Yiybaarek sochii kana gara yuunvarsiitii Maqaleetti kan geessite osoo barattuu taatee jirtuu ture.
Hojii sochii kanaa keessaa tokko kan tahe guyyaa jaalalleewanii ykn Valentines day irratti osoo habaaboo gurguraa jirtuu dubbisne.
Akkuma baroota darbanii baranas habaaboo gurguruun namootaaf kennaa kan akka Chokoleetii kennuun deeggarsa walitti qabu.
Maallaqa argatan shammarran harka qalleeyyii yuunvarsiitii Finfinneetii barataniif kennuun akka isaan wantoota akka modesii yeroo laguun dhufu itti fayyadaman bitataniif oolchu.
Shamarran hir'ina qaamaa qabaniifis deeggarsa maallaqaa taasisu.
Guyyaa jaalalleewaniitti kennaa jaalalaa barattota dubaraaf
Guyyaa jaalalleewanii irra habaaboon baay'inaan ni gurgurama. Kanaaf warshaaleen habaaboo oomishan afur habaaboowwan gara 15,000tti dhiyaatan deeggarsaan akka kennaniif dubbatti.
''Jaalalli gaarummaa erga tahee namootnis guyyaa kana irra habaaboo bituun isaanii erga hin hafnee, maaliif waan gaarii irra hin oolchinu jennee jalqabne'' jette.
Yeroon isaas yeroo barattootni boqonnaa irra jiran waan taheef tola ooltota hedduu argachuuf mijataadha jette.
Namni tokko miseensa Yeloo Muuviment keessaa ''abaluuf habaaboo naaf kennaa'' jedhee ergachu danda'a jetti.
Ruutis yeroo ishee dubbisnu namoota kudhaniif mana jireenyaa isaaniitti, waajjiraafi bakka kaanittis habaaboo akka geesiteefii dubbatti.
Habaaboowwan kunneen naannoo ECA, Imbaasii Ameerikaa fi bakka kaanittis gurguramu jetti. Barattuu tokko waggaa tokkof ispoonser kan godhu habaaboo inni guddaan Birrii 2,000 inni kaan ammoo Birrii 30'n gurgurama.
Kan bara kanaa hangam akka galchu beekuu baatanis bara darbe Birrii kuma 216 walitti qabuun barattota shamarranii 186'f deeggarsa akka taasisan BBCtti himteetti.
Yeloo Muuviment [Sososchii Keelloo] maallaqa deeggarsaa walitti qabuu qofa osoo hin taane sochii Phaagumee dabalatee waltajjii miidiyaa''Tebil'' jedhamuu fi miidiyaa hawwaasaa irrattis beekamu.
Maricha irrattis wal qixxummaa saalaa irratti barattotaa fi barsiisota waliin mari'atu.
Sagalee xixiqqaa fi itti fufinsa qabanitti amanna kan jettu Ruut jijjiramni hanga kanaa dhufes bu'aa sochii taasisaa tureeti jetti.
Dabalataan laguu dubartii irrattis hubanna ni uumna jettee ''waan akka xuraa'aa tokkootti akka ilaalamu hin barbaannu'' jetti.
Herrega hojjenneen dubartiin tokko sababa laguudhaan ji'atti guyyaa sadii barnoota irraa yoo hafte samisteera tokkotti guyyaa 18 hafuu isheeti jetti Ruut.
Haala kanaan akka hiriyyota ishee waliin wal qixa dordomtu taasifna jette.















