Hiriira guyyaa dubortootaa Meeksikoo irratti poolisii fi hiriirtonni walitti bu'an

Dubartii yeroo hiriiraa masaraa biyyaalessaa fuulduratti

Madda suuraa, Reuters

Meeksikoo Siitii keessatti hiriiraa Guyyaa Dubartootaa Idil-Addunyaa irratti rogeeyyii fi poolisiin walitti bu’an.

Qondaaltonni poolisii addababayii Zokaalo irratti mormitoota ittisoofi gaachanaa hokkoraa fi gaziii nama bochiisu fayyadamuun diigaani turani.

Mormitoonni mootummaan dhimma haleellaa korniyaa irratti xiyyeeffatee ‘femicide’ jedhamu fi ajjechaa dubartoota biyyaatti keessatti gaggeeffamuuf deebii akka kennu gaafachaa turani.

Akka gabaasaa mootummaatti bara 2020 keessa yoo xiqqaate dubartoonni 939 ta’an haleellaa ‘femicide’n miidhamaniiru.

Wiixata irraa dubartoota ijoolle isaanii dubaraa waliin ta’an dabalatee dubartoonni kumaataman lakkaa’aman hiirira magaala guddittii Meeksikoo keessatti gaggeeffame irratti hirmaataniiru.

Shammarreen tokko dhaadannoo “Ana hin ajjeesne, garuu sodaa keessan jiraadha” jedhu qabattee turte.

Hiriiricha irratti, namootni tokko tokko dallaa sibiilaa gamoo National Plaza’tti naanna’ee ture burrusaa fi ulee fayyadamuun diiganiiru.

Daallaa kana hiriira kana dura aanga’ootatu ol dhaabe. Erga diigame booda daallicha irratti maqaan miidhamtooto haleella ‘femicide’ barreefameera.

Poolisonni hokkoraa tokko tokko mormitoonni gara nannoo National Plaza’tti akka hin dabarreef gaachanaan dhorkaa turani.

Gazeexaan biyyatti EI akka gabaasetti mormitoonni gachaana poolisoota tokko tokkotti ibidda qabsiisani kan turan ta’u “ibissichi boodarra dhaamsameera.”

Mormitoota gargar diiguuf poolisiin gaazii nama boosissuu fi ulee fayyadamaniiru.

Yoo xiqqaate poolisooti 15 fi mormiiti afur miidhamuu isaani miidiyaan biyyatti gabaaseera.

Poolisootni gazexxeessitootaa fi mormitoota to’annoo jala olchuu isaas gabaasaleen tokko tokko ni himu.

Roggeessitoonni akka jedhanitti akkanaan malee mootummaan xiyyeeffannoo waan isaaniif hin kennineef magaalaa Meeksikoo Sitii keessatti roggeessitoota mirga dubartootaa fi poolisii gidduutti waldhabdeen uumamuun hedduumachaa dhufeera.

They have accused President Andrés Manuel López Obrador of ignoring the problem of violence against women.

Mormitoonni kun Pirezdaant Andrees Manuweel Loopez Obraador dhimma rakkoo halleellaa dubatoota irra ga’uu irratti beekaa xiyyeeffannoo hin kennu jechuun himataniiru.

Bara darbe Pirezdaant Loopez Obrador rakkoon ‘femicide’ qeeqtota bulchiinsa isaan kan ‘uumamedha’ jechuun dubbatee ture.

Sadaasa darbe erga poolisiin hiriira ajjeechaa dubatootaa mormuun Kankuun keessatti ba’ame irratti dhukaasa bane booda biyyatti guuttutti dheekkamsi ka’ee ture.

Yeroos namootni lama rasaasaan rukutamanii namootni lama ammo uumame irratti namootni lama ammo hokkora ka’een miidhamaniiru.