Qabsooftuu dirree waraanaa irratti abbaa ishee waliin wal waraante

Madda suuraa, Alemtsehay Kasa
Yeroon isaa sirni mootummaa gonfoo (fiwudaalaa) kufee, mootummaan waraana Dargii aangoo qabatettidha.
Barattoonni Yuunivarsiitii barumsa isaanii adda kutaa qabsoo waraanaa keessa yeroo seenuu eegalanitti ture.
Hunduu garuu toora siyaasaa walfakkaataa hordofaa hin turre. Miseensonni maatii tokkoo faallaatiin wal ajjeesaas turan.
Alamtsahaay Kaasaa Haayiluu jedhamu. Yeroo ammaa Poolisii Federaalaatti gargaartuu Komishinaraa ta'un hojjetaa jiru.
Qondaalli poolisii kuni Naannoo Tigraay dhiheenya magaalaa Aduwaa bakka Idaagaa Arbii jedhamutti dhalatan.
Barnoota isaaaniis hanga kutaa saddeetiitti achumatti baratan.
Umurii waggaa 14tti qabsoo seenuu isaanii kan dubbatan Aadde Alamtsahaay, hacuuccaa mootummaan Dargii raawwataa tureen dirqamanii qabsaa'ota dhaaba Adda Bilisa Baasaa ummata Tigraayitti (ABUT'tti) makamuu himu.
Isuma durayyuu maandheen ijaaramuun magaalaa keessatti hojjetaa akka turan himu qondaalli kun.
''Dargiin naannoo Aduwaatti namoota ajjeesuu waan eegaleef dafee gara qabsoo akkan seenu xiiqii na keessatti uume,'' jedhan.
Maatii lamatti qoodame
Abbaan Aadde Alamtsahaay Obbo Kaasaa Hayiluu mootummaa Haayilasillaasee keessa barreesaa Aanaa ta'uun hojjetaa turan.
Barumsatti akka cimaniif abbaansaanii hedduu gargaaraa akka turan dubbatu Aadde Alamtsahaay.
Mootummaan goonfoo kufee, mootumaan Dargii erga aangoo qabatee booda Obbo Kaasaan miseensa Dargii ta'un falmii hidhattoota ABUT waliin hirmaataa turan.
Faallaatin immoo haati warraa isaanii ijoollee isaanii keessaa Alamstahaay alatti ijoollee isaanii kaan sadii waliin ta'un dargii lolaa turan.
Sababa kanaan, maatiin lamatti bahe walfalmuuf dirqame. Haatiifi ijoolleen gama tokkon abbaan gama kaaniin falmuun isaanii immoo qalbii harmee Alamtsahaay ni jeeqa ture.
Tarii yoo yaada isaanii jijjiiran jedhanii harmeen Aadde Alamtsahaay ofii isaaniis, maqaa intala isaaniinis gara abbaa warraa isaanii xalayaa erganis hintaane.
Abbaan Aadde Alamtsahaay, Obbo Kaasaa Hayiluu, mootummaa Dargiif amanamaa waan turanif akka isaanitti makamuu didan Aadde Alamtsahaay ni dubbatti.

Madda suuraa, Alemtsehay
Inumaa Obbo Kaasaa Hayiluun xalayaa harmee Alamtsaayif erganiin ''maaliif intalakoo kan 'wanbadootatti' ergite? Ammayyuu hin barfanne dafii deebisi,'' ergaa jedhu erganif.
Obbo Kaasaan gama tokkon ijoolleen isaanii Alamtsahaay, Tasfaayii, Haayilakiroos, akkasumas Tsigawaynii gama kaaniin osoo qabsoo gaggeessani A.L.I barri 1974 gahe.
Waraana bakka Aaddi Imruu jedhamutti taasifametti abbaan ishee erga lolli xumurame booda loltoota Dargii madaa'an qabatanii gara Shira Indaasillaasetti akka duubatti deebi'an Alamstahaay dubbatti.
Baruma sana lola bakka Faras Maay jedhamu taasifametti abbaan Alamtsahaay Obbo Kaasaa Hayiluu hiriyyoota isheetin booji'aman.
Qabsaa'onni ABUT lola sana irratti yeroo isaan booji'an abbaa qabsooftuu ta'u isaanii barun harka akka kennan gaafatanis waan didanif jilbaa gadi rukutani akka booji'an Alamtsahaay himti.
Booji'amanii erga turanii booda garuu lubbuun isaanii dabarte.

Madda suuraa, Alemtesehay Kasa
''Sirna seenaa keessatti gaafatamu waliin ta'e hanga xumuraa lolee lubbuun isaa darbu isaa yeroon dhagahu baay'een gadde,'' jetti Alamtsahaay.
Ijoollee Obbo Kaasaa keessaa lamaan isaanii Tasfaayiifi Tsiggawaynii qabsoo waraanaa taasifame irratti lubbuu isaanii dhabaniiru.
Yeroo ammaa Alamtsahaay haadha ijoollee dubaraa lamaati.












