Uffata shamarran maqaa 'Dabratsiyoon' jedhamuun moggaafame

Uffati shamarran maqaa 'Dabratiyoniin' mogga'e isa urjii lapheerraa qabudha
Ibsa waa'ee suuraa, Uffati shamarran maqaa 'Dabratiyoniin' mogga'e isa urjii lapheerraa qabudha

Ayyaana Ashandaa gaafa Kamisa eegalee kabajamuuf waggaa waggaatti uffati haaraa maqaa itti baasan gabaarra ni oola.

Wanti akkanaa barsiifata dhihoo eegale yoo ta'u barana uffanni maqaa 'Dabratsiyoon' jedhamuun moggaafame gabaarra ooleera.

Maqaan uffata bulchaa naannichaan bahe kun keello yeroo ta'u, laphee isaa irratti urjii qaba.

Shamarreen Mabirhit Gabra jedhamtu ayyaana Ashandaa kana ''guyyaa bilisummaakooti'' jetti.

Keessumaa wagga waggaatti uffata haaraafi dizaayiniin haaraa waan dhufuf ayyaanicha fagootti eegdi.

Ayyaanni kuni garee gareedhaan kan kabajamu waan ta'ef miseensonni garee tokko tokkoo uffata kam akka uffatan wal amansiisuuf yeroo akka itti fudhatu Mabirhit dubbatti.

Booda kana immoo filannoo isaanii wanti biraa akka rakkise himti.

''Keessumaa dhiho kana kan nuti fillu gosa uffata sanaafi akkitti hodhame qofa osoo hin taane, maqaan uffata kanaaf kennamuun 'kana wayya' jennee wal falmina'' jechuun ibsiti.

Maqaaleen kan biraa kami?

Gatiin uffata 'Dabratsiyoon' jedhamu kuni meetirri tokko hanga birrii 170'tti gurguramaa jira.

Kana dura yeroo Obaamaan gara Itoophiyaa dhufan uffanni maqaa Obaamaa jedhamu gabaa ho'isee ture.

Kana dura maqaa Getaachoo Asaffaa, Sa'aara Mokonniin, Gazaa'ii Abarraafi Getaachaw Raddaanillee moggaafamee gurguramaa ture.

Qaanaa kan jedhamus gabaarra oolee ture.

Uffata Ashandaa eenyutu maqaa itti baasa?

Jamaal Wahaabii Rabbi magaalaa Maqalee bakka Addi Haqqii jedhamutti waggoota dheeraaf uffata hodhuun jiraata.

Ayyaanni Ashandaa gabaa gaarii akka isaaf fidu hima.

Maqaa uffata gurguruu gara caalu namootumti akka mogaasa hima.

Namni biraa uffata hodhee gurguru Yamaanan immoo yaada biraa qaba.

''Maqaan uffata Ashandaa kan moggaasu kanneen uffata hodhanidha,'' jechuun hima.

Daldaltonniifi kanneen uffata hodhan haala isaa ilaalanii maqaa gabaa isaaniif fidu itti moggaasu. Kuni dhimma siyaasaas ta'e kan hawaasummaa ta'u danda'a.

Uffati bitaarra mul'atu maqaa Getaachaw Asaffaan mogga'ee ture kana dura
Ibsa waa'ee suuraa, Uffati bitaarra mul'atu maqaa Getaachaw Asaffaan mogga'ee ture kana dura

''Barana baay'ee kan barbaadame uffata 'Dabratsiyoon' jedhamudha. Hedduun isa bitaa jiru.'' Jechuun hima.

Shamarran uffata aadaa uffatanii ayyaana Ashandaa akka kabajatan miidiyaaleen ergaa ni dabarsu.

Mootummaan maal jedhe

Biiroon Aadaafi Turizimii Naannoo Tigraayis kana fedha. Haa ta'u malee, isa erga dhihoo as maqaa uffatatti mogga'u kana hin jaalanne.

Hoggantuun Itti - Aantuu Biiroo Aadaafi Turizimii Naannoo Tigraay Aadde Zannabuu Haalafoom kana qeeqaniiru.

''Ashandaan duudhaa aadaa waggaa waggaan kabajatanidha. Aadaa wagga waggaan jijjiiramu ta'u hin qabu. Akkaataa uffannaa duriin kabajamuu qaba,'' jedhan.

Jamaaliifi Yamaananillee osoo akka qondaalli kuni jedhan kabajamee jaalatu. Garuu, isa maqaa itti moggaasaniin galii bareedaa argataa turan dhabuu hin fedhan.

Inumaa barana miidiyaaleen uffata aadaa duriin akka kabajamu waan ergaa dabarsaa turanif kisaaraa keessa seenneerra jedhu namoonni hodhanii gurguran kunneen.