Siyaasa Itoophiyaa: 'Warra Tigree ta'usaaniif qofa hidhamaniifan falma'

Madda suuraa, Seb Hidri Civil Society
Waldaan hawaasaa naannoo Tigraayiitti hundaa'e tokko dhalattoota Tigraayi hiidhamtoota siyaasaati jedhe hiidhaarraa hiiksiisuuf, koree ijaaree sochii idil addunyaa eegaluusaa hime. Abbaan Alangaa Federaalaa garuu namni sababa sabummaa isaatiin hidhame hinjiru jedheera.
Waldaan 'SEB HIDRI Civil Society' naannicha keessatti sochii eegale kun, namoonni mootummaan hidhe kun, himannaa malaamaltummaa fi mirga dhala namaa sarbuun haa jedhu malee, hidhamtoota siyaasaati jedha.
Dubbi-himaa koree kanaa kan ta'e Obbo Tseggaay GebreMedhin BBC'tti akka himaniitti, naamoonni kunneen kan hidhaman piroppaagaandaa sobaatiin waan ta'eef, gargaarsi seeraa fi xiinsammuu isaan barbaachisaa jedheera.
"Humna jijjirramaati ofiin jechuun motummaan Itoophiyaa hogganaa jiru, abbaan irrummaa Tigiree jira jedhee agarsiisuuf humna Ittisaa, METEC, humna odeeffanoo fi daandii xiyyaaraa jechuun holola adda addaa hojjataa tureera.
''Tigroonni baayyeen Tigiree waan ta'aniif qofa basaastota Wayyaanee, kanadha - sanadha jechuun hedduu dararamuun hidhamaniiru.
Hidhamtoonni siyaasaa kun immoo hikamuu qabu. Kan nuti goonu tokko karaa seera-qabeessa, nagaafi dimookraatawaa ta'een mormii keenya dhaagessisuudha.
Lammaffaan immoo adeemsa seera-qabeessa ta'e eegaluun mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa siyaasaa uumuudha.
Dhaabbilee idil-addunyaa kan akka Mootummoota Gamtoomaniifi kanneen biroo kan dhimmi sarbama mirga dhala namaa ilaallatufi kan dhiibbaa uumuu danda'an biratti himata keenya dhiyeessuudha.
Kaayyoon keenya biraanis nuti namoota hiinee, reebnee, dararaa akka turre agarsiisuun proppogaandaan sobaa akka ta'e ifatti baruudha.
Hidhamtooti siyaasaa Tigireetiif gargaarsa guutuu taasiisuudha. Gargaarsa seeraas karaa ogeessotaa seeraa qabnuun ni goona.
Dabalataanis gargaarsi xiinsammuu, jabaadhaa, siniif jirra jechuuniyyu gargaarsa tokkodha."
Namootni kunneen ganna tokko dura kan hidhaman mootummaan himannaa malaammaltummaafi mirga dhala namaa sarbuun jedhuun waan himateefi.
Dhaabni kun garuu isan hidhamtoota siyaasaati isaaniin jedha. Kunis immoo kan geeddaramu dhiibbaa siyaasaa uuumuni kan jedhuun sochii eegalaniiru.
Kanaaf olaantummaan seeraafi hojii haqaa mootummaan kabajamuu qaba jedhu isin akkamiin haa eegamu jettu? Akka mootummaan jedhuutti yakka mirga dhala namaa sarbuufi qabeenya ummaataafi biyyaa mancaasuun tureef kan itti gaafatamuu qabu eenyudha jettu?

"Maalammaltummaafi mirga dhala namaa sarbuuni kanan hidhee haa jedhu malee mootummaan sababa kanaaf miti kan isaan hidhe.
Bulchiinsi ture yoo badaa ta'ee tasumaan hammatee ture yoo ta'e bulchiinsi ture kan Tigiree qofa miti, kan Oromoos dha. Isuma achumaa isaa waliin harka rukutaa ture.
Dhaabati Tika kan hogganaa ture kana sana jechuun utuu hin gaafatamiin hafee Tigiree yeroo ta'uu garuu qeensa namarra buqqisaa ture kan jedhuun piropogaandaa sobaan isaan hidhani. Haqa kabachiisuu osoo ta'ee qamaa hundarra bilisa ta'etu hundaa'u qaba ture.
Malaammaltummaan hin turre jechaa hin jiru. Ija baasee kan uummata hate jiraachuu danda'a garuu sanyii addaan baasee miti kan hate. Fakkeenyaaf METEC kan hogganaa ture ministira mummee itti aanaadha maaliif isa hin gaafatani? Haqi akka jiraaatuuf qamaa haqa eeguu kan of danda'ee dhaabuunidha."
'Saba isaan namni hidhame tokkoyyuu hin jiru'
Dhimma kanarratti kan gaaffanne Dubbi himaan Abbaa Alaangaa Feederaalaa Obbo Zinaabuu Tunuu, namni sababa sabummaa isaan hidhame tokkoyyuu hin jiru jedhu.
Abbaan alangee federaalaa yakkaan shakkeera jedhee namootni himachaa jiru keessaa sanyiisaafi yaadaa siyaasaa irratti hundaa'uun kan gaafatame tokkoo hin jiru.
Yaakkoota addaa addaan kan akka malaammaltuummaafi mirga dhalaa namaa sarbuun shakkamanii kan Abbaa Alangaa Federaalaan himatamanii jiran sanyii isaaniirratti hundaa'uun akka hin taanee mirkaneessuu ni dandeenya.
Haroomsi kun kan dhufes waanti akkanaa akka hin raawwanneefi.
Gara kanaatti maaliif akka fudhatamuu hin beeku. Nuti waanti akkanaa tokkoyyuu hin jiru jechaa jirra.
Hanga ani beekutti hanga ani dhaaba kana keessa ta'ee beekutti, sababa sanyii isaatiin namni hidhame tokkoyyuu hin jiru.


















