Siwiizerlaanditti burkaa fi nikaaba dubartoota Muslimaa dabalatee aguuggiin fuulaa dhorkame

Madda suuraa, EPA/BBC
Murtee ummataa biyya Siwiizerlaanditti gaggeeffameen burkaa fi nikaaba dubartoonni Muslimaa godhatan dabalatee aguuggii fuulaa godhachuun dhorkame.
Murtee gaggeeffame kanaan yaadni aguuggiin fuulaa hafuu qaba jedhu sagalee dhipaa ta'een kan darbe yoo ta'u, dhibba keessaa harki 51.2 akka dhorkamu deeggaranii harki 48.8 ammoo mormaniiru.
Yaada kana kan fide garee siyaasaa Siwiiz Piippilsi Paartii yommuu ta'an, dhaadannoowwan "leellistummaan yaa gahu" jedhan dhageessisaa turaniiru.
Itti-gaafatamaan garee Islaamaa Siwiidiin kun Musliimotaaf "guyyaa dukkanaadha" jechuun murtee sana ibsaniiru.
"Murteen har'aa kun madaa ture tuttuquudha; dhimmaa walqixxummaa deebisee waan fidudha kun. Kanarra darbees, hawaasa Musliimaa muraasa [biyyattii keessatti] ifatti kan dhiibedha," jechuun manni maree Musliimaa giddu-galeessaa ibsa baaseen mormiisaa ibseera.
Mootummaan Siwiizerlaand ammoo dubartoonni maal gochuu akka qaban murteessuun hojii mootummaa miti jechuun dhorkaa aka mormeera.
Ummata Siwiizerlaand miliyoona 8.6 ta'u keessaa harka shan qofatu hordoftoota amantii Islaamaati. Baayyeeen isaanii Tarkii, Bosiiniyaafi Kosoovoorraa warra dhufanidha.
Akka qorannoon Yunvarsiitti Jarman Luusern jedhamu gaggeesse agarsiisutti Siwiizerlaand keessatti eenyuyyu Burkaa hin godhatu; Nikaaba kan godhatan ammoo lakkoofsaan 30 yoo ta'anidha.
Akka sirna dimokiraasii kallattii Siwiizerlaand keessatti lammileen dhimmoota kana waliin walfakkaatan irratti murtee ummataa gaggeessuuf mirga ni qabu.
Siwiizerlaand keessatti Islaamummaa ilaalchisuun murteen ummataa gaggeeffamuun kun isa jalqabaa miti. Waggaa kudhan duras yaada Siwiiz Piippilsi Paartiin dhiyeesseen lammileen Minaaraa ykn bantiiwwan akka hin ijaarreef sagalee isaanii kennanii turan.
Murtee sanas mootummaan kan murme yommuu ta'u, paartiin mormituu kun garuu Minaaraan mallattoo babal'achuu Islaamummaati jechuun falmaa tureera.
Murtee ummataa Dilbata darbe kana namoonni addabaabaayiitti bahanii mormaa turan akka aguuggii fuulaa hin godhanne malee Islaamummaa dhimma ilaallatu miti jedhamus murteen kun mogaasa "Dhorkaa Burkaa" jedhamu kennameef ture.
Dhorkaan darbe maaskii afaaniifi funyaan ittiin aguuggatan kan ilaallatu miti jedhameera.
Warri Siwiizerlaand seeronni koronaavaayirasii ittisuuf bahan hanga kaafamanitti maaskii godhachuuf dirqama qabu.

Madda suuraa, EPA
Falmitoonni mirgoota dubartootaa Siwiizerlaand hedduunis dhorkaa murtaa'e kana dubartoonni maal uffachuu akka qabaniifi maal uffachuu akka hin qabne kan godhudha jechuun mormaaniiru.
Lammii Siwiizerlaand kan taate Saaniittaa Ammeettiin, murteen ummataa kun osoo hin gaggeeffamiin dura dadammaqiini ta'aa ture akka dubartoonni haala hin taaneen ilaalaman taasiseera jechuun BBCtti himteetti.
"Dubartoonni Musliimaa Siwiizerlaand hedduu akka arrabsamaniitti, yookaan ammoo waan akka dhiibamaniitti of lakkaa'an; murteen kun kuni mana keessan miti akka jechuuti."
Haata'u malee, hawaasa Musliimaa keessaas namni murtee kana deeggare hin dhibu.
Imaam Musxafaa Meemmeettii sosochiin ture "jibba Islaamummaa" ta'ullee murteen kun dubartoonni Musliimaa Siwiizerlaand keessatti akka bilisummaa isaanii labsatan kan taasisudha jechuun BBCtti dubbatan.
Dhaabbanni mirgoota namoomaaf falmu Aministii Internaashinaal murtee kana "Kan mirga dubartootaa dhiibudha" jechuun himeera.
Aguuggiin fuulaa Awurooppaa keessatti dubbii ijoo erga ta'ee bubbuleera.
Firaansi aguuggii fuulaa godhachuu kan dhorkite yommuu ta'u, Neezerlaandis, Denmaark, Ostiriyaafi Bulgaariyaan seera addabaabaayiitti aguuggii fuulaa godhachuu dhorku baasuuf qophiitti jiru.















