Indiyaatti namichi intalasaa morma kutee ajjeese to'atame

Madda suuraa, Getty Images
Indiyaatti abbaan intalaasaa morma muree ajjeese to'annoo jala oolfamuu poolisiin beeksise.
Dubbiin kun kan dhalate kutaa bulchiinsa kaaba Indiyaa Utaar Paaraadesh keessatti akka uumames gabaafameera.
Namni Saarveesh Kumaar jedhamu kun morma intalaasaa umuriin waggaa 17 irraa murame qabatee osoo gara buufata poolisiitti deemaa jiruu to'annaa jla oolfame.
Akka viidiyoon poolisiin waraabe agarsiisutti intalli namicha kun dhiira inni hin jaallanne waliin hariiroo jaalalaa uummachuusheetti aaruun ture.
Indiyaa keessatti fedhii maatii isaaniitiin alatti dubartoonni hariiroo jaalalaa horatan ykn gaa'ela dhaabbatan dhibbaan lakkaa'aman miseensota maatii isaaniitiin ajjeefamu.
Akka viidiyoo poolisiin waraabe kana irratti argamutti intalli namichaa nama inni hin jaallanne waliin jaalala jalqabuushee dhiyeenyattu hubatee baayyee isa dheekkamsiiseera.
Mana keessatti qophaa ishee arguun kutaa cisichaashee itti cufuun akka albeedhaan mormashee irraa mure osoo dubbatuu viidiyoo kanarratti ni dhaga'ama.
Namoonni naannoo sanatti yeroo inni morma inatalaa qabatee daandiirra deemu arganii poolisii waamaniiru.
Namichi kun yeroo poolisiitti dubbatu qaama intalasaa kanaafi meeshaa ittiin ajjeese kutaa ciisichaashee akka kaa'eefipoolisiitti ahrka kennachuuf deemaa akka ture "deemaa turuu" dubbata.
Poolisiin ammoo qorannoo jalqabeera.
Kanuma waliin walqabatee poolisiin tokko mataa shamarree abbaan irraa mure sana akka hin taanetti qabatteetta jechuun hojiirraa ari'ameera.
Kutaan biyyaa ajjeechaan kun itti raawwatame Utaar Piraadhesh Indiyaa keessatti yakkawwan dubartotarratti raawwatamuun sadarkaa tokkoffaa qabattee akka jirtu Biiroon Yakka Biyyaalessaa beeksiseera.
Indiyaa dabalatee biyyoota tokko tokko keessatti hawaasa biratti "gocha nama qaanessuufi nama salphisu" raawwataniittu dubartoonni jedhaman "karaa ajjeechaa kabaajaa" maqaa jedhuun ni ajjeefamu.
lakkoofsi isaa sirriitti beekamuu baatullee dhabbileen mirgoota namoomaaf falman dubartoonni dhibbaan lakkaa'aman "ajjeechaa kabajaa" karaa jedhamu kanaan lubbuun isaanii akka badu himama.
Indiyaatti aadaan kun boodatti hafaa kun hawaasa gara garaa keessatti yeroo ammaa baballatee jira.
Maatiin hedduun ijoolleen isaanii kan amantiin isaaniifi gulantaan jireenyaa isaanii hin hayyamne waliin jaalalas ta'e gaa'ela akka godhatan ni dhorku.
Raawwatamee arganis kan ajjeessan yoo ta'u naannoo sanatti 'Kaastee' jedhamee mana maree beekamuun hojiirra oola.
'Ajjeechaan kabajaa' jechuun maalidha
Ajjeechaa kabajaa jechuun ajjeechaa dubartoota maatii salphisaniiru jedhaman miseensa maatiin raawwatamudha.
Warreen mirgoota namoomaaf falmaniifi Humaan Raayits Waatch sababiin ajjeef jedhamanii dhiyaatan keessaaodeeffannoon walitti qaban:
- Abbaa warraa maatiin filataniifitti eerumuu diduu
- Haleellaan saalarratti hundaa'e ykn gudeeduun yeroo irratti raawwatamu
- Gaa'elaan alatti hariiroo saal-qunnamtii yoo qabaatan ykn qabu jedhamee yoo kan amanamu ta'e
Kana malees, uffanni isaan uffatan 'sirrii miti' yoo jedhame amala 'badaa' yoo agarsiisaniifi 'ajajamoo' ta'uu yoo baatan ajjeechaan ni raawwatama jedhameera.
Bara 2012 keessa manni murtii waliigalaa namoonni gocha "ajjeechaa kabaajaan" shakkaman du'aan akka ajjeefaman murteesseera.













