Galmeen jechoota jecha ‘dubartii’ jedhuuf hikkaa kenne akka geeddaru gaafatame

Madda suuraa, Getty Images
Namootni bekkamtii qaban 100 ta’an Galmeen jechootaa Xaaliyaan 'Treccani' jedhamu jecha ''dubartii'' jedhuuf hiikkaa ka’e akka geddaru gaaffachuun xalayaa mallatteessanii arganiiru.
Duulli kun jechoonni arrabsoo ta’an kan akka “puttana” (sagaagaltuu) jedhu jechoota akka jecha gitaa ykn hiikaatti kaa’aman keessaa haqamuu qabu jedha.
Jechoonni akka kanaa ''ilaalcha olaantummaa dhiiraa kan dubartoota akka meeshaatti ilaalanii fi akka isaani gaadiitti ilaalan'' kan jajjabeessudha jedhan namoonni iyyata galfatan kun.
Treccani, galmee jechoota Xaaliyaan intarneeta gubbaatti beekama ta’e yoo ta’u, kana dura hiikka akkanaa kennuu sirridha jedhe mormee kan ture ta’us amma garuu deebii hin kennine.
Namoota xalayaa kana mallatteessan keessa roggeessi LGBTQ+ fi namni siyaasaa Immaa Battagliyaa, nama siyaasa Laawuraa Boldirinii fi itti-aantuu hoggantuu Baankii Xaaliyaan Alessaandiraa Perrazzelli ni argamu.
Xalayaan kun kan barreeffame roggeettii Mariyaa Beyeetiriis Jiyoovaanii, kan Kanaan dura hiikkaa ''dubartii'' jedhuuf yemuu Galmeen Jechoota Ingiliffaa Oksifoord OED jechoota ''bint'' ykn ''bird'' jedhu fayyadame akka kaasuuf duula taasiftenidha.
Duulli kun mallattoowwan namoota kumaatama irraa erga hawwatee booda, Maxxansaan Yunivarsitii Oksiford hiikka kana geeddareera.
Hiikkaa 'Treccani' keessatti fayyadamame kan OED’n kahmerra hamaadha sababiin isaas hojjatoota wal qunnamtii saalaa ibsuuf jechoota 30 ta’antu dhimma itti bahame jechuun Aadde Jiyoovaani Reuters'tti himteetti.
Gama biraan garuu jecha “dhiira” jedhu ibsuuf jechooti dhimma itti bahaman kan akka 'Business man' nama daldalaa kan jedhu ta’u dabalataan ibsiteetti.
''Afaan dhugaa jiru kan bocuu fi akkataa dubartoonni ittiin ilaalamanii fi kunuunfaman irratti dhiibbaa kan uumudha,'' jechuun xalayaa kanaratti barreessiteetti.
''Seer-lugni, galmeen hikkaa jechoota, insaakilooppiidiyaan ilaalchaaf meeshaa barnootaadha. Treccani’n ammo wanta manneen barnoota, mana kitaabaa fi mana keenya keessatti fayyadamnudha.''
''Kun loogii korniiyaa guyyaa guyyaa kan dhaabuu miti, garuu hawaasa har’aa keessatti akkataa dubartoonni itti ilaalamanii fi ga’ee isaaniif hiikkaa sirrii kennuu irratti gargaaru danda’a'' jechuunis muggutu.
Barreefama Sadaasa intarneeta gubbaati maxxanseen Treccani’n galmeen jechoota kun ''hiikkaa kunneen loogii ykn ilaalcha hamilee irratti hundaa’uun hin filannee” jedhee ture.
“Haawaasni fi aadaan hameenya karaa jechoota ibsa yoo ta’e, galmeen jechuuta kana seenessuu diduu hin danda’u,” jedhe.













