Gudeeddiin maali? Gudeeddiin gaa'ila keessaahoo? Seera Itoophiyaa keessa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Abbaa warraa haadha warraa waliin jiraatu osoo fedhii ishee malee, yookiin faallaan haati warraa abbaa warraa waliin fedhii malee saal-qunnamtii yoo raawwatte gudeeddii jedhamaa?
Seerri yakkaa Itoophiyaa kanaaf deebii yeroo kennu gudeeddii miti jechuun ibsa. Biyyoonni gudeeddii gaa'ila keessaa (marital rape) yakka taasisan garuu ni jiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gabaasa bara 2019 baasen ammallee biyyoota addunyaa keessaa walakkaa ol kan ta'an gudeeddii gaa'ela keessaa yakka hin taasisne.
Itoophiyaa keessa rakkoon kuni hangam bal'aadha yookiin hubannoon hawaasni dhimmicha irratti qabu baruun nama rakkisa. Ta'us, diigamuu gaa'ela keessa qooda akka qabaatu shakkama.
Seerri Itoophiyaa waa'ee dhimma kanaa maal jedha? Ogeeyyiin seeraafi kanneen mirga dubartootaaf falmanoo gaaffii akkamii irratti kaasu?
Gudeeddiin gaa'ila keessaa maali?
Kana dura dhaggeeffattoonni BBC gabaasa kanaan walqabatu marsariitii keenyarratti argan akkamiin erga bultii ijaarratanii gudeeddiin raawwatame jenna jechuun gaafataa turan.
Gudeeddiin gaa'ela keessaa (marital rape) eeyyama malee michuun duraaniis ta'e kan waliin jiraataniin fedhii saalaa guutuuf yaalii taasifamu jedha Inistitiyuutiin Walqixxxummaa Koornayaa Awurooppaa (IEGE).
UN immoo gudeeddiin eeyyama malee qaamaanis ta'u meeshaan namoota jaalallee ykn gaa'ela keessa jiran gidduu akkasumas yeroo waraanaa raawwatu gudeeddiidha jechuun ibsa.
Ogeessi seeraa Alamaayyoo Baacaa gama isaatiin ''Eeyyama yookiin fedhii malee yoo raawwate [saal qunnamtii] gudeeddii jedhama,'' jechuun ibsa.
''Ati jaarsa kiyya ani niitii keeti jedhanii kan waliin jiraatan, yookiin namoonni dhaabbilee amantiin, sirna aadaan kan bultii ijaarratan gidduu saalqunnamtiin eeyyama malee raawwatu jechuudha.''
Seera Itoophiyaafi gudeeddii gaa'ila keessaa
''Seerri yakkaa Itoophiyaa gudeeddii gaa'ila keessaa akka yakkaattuu hin ilaalu... Yakka miti jedhee kaa'a seerichi,'' jedha Alamaayyoon.
Seerri yakkaa Itoophiyaa gudeeddii kan ilaalu ''gaa'ela ala isa jiru qofaadha'' jetti ogeettiin seeraa fi mirga dubartootaaf kan qabsooftu Radi'eetis. Kanaaf Itoophiyaatti akka yakkaatti hin ilaalamu.
''Biyya keenyatti gudeeddiin gaa'ila keessa raawwatu akka gudeeddiitti hin lakkaa'amu.''
Kana jechuun dhimmi akkanaa mana murtii biyyattii keessa jiran keessa hin ilaalamu jechaadha.
''Dhorkaa waan ta'ef dhihaatuu hin danda'u. Jalqabumaa yakka miti. … Gudeeddiin gaa'ila keessaa Itoophiyaa keessa yakka waan hin taaneef mana murtii hin gahu,'' jedha Alamaayyoon.
Yoo himatamtuun tokko yookiin himatamaan tokko dhimma kana kaase akkamiin ilaalama?
''Fakkeenyaaf ishee gudeeduuf yoo humnaan fayyadameefi ishee miidhee jiraate yakka qaama namaa hir'isuun himatamuu danda'a malee gudeeddiin hin himatamu.''
Hawaasni garuu hubannoo qabaa?
Wantoonni seera hin taaneefi qaamoleen seeraa ifatti hin hubachiisne ummatni sirnaan baruuf rakkata. Fakkeenyi tokko yakka gudeeddii gaa'ela keessaati.
Ogeettiin xiin sammuu Nuniyaat Gosaayee yeroo ammaa dhaabbata The Association for Women's Sanctuary and Development (AWSAD) jedhamu keessa namoota gaa'ila keessaa bahanis ta'e hin heerumne kanneen miidhaan saalaa irra gahe ni gorsiti.
Namoota hanga har'aa isheen gargaaraa turte keessaa ''Gudeeddiin gaa'ila keessaa hanga har'aa na qunnamee hin beeku'' jechuun BBC'tti himte.
''Akka keessa guddadhetti hawaasni dhiirri tokkoofi dubartiin tokko bultii ijaarrannaan, dhiirri tokko dubartii tokkoorratti wanta fedhe raawwachuuf mirga qaba jedhee yaada,'' jechuun waan hubatte himti.
''Mana murtiis ni deemu, namattis ni haasa'u jedhee hin yaadu. Rakkinadha jedhanii hubachuunis hin jiru.
''Dubartiin suni abbaan manaa ishee fedhii isheen ala saalqunamtii yoo godhellee kuni rakkina jettee hin yaaddi jedhee hin yaadu, hin himtis jedhee hin yaadu.''

Madda suuraa, Getty Images
Gara caalu namoonni dhimmicha akka ''saal qunnamtiin wal simuu dhabuutti waan hubatan/fudhatan natti fakkaata malee, isa diduuf mirgan qaba [jettee] waan yaaddu natti hin fakkaatu,'' jechuun ibsti.
Seerri biyyattii akka yakkaattuu ilaaluu dhabus garuu taateen akkanaa hariiroo kanneen bultii ijaarratan gidduu jiru rakkoo keessa galchuun ''Diigamuu gaa'ilaaf qooda ofii qaba jedheen yaada'' jechuun ibsiti.
Itoophiyaatti maaliif seera keessa seenuu dhabe?
Itoophiyaa keessatti gudeeddiin gaa'ila keessaa seera akka hin taaneef wantoota dhorkan jedhan ogeeyyiin seeraa akkanaan ibsu.
Ogeessi seeraa Obbo Alamaayyoon inni duraa hawaasni Itoophiyaa keessaa hawaasa olaantummaa dhiiraa keessa jiru (patriarchal) ta'u eeruun dubbatu.
''Gaa'illi raawwateera. Si achi diduu hin dandeessu ilaalcha jedhu qabudha. Hawaasa anis hin didu isheenis hin diddu ilaalcha jedhu qabudha,'' jechuun ibsu.
Sababni lammataa immoo duudhaafi aadaa hawaasaan alatti hawaasni biyyattii amantiif bakka guddaa kan qabuufi safeeffatu ta'uu isaa eeru.
''Jaarsaafi jaartiin ammaan achi [gaa'ela booda] tokkodha. Erga tokko taanee maaliif diddi kan jedhudha. Kunneen garuu wal caaltee warra bultii ijaarratan gidduu jiru hubannoo keessa kan galche miti.''
''Jaarsaafi jaartiin tokko miti,'' jechuun himu Obbo Alamaayyoon.
Gama kaaniin Radi'etis sababoota ijoo seera Itoophiyaa keessa seenuu dhabeef akkanaan himti.
''Biyya keenya keessa hawaasa keenyatti waan dhihoo taaneef, bu'uurri hawaasaa maatiidha jedhamee waan yaadamuufi bu'uura maatii rakkoo keessa galcha jedhanii kan yaadda'an jiru,'' jechuun ibsiti.
''Akka seera maatii Itoophiyaatti gochi saal-qunnamtii jiraachuun gaa'ila tokko gaa'ila ni taasisa jedha,'' jechuun sababoota ijoo seera akka hin taanef dirqan keessaa akka ta'e kaafti.
Dabaluunis, Radi'eet gudeeddiin gaa'ila keessaa kan qooda fudhatan, xuxxuqqaa saalaafi miidhaa mana keessaa akka dabalu ka'umsa ni ta'u jechuun himti.
Hiika gudeeddii wal dhiibe
Seerri Itoophiyaa gudeeddii kan gaa'ilaan ala raawwatu jechuun ibsa. Dabalataan, jecha Afaan Ingilizii rape jedhu dirqiin gudeeduu jechuun lafa kaa'a.
Gudeeddiin raawwachuuf dirqiin wanti ta'e raawwachuun isaa jiraachuu qaba hiika jedhu kennaaf jechuun qeeqa ogeessi seeraa Alamaayyoon.
''Anaaf eeyyama yoo hin qabne gudeeduudha. Amma magaalaa keessa dhugaatii keessa, shiishaa keessa qoricha hadoochu naqanii isaan fuudhanii deemuu,'' jechuun kunis gudeedii akka ta'e eeru.
Dabalataan, namni tokko osoo rafee jiru yookiin rakkoo fayyaa sammuu qabuurratti taateen raawwatus akka gudeeddiitti ilaalama.
Radi'eetis yaada walfakkaataa kaasti. Hiikni jechichaaf seera Itoophiyaan kenname hanqina qaba jechuun komatti.
''Eeyyama malee wanti raawwatu kamuu xuxxuqqaa saalaa, fi dhiibbaa namarratti godhu hunda akka gudeeddiittin ilaala,'' jetti.
Kana jechuun dirqama saalqunnamtii ta'u qaba jechuu miti.
Umriin eeyyamaa meeqa?
Namni tokko dhiiras ta'e dubartii fedhiifi eeyyama ofiin malee saalqunnamtiin raawwatu kamuu akka gudeeddiitti akka ilaalamu ogeeyyiin ni ibsu.
''Namni tokko fedha malee waan tokkoyyuu gochuu qaba jedhee hin yaadu... Fedhii dhuunfaa keenya eeguu qabna,'' jechuun himti Radi'eet.
Osoo qaamoleen lamaan saalqunnamtii osoo raawwatanii gidduutti qaamni tokko eeyyama isaa osoo dhiiseefi ergasii sochiin taasifamu gudeeddii ni ta'a jechuun ibsu.
''Eeyyamni kan kennamu dhalli namaa yeroo of beeku, qorichaanis ta'u kaaniin yeroo of hin wallaallettidha. Dabalataan kan umrii 18 gadii eeyyama kennuu hin danda'u,'' jetti Radi'eet.
Sababa kanaaf eeyyamni kan takkaa kennamu osoo hin taane, yeroo yerootti kan haaromuu qabu akka ta'e himti.
''Dhirsaafi niitiin erga bultii ijaarratanii jireenyi saalqunnamtii isaanii eeyyamarratti kan hundaa'e miti jedhanii yaaduun rakkoo guddaa akka ta'ettin hubadha.''

















