Dubartoota Masrii abbaa manaa isaaniin gudeedamuu himatan

Madda suuraa, Getty Images
Dubartoonni Masrii miidhaa saal-quunnamtii isaanirratti raawwatamaa ture dhoksanii iccitiin kan qabatanii turan yeroo ammaa dubbachuu eegalaniiru.
Masrii keessatti dubartoonni abbaan manaasaaniin gudeedamuun qaanii guddaa fi safuu kan cabsuudha.
Kanarraa kan ka'e yeroo dheeraaf callisanii kan turan dubartoonni biyyattii amma iccitii hunda baasuutti gadi taa'an.
Akeekkachiisa: Barreeffama kana keessatti akkaataan miidhaan saal-quunnamtii itti ibsame miira keessan jeequu mala ta'a.
Yeroo ammaa dubartii umurii waggaa 34 kan taate Safaa, guyyaa cidha ishee galgala abbaa manaasheen gudeedamte.
Haleellaa irratti raawwatameen mudhiinshee, buusaan harkashee fi afaan ishee haalaan miidhameera.
"Guyyaa sana marsaa laguurra waanan tureef halkan sana wal-quunnamtii saalaaf qophii hin turre,'' jette.
''Abbaan manaan koo akka waanan michummaa isa waliin qabu laaffiseetti yaade. Harka kiyya walitti hidhee na reebe, afaan kiyya na ukkaamsee na gudeede.''
Safaan garuu hawaasa keessaa moggaatti baafamtee qoollifatamuu sodaachuurraa kan ka'e, yakka isheerratti raawwatame kana poolisiitti gabaasuurra callisuu filatte.
Hawaasa sirni olaantummaa dhiirotaa keessatti mul'atu akkasii kana keessatti miidhamaa abaaruun waan baratameedha, keessattuu qaamni miidhame dubartii yoo taate baayyee gadi xiqqeessu.

Madda suuraa, Getty Images
Haalli kun garuu Bitootessa darbe keessa akkaataa hin eegamneen geeddarame.
Kunis wayita sagantaan walitti fufiinsaan darbu 'Newton's Cradle' jedhamu TV irratti deemaa turettidha.
Sagantaan kun ji'a Ramadaanaa keessa kan darbaa ture oggaa ta'u, abbaan manaa dirqamaan haadha manaasaa waliin wal-quunnamtii saalaa wayita raawwatu kan agarsiisu, dubartoonni iccitii manaa qaban hunda akka baasanii dubbatan karaa saaqeera.
Kutaalee sagantichaa keessaa bakki kun madaa dubartootaa kan tuqe ture, akkasumas ammoo mudannoosaanii ifatti akka dubbataniif ka'umsa ta'eef.
Kana hordofuun mudannoowwan hedduun miidiyaa hawaasummaarratti ba'uu eegalan, peejii feebuukii 'Speak Up' jedhurratti mudannoowwan 700 caalan torbeewwan muraasa keessatti qoodaman.
Dubartiin umrii waggaa 27, Sanaa jedhamtu kanneen miidiyaa hawaasummaarratti iccitii qoodan keessaati.
"Inni nama qulqulluu ture. Gaa'ela godhannee waggaa tokko booda an nan ulfaa'e. Osoo kanaan jirruu guyyaa tokko waan ta'erratti waldhabne. Isa booda na adabe. Dirqamaan, humnaan na qabee na gudeede. Ulfi sunis narraa ba'e.'' jechuun peejii feesbuukii kanarratti barreessite.
Sanaan kophaashee falmattee, abbaa manaasheetiin adda baatus, waa'ee daa'imashee garuu gadduu hin dhiisne.
Masrii keessatti dirqisiisanii gudeeduun akkaan babal'ateera, keessattuu guyyaa cidhaa galgala baayyee hammaata.
Haalli kun wayita haati warraa duraanii weellisaa beekamaa biyyattii yakki gudeeddii irratti raawwatamuu himachuun, viidiyoo Instagram irratti gadi dhiiste daran hammaate.
Viidiyoon sunis miidiyaa hawaasummaarratti akkaan qoodame, mata duree oduus ta'eera.
Abbaan warraa ishee duraaniis himannaa irratti ka'e kan bu'uura hin qabneedha jechuun haaleera.
Kanas viidiyoo waraabee Instagram irratti maxxanse.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbati mootummaa National Council for Women (NCW) jedhamu gabaasa bara 2015 ji'a Amajjii keessa baaseen, waggaa waggaan dhimmi jaalalleewwan haleellaa saalquunnamtii walirraan ga'anii 6,500 caalu akka isatti dhiyaachaa ture ibseera.
Dhaabbata Women's Centre for Guidance and Legal Awareness jedhamutti ogeessa seeraa fi daarektara olaanaa kan ta'e Reda Danbouki, "Masrii keessatti waliiglateen gaa'ilaa wayita mallatteeffamu akka waan dubartiin guyyaa guutuu wal-quunnamtii saalaaf qophii taateetti yaaduun akkaan qeeqama,'' jedhan.
Akkaataa barmaatilee aadaa biyyattiitti dubartiin tokko abbaa manaashee waliin wal-quunnamtii saalaa gochuu yoo didde, akka cubbamtuutti ilaalamti, ''halkan guutuu maleekaan ishee abaara'' jedhanii dhugeeffatu.
Qondaalli amantii Islaamaa biyyattii Dar al-Ifta,''Abbaan manaa haadha manaasaa waliin dirqamaan wal-quunnamtii saalaa kan raawwatu yoo ta'e, inni nama cubbamaadha. Haati warraa seeraan himattee adabsiisuu qabdi,'' jedhan.
Jaarmiyaan dhimma dubartootaa fi seeraa, Women's Centre for Guidance and Legal Awareness, jedhamu kun waggoota lamaan darban keesatti dhimmi yakka gudeeddii gaa'ila keessatti raawwatuu 200 ol isa qaqqabuu hime.
Gaa'ila keessatti gudeeddii raawwachuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO) biratti akka yakka dirqisiisanii gudeeduu isa hamaatti ilaalama.
Seerri Masrii garuu nama gocha akkanaa raawwate hin adabu.
Maqaan inni sirriin dubartoota lamaanii iccitii dhuunfaasaanii eeguuf jecha gara Safaa fi Sanaatti geeddarameera.















