Gudeeddii garee Delhii: Manni Murtii Indiyaa guyyaa adabbii ajjeechaa murteesse

Sentenced rapists (from left to right): Vinay, Pawan, Mukesh, Akshay

Madda suuraa, Delhi police

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni afran kunneen yakka kana dalaguu isaanii hin amanne

Manni Murtii Indiyaa namoota afur bara 2012tti gareen gudeduufi ajjeechaa barattuun himataman irratti guyyaa ajjeechaa isaanii ifa godhe.

Akshay Thakur, Vinay Sharma, Pawan Gupta fi Mukesh Singh bara 2013tti ajjeechaan akka adabaman irratti murtaa'e.

Barattuun ganna 23 magaalaa Delhii keessatti baasii adeemaa jiru gubbaatti gudeedamte, guyyoota 13n booda miidhaa irra gaheen lubbuun ishee darbeera.

Abukaatonni namoota afran Amajjii 22 fannifamuun ajjeefamuuf jiran kanaa, iyyannoo isaanii isa dhumaa dhiyeessuuf jiru.

Jarri kun haga Manni Murtii Waliigalaa biyyattii iyyannoo isaanii xumuraa kuffisutti hin ajjeefaman.

Kana malees pireezidantiin biyyattii gaaffii dhiifamaa isaanii yoo kan kuffisu tahedha kan ajjeefaman. Haga ammaa dhimmoota lamaan kana jarri kun hin dhiyeeffanne.

Dhaddacha kaleessa (Kibxata) ooleen abbaan alangee manni murtichaa adabbii ajjeechaa kana akka mirkaneessu cimsanii gaafatan.

Dhiifama gaafachuuf xalayaa galchuu dhabuun isaanii dhimmi kun akka boodatti harkifatu gochuuf yaadame jechuun morman.

Haati miidhamtuu kanaa, amma dura harkifachuu adeemsa kanaa qeeqaa turan, murtii kanaan gammadaniiru.

''Manni murtii guyyaa har'aa adabbii ajjeechaa namoota afran kanarratti dabarsuu isaatti baayyee gammadeera,'' jechuun BBCtti himte.

''Falmii seeraa kana waggoota torban dabran kana obsa hedduun dabarsine,''

''Xumurarratti haqa argadhe.''

Taateen galgala Muddee 16 bara 2012tti mudate, mormiiwwaan hedduu kaase, addunyaa hammeesse, Indiyaanis seera farra-gudeeddii haaraa akka baastu taasise.

Miidhamtuun kana miidiyaan biyyattii Nirbhaya jedhanii moggaasan - kan sodaa hinqabne jechuudha. Akka seera Indiyaatti maqaa dhahuun dhorkaadha.

Dhiironni jaha haleelaa kanaan walqabatee to'annoo jala oolan. Shakkamaan tokko Ram Singh jedhamu mana hidhaa keessatti du'ee argame - lubbuu ofii balleesse jedhame.

Shakkamaan biraan umriin isaa 17 ture, erga waggoota sadii jaarmiyaa amala sirreessaa dabarsee booda bara 2015tti gadhiifame.

Biyyi Indiyaa adabbii du'aa yeroo baayyee hojiirra hin oolchitu. Erga bara 2004 asi biyyattiin namoota afur callaa du'aan adabde.

Namni xumuraa du'aan adabame Yakub Memon kan jedhamu yogguu tahu, haleellaa boombii Mumbaayi ka bara 1993 maallaqaan deeggaruun himatame. 2015tti fannifamee ajjeefame.