Giiftiin bareedinaa 'Pirezidantiin duraanii Gaambiyaa Jaameen na gudeede' jetti Jaaloow

Faatoo Jaaloow

Madda suuraa, Fatou Jallow

Giiftiin bareedinaa duraanii Gaambiyaa Faatoow Jaaloow dargaggeettin ganna 23 waggaa afur dura Pirezedantii duraanii Gaambiyaatiin biiroosaattti gudeedamuu himatte.

Gartuun mirga namoomaaf falmu 'Human right watch' fi 'Trial International 'gabaasa dhiyeesseen, Jaameen yakka gudeeddii biraas raawwachuutti shakkamuu fi tuttuqaa saalaa raawwachuu shakkamu ibse.

Ikkuwaatoriyaal Giiniitti kan baqatan Jaamee BBC'n haasofsisuuf yaaleera.Dubbii himaan paartii APPR jedhamuu himannaa sobaatii jechuun haale.

''Akka Paartiitti himannaa waliirraa hin citneetu Pirezedantii duraanirratti dhiyaata ''jechuun Osmaan Raamboo Jattaa barreeffaman deebii kenne.

Itti aanaan paartii APPR "Pirezedantiin duraanii soba fi duula maqa balleessiif deebii yeroo kennan hin qaban, waaqayyoon sodaata ,hoogganaa dubartoota Gaambiyaa kabaju '' jedhe.

Jaaloow Jaameen haqaaf mana murtiitti dhiyaate arguun barbaada jechuun BBCtti himte.

Dhimmicha dhoksuuf yaalaan ture jetti.

Seenaa kana akka Jaameen dhaga'utti amma himachuun barbaade kan jettu Jaaloow, komishinii araaraa, haqaa fi haaromsa biyyatti Pirezedatiin dhiyeenya muudame Adaamaa Baaroow bara 2016 erga filannoo injifate hundeesse duratti ragaa bahuu akka feetu himte.

Yeroo sanatti ganna 18 kan turte Jaaloow, magaala guddoo biyyatti Baanjulitti bara 2014 dorgommii miidhaginaa erga injifattee booda Jaameen akka abbaatti na gorsa ture jetti.

Sagantaa afferraa irbaataa gorsaan isaan qophaa'eerratti Jaameen fuudhuuf gaafatus diduu dubbatti. Achumaan gorsaan pirezedantichaa bara 2015 ayyaaneffannaa amantiin walqabatu masaraa biyyaaleessaatti qooda giiftii miidhagina taateef bara 2015 akka afferamte himti.

Haa ta'u malee,akkuma masaraa biyyatti gaheen mana jireenyaa pirezedantichaa gorsaan isaa na geessee jetti.

Jaameen ''maaliif gaaffii gaa'ilaa siif dhiyeesse fudhachuu diddee'' jechuun dallansuun itti dubbachuu himte. Sana boooda kabaluun dirqiin gudeeduu himattte.

Waggoota sadii manaa akka hin baane fi gara biyya ollaa Senegaalitti baqachuuf yaada akka turtes dubbateetti.

Dhaabni mirga namoomaaf falmu Human Rights Watch (HRW) fi Trial International sirna mirga dubartoota sarba turee fi masaraa biyyatti keessatti dubartoonni "protocol girls'' filataman pirezedanticha waliin saalqunnamtii raawwachuuf akka dirqaman himaniiru.

Yahya fi Zeeyinaba Jaamee bara 2011, Gambiyaa

Madda suuraa, AFP