Nowuraa Huseen: 'Dhirsa ishee gudeede' ajjeeftee jennaan du'i itti murtaa'e

Shamarree Sudaan

Madda suuraa, Getty Images

Firoottan isaa akka ishee gad qabaniin, dhirsi ishee erga gudeedee booda, shamarree dhirsashee ajjeefte irratti manni murtii Sudaan du'a murteesse.

Erga maatiin dhirsashee beenyaa fudhachuu didanii, Abbaan murtii Omdurmaan murtii du'aa Nowura Huseen irratti dabarseera.

Gareewwan mirga namaaf falman immoo murteen irratti murtaa'ee akka geeddaramu gaafatu.

Aadde Huseen, amma umurii 19 yeroo taatu umurii 16'n ture dirqiidhaan akka heerumtu kan taasifamte. Erga heerumtees dhirsa jalaa baduus yaaltee turte.

Fedhiin ishee baruumsashee xumurtee, barsiiistuu ta'uu ture.

Ajjeechaa kana maaltu fide?

Aadde Huseen, mana adaadaa isheetti baqattee utuu jirtuu waggaa sadii booda, maatii isheen gowwomfamtee dhirsasheetti akka kennamte himti.

Guyyaa jahaa booda yeroo inni ishee gudeede, durbiin isaa akka ishee gad-qabanii turan himti.

Guyyaa itti-aanus dhirsi waan dura godhe lammeeffachuu gaafa deebi'u loluun haaduudhaan waraante ajjeefte.

Ergasii booda warraa ishiitti baqattus maatiin ishii poolisiitti dabarsanii kennan.

Akka Rooytars gabaasetti, seera amantaa Islaamaa ykn Shariyaatin baatii darbe aadde Huseen ajjeechaan himatamtee gaafa Kamisaa immoo fannifamtee akka ajjeefamtu murtaa'e.

Abukaatoon aadde Huseen ol iyyachuuf guyyoota 15 qabu.

''Akka seera Shariyaatti, maatiin abbaa warraa beenyaa qarshii ykn duuni akka raawwatu filatuu danda'u,'' jedha Badir Eldin Saalah, rogeeyyiin guyyaa kaleessaa mana murtii ture Rooytarsif yeroo himu.

Dhaabbileen mirgoota namoomaa garuu guddaa qeeqaniiru. Murteen irratti raawwates akka jijjiiramu gaafatu.