Ajjeechaan murtii seeraa malee maal? Namni mirga lubbuun jiraachu kan dhabu yoomi?

Seera adaba yakkaa

Itoophiyaa keessatti dhiheenya kana keessa namoonni osoo seeratti dhiyaatanii murteen itti hin kennamiin wayita qaamooleen uffata dambii uffataniin itti dhukaafamee ajjeefaman dhagahuun kan barame ta'aa kan dhufe fakkaata.

Waxabajjii 14, 2022 naannoo Gambeellaatti dargaggoonni uffata siviilii uffate tokko harkisaa lama duubatti hidhamee wayita humnootii nageenyaatiin itti dhukaafamee ajjeeffamu viidiyoon agarsiisu miidiyaalee hawaasaa irratti dheekamsa kaaseera.

Ittaansee ammoo dhumuma torban kanaattis, Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Wallootti wayita humnootiin mootummaa namoota baayyee konkolaataa lamaan fe'anii magaalaa erga baasanii booda rasaasa itti roobsuun jumlaan yoo ajjeessan viidiyoon mul'isu gadhiifameera.

Taateewwan lamaan kanneen irratti hanga yoonaatti mootummaan omaa jechuu baatulleen, Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ragaa argateen mirkanneessera jechuun, ajjeechaan humnootii mootummaantiin raawwatamuu kaasuun akka qoratame itti-gaafatamummaan mirkanaa'uuf gaafateera.

Gochaan ajaja mana murtii malee nama ajjeesuu (extra -judicial killing)n hangafa mirga namoomaa kan ta'e sarbuudha jedhu ogeeyyiin seeraa.

Ofii mirgi lubbuun jiraachuu yoom mulqama?

Akka seera Itoophiyaattis ta'e labsiiwwan idil- addunyaatti mirgi lubbuun jiraachuu mirga bu'uuraatii jedhu, hayyuun seeraa fi Yunvarsiitii Finfineetti kadhimamaaa PHD Abdii Gurmeessaa.

Itoophiyaan labsiiwwaan mirga namoomaa addunyaa mallatteessuun heera biyya ishee keessattis akka hammatamu taasifteetti.

Haata'u malee, namoonni ykn shakkamtoonni erga to'annoo jala oolfamanii booda osoo mana murtiitti dhiyeeffamuun murteen itti hin kennamiin dura qaamolee nageenyaa mootummaatiin yoo ajjeefaman irra deeddeebiin dhagahama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Abdiin ''namni kamiyyuu mirga lubbuun jiraachuu seeraan kabajame qaba,'' jedhu.

Akka seera Itoophiyaattis mirgi kun nama tokkorraa kan mulqamu wantoonni lama wal faana yoo guutamaniidha jedhan.

Jalqabarratti yakka cimaa yoo rawwateefi kunis adeemsa seeraatiin mirgi lubbuun jiraachuu irraa yoo mulqame ykn adabbiin du'aa yoo itti murame qofa ta'uu dubbatu hayyuun seeraa kun.

Haalli namni mirga lubbuun jiraachuu itti dhabu danda'u baayyee gadaanaa ta'uu kan eeran Obbo Abdiin, seera adaba yakkaa keeyyata 539 irratti nama ajjeechaa sukanneessaa (aggravated homicide) raawwachuun irratti mirkanaa'eeratti akka muramu danda'u akka fakkeenyaatti kaasu.

Kanas ta'ee adabbichi hojiirra kan oolu yoo pirezedantiin biyyattii mallatteessan qofa ta'uu hime. Yoo hin mallatteesine garuu mirgi lubbuun jiraachuu hin mulqamu, tarii gara hidhaa umurii guutuutti geddaramuu mala malee jedhan.

Kunis Heera Mootummaa Itoophiyaa keeyyata 15 keessatti kan heerame yoo ta'u, heera naannoolleerrattis isumatu irra deebiin ibsame jedhan.

Namni tokko yakki raawwate cimaa yoo hin taane, keewwanni adabbii yakkaa ittin himatame du'aan kan hin adabsiifne yoo ta'e, mana murtiitti osoo hin dhiyaanne ajjeechaan raawwatamu kamuu ajjeechaa ajaja mana murtii malee raawwatamu (extra judicial killing) jedhamee fudhatama jedhan.

Haata'u malee baatii Ebla keessa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsootti namoonni shakkamuun humnootii nageenyaatiin to'annoo jala oolfaman 18 ta'an mana hidhaatii baafamun haala suukanneessaan ajjeefamuu BBCn jiraattootaa fi qondaaltoota aanichaa irraa odeeffatee ture.

Erga ajjeechaan sun raawwatameen boodas awwaallachuuf reeffa dhowwamuu jiraattonni BBC'n dubbise himanii ture.

Itoophiyaatti keessatti mirgi lubbuun jiraachu sadarkaa heeraafi seera naannoolee keessatti hammatamulleen, ''Garuu raawwii seeraa irratti rakkinni jira'' jedhan Obbo Abdiin. Heerrifi seerri biyyattii ittigaafatamummaa mirkaneessuurratti rakkoo baayyeetu mul'ata jedhan.

Wayita ajaja mana murtii malee namootarratti ajjeechaan raawwatamu abbaan alangaa fi poolisiin qorachuun seeratti dhiyeessuun dirqama isaanii akka ture kaasan.

Garuu ammoo poolisoonni irra deddeebiin ajaja mana murtii kabaju diduuf ajjeechaa raawwachuun himatamu.

Murtii seeraa malee nama ajjeesuu (extrajudicial killing) jechuun maali?

Murtii seeraa malee nama ajjeesuun mirga lubbuu jiraachuu namoonni umamaan gonfatan kan sarbu ta'uu dubbatan Obbo Abdiin.

Mirgi lubbuun jiraachuu namni tokko dhala namaa ta'uusaatti qofa kan qabu, kan heera, seeraan ykn mootummaadhaan namaaf hin kenninedha jedhu.

Mirgoonni namoomaa kunneenis sadarkaa addunyaa fi biyyootaatti karaa labsii fi seerootaan beekamtii argataniiru. Itoophiyaan mirgoota namoomaa kana kabajuuf waliigalteewwan kanneen mallatteessan keessa tokko.

Fakkeenyaaf, waliigaltee mirgoota siviilii fi siyaasaa sadarkaa idil-addunyaa (International Covenant on Civil and Political Rights) keeyyata 6 jalattis namni kamiyyuu mirga lubbuun jiraachuu akka qabu eerameera.

Itoophiyaanis waliigalteewwan sadarkaa addunyaatti, ardii fi naannootti jiran waan mallatteessiteef, mirgoota namoomaa guutuu, kabajuu fi kabachiisuuf dirqama akka qabu himu ogeessi seera Obbo Abdiin.

Seerichi akkas haa jedhu malee ajjeechaan dhuma 2021tti Godina Shawaa Bahaa daangaa aanaalee Fantaallee fi Boosatitti Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee miseensonni gadaa Michillee 14 irratti Poolisoota humna addaa Oromiyaatiin raawwatame kanaaf agarsiiftuudha.

Mootummaan ajjeechaa jumlaa sana kan raawwate ''garee ABO- Shaneetii'' jedhee waakkatulleen, Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechichi kan raawwatame humnootiin nageenyaa motummaatiin ta'u adda baasuu ibsuun saa ni yaadatama.

Akkasumas baruma 2022 kana baatii Bitooteessaa keessa viidiyoon suukanneessaan wayita qaamolee nageenyaa dabalatee namoonni gareen ta'anii, Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal, Aanaa Gubaa ganda Ayisiid jedhamtuttinama tokko osoo lubbuun jiruu ibiddaan guban agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti dheekkamsa kaasee akka ture ni yaadatama.

Taatee sana hordofes Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa tibbas baaseen gochaan raawwatame "suukanneessaa fi gocha namoomaarraa kan jallate" jechuun ibse.

Mootummaan qaamolee gochaa kana raawwatan qulqulleessee tarkaanfii akka fudhatus beeksisee ture. Garuu ergasi tarkaanfiin fudhatame jiraachu ilaalchise kan dhagame hin jiru, ajjeechaan kunis ammalleen akkuma itti fufeetti jira.

Komishiniin Mirga namoomaas qorannoon gaggeeffamee itti gaafatamummaa seeraan akka mirkanaa'uuf waamicha taasisuu hin dhaabne.