Nageenya Oromiyaa: Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsootti ajjeechaan akkamiin raawwate?

Madda suuraa, Warra Jarso Communication
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsootti jalqaba torban kanaa namoonni nagaa haala suukanneessaan ajjeefamuu akkasumas awwaallachuuf reeffa dhowwamuu jiraattonni BBC'n dubbise himan.
Bulchaan Aanaa Warra Jaarsoo Obbo Ayyalaa Mangistuu, kan ajjeefaman ''kan diina waliin turan'' ta'uufi namoonni nagaa ajjeefamuu ''warra Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qorachaati jirra,'' jedhaniiru.
Hogganaa I/Aanaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu immoo dhimmicha quba akka hin qabne himan.
Oppireeshinii waraanni mootummaa 'hidhattoota dhabamsiisuuf' adeemsisaa jiruun gidduutti ijoolleefi miseensi maatii isaanii ajjeefamuu jiraattonni kuni kan dubbatan.
BBC'n jiraattota gaafa Kamisaa dubbise ammallee reeffa argatanii awwaallachuu akka hin dandeenyeefi gaddallee sodaan taa'aa akka jiran himan.
Akeekkachiisa: Odeessa kana keessa ibsi waa'ee ajjeechaa namootaa eeraman miira keessan jeequu malu.
Akka jiraattonni jedhanitti, A.L.I Ebla 25, 2014 gaafa Kibxataa ganama namoonni 18 aanicha Ganda Awwaaree Goljee, bakka Badhaadha Gabreeliitti ajjeefamani.
Ajjeechaa kana dura hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu aanichatti 'ummata dararaa jiraachuun' gabaafamaa tureera.
Jiraattonni lama BBC'n irraa odeeffate namoota 18 ajjeefaman keessa 'caasaan hidhattootaas jiru akkasumas namoonni nagaallee waliin ajjeefaman' jechuun dubbatan.
Qondaalli mootummaa aanichaa BBC'n dhimma kanarratti gaafate lakkoofsi namoota ajjeefamanii hammana hin gahu jedhu.
Eenyummaa namoota ajjeeffamanis ta'e baayyina isaanii BBC'n qaama walabarraa hin mirkaneeffanne.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso'aniifi badii garagaraan himataman balleessuuf oppireeshinii waraanaa eegaluu baatii dura ibsuun ni yaadatama.
Ergasii bakkee adda addaatti ajjeechaan raawwachuu jiraattonni himaa jiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhimma kana quba qabaachuu BBCf ergaa barreeffamaa ergeen mirkaneesse. ''[Dhimmicha] qulqulleessuuf itti deemaa jirra,'' jedhan Komishinichatti Gorsaa Olaanaa kan tahan Obbo Imaad Abdulfattaa.
Maaltu ta'e?
Jiraattonni akka jedhanitti humnoonni nageenyaa federaalaa gaafa Wiixataa ganda isaanii dhaqan. BBC'n jiraattota kanneen wayita dubbisetti duubaan sagaleen namoota boo'anii ni dhagahama ture.
Ilmi isaanii jalaa ajjeefamuu kan himan jiraataan tokkoo, gaafa Wiixataa ganama humnoonni federaalaafi milishaa ganda isaanii keessa osoo adeeman arguu sagalee gaddaan dubbatu.
''Horii yaafnee ilma kiyya walin horii bira dhaabbanna. Tilmaamaan sa'aatii 12:15 ni ta'a,'' jechuun ibsu.
''Koottaamee nuun jedhan. Seera eegneetoo achi gadi baane. Tikikkilanyaa Shanee amma arganne jedhanii mucaakoo qaban. Hoggasuma kootii shurraabii irraa baasanii harkasaa duubatti hidhan,'' jechuun himu.

Madda suuraa, Oromia Police Commission/Facebook
''Gaafa hojjaa lammaffoo [Kibxata] nyaataa fi uffata qabanneefi dhaqne silaa seeratu isaan hidhe jennee kaampii Kaajimaa [humnootii nageenyaa bakka buufatan] gaafachuu deemne.''
Boodarra ilma isaanii dabalatee namoonni kaan gaafa Kibxataa barii sa'aatii 11:00'tti ajjeefamuu isaanii kanneen tsabala Waashaa Mikaa'elii cuphamuu deemanirraa dhagahuu dubbatu.
''Mootummaan isaan hin beekne callisanii nu jalaa fixani,'' jechuun himu seeratti osoo hin dhihaatiin ajjeefaman jechuuun.
''Reeffa nuu kennaa jennaan ofii itti dabalamuu barbaaddanii nuun jedhani,'' jechuun hanga yoonaa reeffa akka hin fudhanne himan.
''Qorri gubee, kaan allaattiin nyaatee kaan bineensi nyaataa jira. Akkam goonaree?'' jechuun gaddaa ibsu. ''Osoo reeffa argannee owwaallannee malee waan biraa maal barbaanna?''
Ilmi isaanii hidhattoota waliin hidhata qabaachuu kan gaafataman abbaan kun, 'lakkii' jechuun deebisu.
''Isaan wajjiin quba hin qabu. Ana jalaa bahee hin beeku. Ani namaan wallolee harka cabeetan anaa jecha barumsa kutaa kudhanii dhiisee waggaa tokko na gargaaruuf qonnatti deebi'e,'' jedhan.
Jiraattonni gadda taa'uu dhorkamuu himan jiru. Haata'u malee jiraataan biraa ammoo ''Asirraan dhufanii, asirraan dhufanii jedhanii ofirratti baannana [rifanna] malee,'' nubiratti hin dhowwine jedhan.
'Firakoo sadiitu na duraa ajjeefame'
Nami biraa BBC'n dubbise immoo obboleessa, durbiifi ilma durbii abbaa isaanii ajjeefamuu dubbatan. Sadanuu dargaggoota umuriin isaanii 20 keessa jiran yoo ta'u kan sadaffaa 20 gadidha.
Gaafa Wiixataa ''Abbaakoofi obboleessikoo batasikaanaa galu. Mucaan obboleessa abbaakoos daaqoniidha bataskaanaa gala. Obboleessikoo dursee mana seene. Abbaankoofi daaqonichi duuba jiru.
''Humnoota nageenyaas daaqonicha karumarratti qabatanii reebuu eegalan. Abbaankoo maaliif reebdu jedhee isaan gaafate. Achii isaan eenyutu isaaf dhaabbadhu siin jedhe jedhaniin.
''Eegasii abbaakoo, daaqonichaafi obboleessikoo mana jiru ala bahee ture sadan isaanii qabatanii deemani,'' jechuun dubbatu. Karaarraas, humnoonni nageenyaa fira isaanii sadaffaa fudhachuu himu.
Eegasii bulee isaa ajjeechaan raawwatuu dhagahuufi firri isaanii lama bakka ajjeechaan raawwate adeemanii dhiiga arguu himan.
Keessaa tokko ''Inni kun caammaa mucaakootiti beeke,'' jedhanii ilmi isaanii ajjeefamuu baruu firri isaanii itti dubbachuu BBC'tti himan.
Namni kun ajjeechaa dhagahanii owwaalchaaf deemanus nageenya isaaniif sodaatanii akka ofirra deebi'an himan.
Obboleessi isaanii ajjeefame Ayyaana Faasikaaf kan biyya galuufi nama hojii barbaadu ta'uu dubbatu namni maqaa naaf dhoksaa jedhan kun.
''Ajjeesanii hallayyaarraan gadi gataniiru,'' kan jedhan namni kun, akkuma maatii kaan maatiin isaaniis reeffa hanga yoonaa hin arganne jedhan.
Jiraataan aannichaa BBCn dubbiseefi nageenyaaf jecha maqaasaanii dhakuu akka hin feenee himan kan biraa, namoota ajjeeffaman 18 keessaa 14 gooxiisaanii irraa ta'u himan.
Qondaalli aanichaa lakkoofsi namoota ajjeeffamanii hangasii miti haa jedhan malee meeqa akka ta'an hin himne.
Kominikeeshiniin Aanaa Warra Jaarsoo ajjeechaan raawwatuu guyyaa tokko dura ALI Ebla 24, 2014 (Caamsaa 2, 2022) ''Miseensoonni ABO Shanee 18 to'annoo jala oolanii jiru,'' jechuun Fesbuukii gubbaa qoodee ture.
''Nu biraa qabanii deeman. Mana sirreessaa geessan jennee biraa hafne. Ajjeesaniiti caakkaatti gadi naqanii deeman. Hin awwaalamne,'' jedhan jiraataan kuni.
Kanneen ajjeefaman keessaayis ''Kanneen hojii humnaa hojjatan, kaan ammoo mana amantaa irraa tajaajila daaqoniif eebbifamanii ayyaanaaf kan dhufantu jira. Barattoonni yuunivarsitii irraa deebi'anis keessa jiru.''
Namni BBC'n dubbise kunis abbaa fi obboleessa nama ajjeefame tokkoo waliin akka jiran kan himan yoo ta'u, duubasaaniis sagaleen bo'ichaa dhagahamaa ture.
Haata'u malee ''Mootummaadha ta'ee Shaneedha jechuuf waan jennee adda baasnu nu rakkisa,'' jechuun qaamni ajjeechaa kana raawwate eenyu akka tahe himuun nu rakkisa jedhan.
''Kan amma dhufe kun qaama mootummaati jedhan.
''Qaamni mootummaa nama hidhee nama sirreessee, ragaa funaanee nama adaba malee ilma namaa manaa fuudhee ajjeesee caakkaatti gadi naqaa?'' jechuun waan akkasii takkaayyuu arganii akka hin beeknu himu.
Jiraataan kunis namoonni ajjeeffaman awwaalcha dhabuun alatti akka gadda hin teenye dhorkamuun namootni maatiin jalaa miidhaman mana keessa taa'uun gaddaa akka jiran himan.
Deebii mootummaa
Bulchaan Aanaa Warra Jaarsoo Obbo Ayyalaa Mangistuu, BBC'n Kamisaa Caamsaa 5, 2022 dubbise walgahiirraa ka'anii nu dubbisuufi ''Warra Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qorachaati jirra,'' jedhan.
''Kan qabaman bal'aan isaanii warra diina waliin ture. Isa keessammoo maaltu jira kan jedhu adda baasnee qorachaa jirra,'' jechuun dubbatan.
Ta'ulleen BBC'n jiraattota dubbise mara hidhattoota walin hariiroo qabaachuu gaafatee, hunduu hariiroo akka hin qabne himu.
Yeroo dheeraaf Godina Shawaa Kaabaa aanaalee muraasatti qawwee hawaasarraa funaanuun, nama butanii qarshii gaafachuun, akkasumas badiiwwan kaan hidhattooti raawwatan jechuun jiraattonni BBC'tti himan turan.

Madda suuraa, Warra Jarso Communication/ screen shot
Mootummaan baatii Bitootessa keessa oppireeshinii waraanaa hidhattoota 'ABO-Shanee' fi 'finxaaleyyii Amaaraa' irratti eegaluu yoo ibsetti, bakkeewwan eeraman keessaa tokko Shawaa Kaabaadha.
Gaaffii ummataan qaamni nageenyaa kan bobba'e kan jedhan bulchaan aanaa, hidhattoonni bal'inaan aanicha keessa waan sosso'aa turaniif ''kanarraa kaasee qulqulleessaa jirra'' jedhan.
''Rakkoo nageenyaatu kana fide. Bakkee rakkoon nageenyaa jirummoo yoo xiqqaate qaamni nagaas keessa miidhamuu waan danda'uuf,'' jechuun kanneen du'an jedhaman keessaa namni nagaa jiraachuu isaa akka qoratamaa jiru himan.
Jiraattonni kanneen ajjeefaman 18 jedhanis, bulchaan aanaa ''18 hin gahu garuu namni ajjeefameera,'' jechuun deebisan.
Kana dura hidhattootaan badiin sukkanneessaa garagaraa gahaa turuu kan himan qondaalli kun, kanneen du'an keessaa ''namoonni nagaa jiraachuu isaanii baruuf qorannoo barbaada,'' jedhan.
Dhimma raawwate jedhame qaamni nageenyaa osoo dubbate natti tola kan jedhan bulchaan aanaa, ''akka hooggansa siyaasaatti nuti hojii siyaasaa hojjenna'' jechuun dubbatan.
BBC'n dhimma kana hubachuuf Hogganaa Ittaanaa Biiroo Bulchinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu iyyaafatee ture.
Dhimmicha ''Quba hin qabu, hin beeku,'' jechuun deebisan. Namni du'uu dhagahuu isaanii gaafatamaniis‚''hin dhageenye'' jedhan.
Itti gaafatama isaanii malee wanti akkanaa raawwachuu danda'a jedhamanii gaafatamanis‚''Ani ajaja akkasii hin kenninees, hin beeku,'' jedhan.
Humnoonni nageenyaa mootummaa murtee seeraa malee ajjeechaa raawwachuu (extrajudicial killings)'dhaan irra deddeebiin himatamu.
Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaalis gabaasa Caamsaa 2020'tti baasen humnoonni mootummaa hidhattoota dhabamsiisuuf jecha ajjeechaa, hidhaa raawwachuun himate.
Aangawoonni garuu himannaa kana ni balaaleeffatu. Kana dura 'qaama nama ajjeesurratti tarkaanfii walgitu fudhachuuf kallatiin kaa'ameera' jechuun qondaalli Naannoo Oromiyaa BBC'tti himanii turan.
Duula waraanaa Oromiyaa keessaa
Oppireeshinii waraanaa waggoota muraasa darban gama Lixaafi Kibba Oromiyaa taasifameen gidduutti lubbuun lammiilee nagaa darbuu gabaafamaa tureera.
Torbanuma darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada'aa Bargaatti namoonni 20 ol ajjeefamuu, jiraattoni himaniis qondaaltonni ''odeeffannoo hin qabnu'' jechuun BBC'tti deebisan.
Akkasumas godinichuma Aanaa Abunaa Gindabaratitti jiraattonni namoonni ajjeefamuu himaniis, qondaaloti mootummaafi hidhattoonni quba hin qabnu jechuun deebisan.
Waraanni Tigraayitti eegaluu dura rakkoon nageenyaa sochii hidhattootaan walqabatee Oromiyaa keessa dhalate karaa nagaan akka furamu dhaabbileen siyaasaa gaafataa turuun ni yaadatama.
Maqaa namoota jiraattonni nu jalaa ajjeefaman jedhaniis ta'e maqaa namoota dubbisne nageenya isaaniif jecha gabaasa kana keessatti ifa hin goone.
















