Lola Oromiyaa: Ada'aa Bargaatti namoonni nagaa hedduun poolisiin ajjeefamuu jiraattonni himan

Kaartaa magaalaa Incinnii
Ibsa waa'ee suuraa, Incinniin magaalaa guddoo Aanaa Ada'aa Bargaati

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada'aa Bargaatti poolisoonni humna addaa Oromiyaa namoota nagaa hedduu ajjeesuu jiraattonni BBCtti himan.

Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti ajjeechaan kun Jimaata Eebla 29, 2022 kan raawwate yoo ta'u, guyyaa tokko dura jechuunis Kamisa Eebla 28 hidhattoonni miseensota poolisii ajjeesuu hordofeeti ajjeechaan kun kan raawwate.

Jiraataan naannichaa BBCn dubbise tokko namootni ajjeefaman 21 ta'uu yoo himu, jiraataan biraa ammoo namootni nagaa ajjeefaman 40 ta'uu dubbata.

Dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii humnooti mootummaa namoota 46 ajjeesuu ibsuun maqaa namoota ajjeefaman jedhanii 15 tarreessuun tiwiitarii irratti maxxansanii jiru.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa Jimaata galgala baaseen Ada'aa Bargaatti manguddoo ganna 70 dabalatee namoonni 15 ajjeefamuu himee, mootummaan ta'e jedhee Oromiyaa dirree waraanaa gochaa jira jechuun qeeqeera.

Hogganaa itti-aanaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa koloneel Abbabaa Garasuu waa'ee poolisootaas ta'e namoota nagaa ajjeefamanii "hin beeku" jechuun BBCf deebii kennan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa amma dura dhimma kanarratti waan jedhe hin qabu. Haata'u malee oppireeshinii qindaa'aa iddoowwan gara garaatti adeemsifamaa jiruun hidhattoota Shanee jechuun waamurratti tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru ibsaa jira.

Ada'aa Bargaatti maaltu ta'e?

Akka jiraattotarraa odeeffannetti Kamisa Eebla 28, 2022 miseensota humna addaa poolisii Oromiyaa baadiyyaa Aanaa Ada'aa Bargaa keessa konkolaataa piikaappiin socho'a turan irratti hidhattoonni tasa haleellaa raawwataniiru.

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate poolisoonni 10 yoo ajjeefaman, namoonni sadi ammoo madaa'uu jiraattonni BBCtti himaniiru.

Haleellaa kana hordofuun guyyaa itti aanu Jimaata Eebla 29, 2022 magaalota xixiqqoo Aanaa Ada'aa Bargaa akka Incinnii, Mugar, Reejjii fi Jimaataa jedhaman keessa muddamni akka ture himu.

Boodas magaalaa xiqqoo Jimaataa jedhamtu keessatti humnoonni addaa poolisii Oromiyaa mana manarra deemuun sakatta'iinsa gochuufi namootas ajjeesuu eegalan jechuun jiraataan tokko BBCtti himeera.

"Reeffi namaa mana keessa, mana duuba akkasumas karaa guddicha qarqarattillee ni mul'ata ture" jedhu jiraataan wayita ajjeechaan kun raawwatu Jimaataa turaniifi amma magaalaa Hoolataa jiran kun.

Miseensonni poolisii humna addaa Oromiyaa kunneen wayita mana manarra deemuun sakatta'aa turanii fi namas ajjeesan, uummataan 'Shanee kan dhoksu isini' jechaa akka turan namootarraa dhagahuus himu jiraataan kun.

Namoota ajjeesuun alatti magaalaa xiqqoo Jimaataa jedhamtu kana keessatti manneen jireenyaa hedduu gubuullee jiraattoonni himaniiru.

Hogganaa itti-aanaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa koloneel Abbabaa Garasuu "sobadha, nuti hin beeknu, gabaasni akkasiis nu hin geenye" jechuun waa'ee namoota nagaas ta'e poolisoota ajjeefamanii akka quba hin qabne BBCtti himan.

Hogganoota Komiishinii Poolisii Oromiyaa akkasumas bulchiinsa Godina Shawaa Lixaarraa deebii argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Torbee darbe haleellaa qilleensarraa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abunaa Gindabarat keessatti raawwatameen namoonni nagaa 25 ta'an ajjeefamuu jiraattonni BBC'tti yoo himan, bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa garuu haleellaan qilleensarraa raawwatames ta'e, namni nagaa ajjeefame hin jiru jechuun waakkataniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa oppireeshinii qindaa'aa farra riphee loltootaa godinaalee naannichaa gara garaa keessatti hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo Shanee jedhee waamu irratti labseen milkaa'ina argachaa akka jiru hima.

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Mana Sibuutti "sakatta'insaafi oppireeshiinii taasifameen miseensoota ABO Shanee 5 irratti tarkanfiin yoo fudhatamu 18 ammoo booji'amaniiru" jechuun OBN gabaaseera.

Torbee darbe Godina Gujii Bahaatti Aanaa Gumii Eldalloo guutummaatti hidhatootarraa bilisa gochuu kan ibsee Raayyaan Ittisa Biyyaa, hidhattoota 200 ol ajjeesuu fi 100 ol ammoo madeessuu akkasumas 22 kan ta'an booji'uu beeksiseera.

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan Shanee jechuun waamuu fi akka haaraatti lola irratti labse gama isaaniin akkanuma iddoowwan gara garaatti injifannoo argachuu himu.