'Qaamoleen nageenyaa tarkaanfii gita hin taane fudhatan gaafatamoo haa ta'an'-KMNO

Madda suuraa, Ethiopian Human Rights Commission
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ta'ii tibba kana magaalaa Gaambellaa keessatti ta'een walqabatee ibsa baaseen ''qaamoleen nageenyaa tarkaanfii wal hin gitne fudhatan haa gaafataman'' jechuun gaafate.
Kibxata darbe humnoootni Waraana Bilisummaa Oromoofi Addi Bilisummaa Gaambellaa magaalittii irratti haleellaa raawwataniin walqabatee eeruu uummata irraa isa gahaa jiruun tarkaanfiin qaamoleen nageenyaa naannichaan fudhatamaa jiru mirga namoomaa akka sarbaa jiru dhagahuu jaarmiyaan kun ibseera.
Erga haleellaan Kibxata darbee humnoota mootumaan to'annoo jala oolee booda haalli magaalitti guutummaatti hin tasgabboofne kan jedhu ibsi kun, keessumaa Roobii darbe irraa eegalee qaamolee haleellaa san keessaa qooda ykn hirmaannaa qabu jedhaman irratti tarkaanfiin madaalawaa hin taane fudhatameera jedhe.
''Humna addaa naannichaa fi Poolisii idileen tarkaanfiin fudhatamaa jiru uummatni sarbama mirga namoomaaf saaxilamuufi murtee seeraa malee ajjeechaan raawwatamuu ragaan nu gahaa jira.''
Jaarmiyaan kun namoota ijaan argan irraa sassaabbateen viidiyoo wayita qaamoleen nageenyaa mannarra naanna'uun namoota harka keessaa qabu jedhanii shakkan irratti ajjeechaa yoo raawwatan ragaa agarsiisu argachuu ibse.
Komishinarri Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa(PhD) mootummaan nageenya magaalittii mirkaneessuuf tarkaanfiin fudhatu bu'uuraalee mirga namoomaa akka hin sarbine mirkaneessuu qaba jedhan.
''Keessumaa qaamoleen nageenyaa tarkaanfii madaalawaa hin taane kan lubbuu baasurraa of qusachuu qabu, qaamolee nageenyaan gochoota seeraan alaa raawwataman atattamaan qoratamanii balleesitoota irratti gaafatamni haa mirkanaa'u'' jedhan.
Haleellaa magaalaa Gaambellaatti raawwatameen walqabatee viidiyoon namni meeshaa hin qabne yeroo namoota uffata waraanaa uffataniin ajjeefamu mul’isu guyyaa Kamisaa miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa ture.
Dubbi-himaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii kanneen ajjeefaman sabaan Oromoodha jechuun namoonni nagaa 11 ajjeefamuu himu.
Hogganaan koomunikeeshinii naannoo Gambeella Obbo Ugaatoo Adiing namootni nagaan ajjeefamaa jiraachuu ilaachisee gaaffii BBC irraa dhiyaateef deebii kennaniin dubbiin kun ''olola diinaati'' deebii jedhu kennan.
''Rasaasa miliqxeen du’e jira'' jedhanii, ''namni sabaan adda baafamee ajjeefame akka hin jirre siifan mirkaneessa'' jedhan.












