Viidiyoo ajjeechaa Gaambellaatti raawwate jedhameefi ijoo dubbii ta’e

Magaalaa Gambellaa

Madda suuraa, Gambella Regional State

Viidiyoon nami meeshaa hin qabne yeroo namoota uffata waraanaa uffataniin ajjeefamu mul’isu guyyaa Kamisaa miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa ture. Namoonnis mufii ibsaniiru.

Taaten ammatti sirriitti hin mirkanaa'in kuni magaalaa Gaambellaatti akka raawwatetti gabaafame.

Magaala kanattimmoo jalqaba torban kanaa haleellaa hidhattoonni raawwataniifi dhukaasa humnoota mootummaa waliin tureen hedduun du’aniiru.

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamuufi Addi Bilisummaa Gaambellaa ajjeechaan sabarratti xiyyeeffate jechuun himatan.

Himannaa humnoonni mootummaa lammiilee nagaa ajjeesan jedhu garuu mootummaan naannichaa ‘’olola diinaati’’ jechuun BBC’tti hime.

Viidiyoon kuni mootummaan haleellaa hidhattoota booda magaalittii deebisee to’achuu erga ibseefi hidhattoota hafan ‘qulqulleessuuf’ tarkaanfii akka fudhataa jiru erga ibse booda as bahe.

Lola guyyoota lama dura Gambeellaatti hidhattootaa fi humnoota mootummaa jidduutti godhameen booda guyyaa Kamisaa magaalattiin sochii idileetti deebi'aa akka jirtu mootummaan ibseera.

Dhaabbileen daldalaa fi geejjibni tajaajila kennuu akka eegalanii fi hojjettoonni mootummaa Jimaatarraa eegalee hojiitti akka deebi'an ajajamuu hogganaan koomunikeeshinii Naannoo Gambeella Obbo Ugaatoo Adiing BBC'tti himaniiru.

Lola tureen hidhattoonni lakkoofsi isaanii adda hin baafamne yoo ajjeefaman, gariin kan magaalattii keessa dhokatanii hafan to'annoo jala oolfamaa jiraachuu Obbo Ugaatoon himaniiru.

''Humni diinaa dhufe kana dura waa’ee Gambeellaa kan hin beeknedha. Muramanii uummata jidduu waan seenaniif karaa bahan dhaban. Karaa bahan yoo dhaban qe’ee namaatti seenan.

''Kaleessa nyaataa fi bishaan malee waan oolaniif har’a kan harka kennatan jiru. Kaan ammoo bakka dhokatanii jiranitti eeruu uumataan kan to’annoo jala oolfaman jiru,'' jedhan.

Lakkoofsaan namoota hanga ammaa to'ataman adda hin baafne jedhan.

Lola tureen hidhattoonni heddumminaan ajjeefamaniiru, kan jedhan Ugaatoon, lakkoofsaan adda baasuu baatanis ''ammallee reeffa funaanaa jirra'' jedhan.

''Lolli magaala keessatti waan ta’eef gama lamaanuu irraa daggala keessatti, mana namaa duubatti, marga keessatti reeffi argamaa ture. Kanaaf nama haganaatu du’e jechuu hin dandeenyu.''

Kana dura qondaalotni olaanoo naannichaa namoonni 40 ta'an haleellaafi lola gaafa Kibxataan lubbuu dhabuu BBC'tti himanii turan.

Kanneen keessaa gara caalu hidhattoota ta'uufi humnoonni nageenyaallee lubbuu dhaban akka jiran ibsan.

Jiraattonni BBC'n dubbisees lola guyyaa kibxataa hordofee reeffi magaalaa keessa mumul'achuu ibsaniiru.

Hidhattooti garuu galma magaalattii seenaniif ''galmaan geessisuu'' himu.

Viidiyoon maal mul'isa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Eegasii ture, keessumaa gaafa Kamisaa viidiyoon namni harki isaa duubaan hidhamuun isaa mul'atu, namoota uffata humnoota nageenyaa uffataniin yeroo ajjeefamu mul'isu kan qoodame.

Kanneen qawwee of harkaa qabatanii dhukaasa raawwatan keessaa kan uffata waraanaa hin uffannes jiru.

Viidiyoon kuni keessumaa jalqaba hoogganaa riphee loltoota Gaambellaan qoodame.

Dubbii Himaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii kanneen ajjeefaman sabaan Oromoodha jechuun namoonni nagaa 11 ajjeefamuu himu.

Gareen seera Itoophiyaa galmee shororkeessitoota jalatti farrajame kuni ibsa baasen maqaa ''hidhattoota dhoksitu'' jechuun hawaasarratti xiyyeeffachuun haaraa miti jechuun humnoota mootummaa himate.

BBC'n addatti viidiyoo kana hin mirkaneessine.

Dhimma kana irratti gaaffii kan dhiyeessineef hogganaan koomunikeeshinii naannoo Gambeella Obbo Ugaatoo Adiing ''olola diinaati'' jechuun himannaa kana fudhatama dhabsiisan.

''Kun ololaa fi shira diinaati. Kaleessa lolarra kan ture humna uffata dambii uffatee dhufe malee uummata nagaa miti.

''Wayita isaan baqatanii gara mana jireenyaa seenaa turanillee humnoonni keenya namoonni nagaa akka hin miidhamne jedhanii dhiisaa turan.''

Itti dabaluunis ''olola ummata walitti buusuuf, Oromoon saba kaan walin akka walitti bu’u godhamaa jirudha'' jedhaniiru.

Lolli magaala keessatti waan godhameef namni nagaa ''rasaasa rasaasa miliqxeen du’e jira'' jedhanii, ''namni sabaan adda baafamee ajjeefame akka hin jirre siifan mirkaneessa'' jedhan.

BBC'n waa'ee viidiyoo kanaa adda baasuufi jiraattota dubbisuuf yaalutti jira.