Haleellaa Gambeelaatiin namoonni 40 ajjeefamanii hedduun madaa’an

Madda suuraa, Gambella Press Secretariat office
Haleellaa kaleessa magaalaa Gaambeelaatti hidhattootaan raawwatme hordofee namoonni 40 ol ajjeefamuu qondaaltoonni motummaa naannichaa bakka garaa garaatti argaman BBCtti himan.
Humnootiin bulchiinsi naannichaa hidhattoota ABO-Shaneetiifi Adda Bisilisummaa Gaambeelaa jedhan, Kibxata kaleessaa Waxabajjii 14, 2022 ganama haleellaa magaalaa guddoo naannichaa keessatti raawwataniin, sa’aatiiwwaniif humnootii nageenyaa waliin walitti dhukaasaa akka turan jiraatoonni ibsaniiru.
Qondaalli olaanaan naannichaa maqaansaanii akka eeramu hin barbaanne tokko BBCtti akka himanitti, haleellicha hordofee namoonni 40 ol ajjeefamuu ibsanii, isaan keessaa 10 humnootii nageenyaa motummaa kaan ammoo hidhattoota ta’uu dubbatan.
Haaluma walfakkaatuun qondaalli mootummaa kan biraa ammoo lakkoofsi namoota ajjeefamanii 40 akka caalu kaasuun, namoonni nagaa lama akkasumas miseensonni humna nageenyaa 11 fi kaan hidhattoota haleellaa raawwatan irraa kan ajjeefaman ta’uu himan.
Itti dabaluunis humni nageenyaa bosonaafi eddoowwan garaa garaatti sakatta’iinsa kan gaggeessan ta’uufi namoonni ajjeefaman argamuu waan danda’uuf lakkoofsi kun dabaluu akka danda’uuf ammatti lakkoofsa sirrii baruun rakkiisaa ta’uu BBCtti himan.
Namoota haleellichaan lubbuunsaanii dhabameen alatti namoota 36 irraa ammoo miidhaa qaqqabuun wallaansa argataa jiraachuu qondaalli kun himaniiru.
Keessatti naannawa mana maree naannichaafi waajjira bulchiinsa pirezidaantii naannichaa irratti xiyyeeffatee kan ture haleellaa hidhattootaa, kaayyonsaa dhaabbilee naannichaa gurguddaa to’achuuf kan ture fakkaata jedhan jiraattoonniiifi aanga’oonni BBCn dubbise.
Hidhattoonnis magaalaa Gaambeellaa irra jiraa to’atanii kan ture yoo ta’u, humnootii nageenyaa waliin hanga guyyaa walakkaatti waliitti dhukaasaa turuufi kanaanis miseensonni hidhattootaa ajjeefamuutu himame.
Pirezidaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuuluu ibsa Kibtata kaleessaa galgala keessa kennaniin, tarkaanfii humnootiin nageenyaa fudahtaniin hidhattoota irra ‘‘kisaaraa qabeenyaafi namoomaa olaanaan irra qaqqabuu, humna mootummaa irras miidhaa muraasni gahuu’’ dubbataniiru.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraattonni magaalattii BBC tti akka himanitti reeffi hidhattootaa baay’een daandii magaala Gambeellaa irratti argama.
Jiraataan tokko har’a BBC tti akka himanitti guyyaa har’aa magaalattiin nagaa akka taate fi ganamaa qabee reeffi daandii irraa sassaabamaa jira.
Haa ta’u malee haleellaa guyyaa Kibxataa gaggeeffameen dhaabbileen mootummaa fi manneen daldaalaa har’as osoo hin banamin akka jiran jirattonni BBC tti himaniiru.
Guyyaa Kibxataa halkan walakaadhaa kaasee sagaleen dhukaasaa dhaabbataa akka taree fi magaaladhaan alatti dhukaasni darbee darbee akka dhagahamu jirattonni ni dubbatu.
Hidhattoonni ganama barii haleellaa bananii turan magaalattii hamma tokko to’atanii akka turan mootummaan ibseera.
Taatullee humnoonni nageenyaa naannichaa tarkaanfii fudhataniin hidhattoota magaalaa keessaa akka baasan jiraattonni BBC’tti himanii turan.
Pirezidantiin naannichaa Umood Ujuluu gaafa Kibxataa ibsa kennaniin magaalattii ‘guutummaa guututti’’ to’achuu ibsan.
Haleellaa kana irratti hidhattooti mootummaan ABO-Shanee jedhufi hidhattooti Gambeellaa hirmaachuu mootummana himeera. Hidhattootis kanuma ibsan.
Dhimma Gaambellaa raawwateerratti mootummaan federaalaa waan jedhe hin qabu.
Naannoon Gambeellaa Sudaan Kibbaa bakki rakkoon nageenyaa jiruufi Lixa Oromiyaa bakki hidhattooti sosso’an daangessa.












