Dambi-Doollootti humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti dhukaasni deemaa jiraachuu jiraattonni himan

Jiraattoonni magaala Dambi-Doolloo BBCn haasofsiise dhukaasni magaalicha keessaatti obboroo naannoo sa’aa 12:00 irratti eegaluu himaniiru.
Haleellaan kuni yeroo mootummaan Naannoo Oromiyaa sochii hidhattootaa daangessuuf oppireeshinii waraanaa gaggeessaa yeroo jirutti mudate.
Haleellaa kanarratti hidhattooti qooda fudhachuu ibsanis, ammatti gama mootummaa wanti jedhame hin jiru.
Haleellaan walfakkaataa magaalaa Gaambellaatti Kibxata har'aas raawwateera.
“Amma meeshaan dhuka’aa jira. Ganama halkan sa’aa 12:30 hanga ammaatti (sa’aa 5:00) lola guddaatu deemaa jira.
Namni akka itti gadi bahu hinqabu. Kunoo mana keessa balbala cufannee taa’aa jirra,” jedhan jiraataan magaalichaa BBCn haasofsiise.
Jiraataan maqaan isaanii akka hin eeramne gaaftan kun, dhukaasichi gandoota magaalichaa baay’ee keessatti adeemaa kan jiru ta’uus himaniiru. Jiraataan magaala Dambi-Doolloo biraan immoo, “Waraana Bilisummaa Oromoofi warruma mootummaa gidduutti kan dhukaasni gaggeeffamaa jiru.
''Naannawa magaalaa guutumatti. Yeroo balbalarra darbanis (hidhattoonni) agarreerra,” jechuun himan.
Hidhattooti kuni gama Lixaafi Kibba Oromiyaa kan sosso'an yoo ta'u mootummaan galmee shororkeessummaa jala galcheera.
Jiraataan dubbifne hidhattoota lakkoofsaan naannoo 30 ta’an ijaan arguus dubbatu.
Humnootiin mootummaa akka Raayyaan Ittisaa, Poolisiin Federaalaa, Humni Addaa Oromiyaafi poolisiin idilee dhukaasicha keessatti hirmaachaa akka jiranis jiraataan kun himaniiru.
“Magaalli waan tokko hin jiru. Namni hunduu mana cuccufatee jira. Karaarras wanti tokkoyyuu hin jiru. Warruma waraanaa duwwaatu fiigaa jiru,” jechuun haala magaala Dambi-Doolloo keessa jiru ibsaniiru.
Dubbii Himaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu, Odaa Tarbii, hidhattoonni isaanii magaalota Dambi-Doolloofi Gimbii keessatti humnootii mootummaan wal lolaa jiraachuu Tiwiitaraa gubbaa ibseera.
Dhimmicharratti ibsa kan gaafanne bulchaan godina Qeellam Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa hojiirra jiraachuu isaaniifi booda akka bilbilluuf nutti himaniiru.
Yaaliin BBCn yaada itti-gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya godinichaa argachuuf taasises ammatti hin milkoofne.
Qondaalli hidhattootaa kuni hidhattoota Gambeellaa waliin ‘oppireeshiniin waloo’ jedhaniin Gambeellaa keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haleellaa Gaambeellaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Oduu walqabatuun Naannoo Gaambeellaa magaalaa Gaambellaa keessatti Kibxata ganamarraa kaasee dhukaasni dhaga'amaa jiraachuu jiraattonni BBCtti himaniiru.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti, magaalaa Gambeellaa gar-tokko keessatti hidhattoonni kan mul'atan yoo ta'u, haleellaan naannawaa waajjira Pirezidantii naannichatti raawwameera. Haleellaa kanaaf ammoo hidhattootatu himatame. Gareen Adda Bilisummaa Gambeellaa ofiin jedhu Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu waliin haleellaa banuu qondaalli olaanaa naannichaa BBC’f himaniiru.
Dhimma kana kan gaafataman Pirezidantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluu, ‘’odeeffannoon kenninu homtuu hin jiru,’’ jechuun dubbatan.
Haata'u malee, qondaalli olaanaa naannoo Gambeellaa tokko haleellaan raawwachuu ibsanii, lubbuun darbuufi kanneen miidhaman jiraachuu ibsan. Qondaalli maqaan isaanii akka dhahamu hin feene kun yoo xiqqaate humnoonni nageenyaa lamaafi hidhattooti sadii ajjeefamuu hospitaalarraa akka odeeffatan himan.
Qondaalli olaanaa naannichaa maqaa naaf dhoksaa jedhan kuni ‘’mootummaa federaalaaf beeksisneerra.
"Humna bakkee dhiyoorraa magaalattiitti bobbaasuuf yaalaa akka jiran nutti himaniiru. Humni asii qaban garuu xiqqoodha," jechuun dubbatan.












