Naannoo Amaaraa, Daseetti boombii hidhattooti poolisiin hiikkachiisaa ture dhoosaniin namoonni shan du'an

Magaalaa Dasee

Madda suuraa, DESSIE CITY COMMUNICATION/FB

Naannoo Amaraa Magaala Dasee Bulchiinsa Boombaa Wuhaa jedhamu keessatti dhohiinsa boombii qaqqabeen lubbuun namoota shanii darbuu poolisiin hime.

Boombii kana kan dhoosan hidhattoota to'annoo jala oolfaman poolisiin hiikkachiisaa jiru jedhameera.

Akka Poolisiin jedhetti, haleellan boombii kun kan qaqqabe namoonni yakka lubbuu namaa balleessuutiin barbaadamaa turan erga qabamanii booda boombii darbataniinidha.

Namoonni yakka kanaan shakkaman afur yoo ta’ataman, naannoo Dasee Aanaa Xid Gabayaa jedhamuu ka’anii gara magaala Daseetti seenun badii garaa garaa raawwachuuf osoo jedhanii tumsa Bulchiinsa Magaala Daseefi poolisiin Walloo Kibbaa taasisaniin to’atamanii qorannaaf buufata Poosilii 4ffatti geeffamaniiru.

Erga buufata poolisiitti geeffamanii booda hidhannoo isaanii akka hiikkatan gaafatamanis diduudhan boombii hidhatanii jiran dhoosun shakkamtoota dabalatee poolisii idilee tokko, humni addaa tokko lubbuun darbuu danda’eera.

Walumaa galatti namni shan yoo du’u, shakkamtoota keessaa namni tokko harka laatera jechuun Bulchiinsa Magaala Daseetti Itti-gGaffatamaa Waajjira Poolisii kan ta’an Komaandar Asmiin Mulaat ibsaniiru.

Dhiyeenya mootummaan naannoo Amaaraa keessatti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeessaa jiruun namootni kumootaan lakkaawwaman hidhamanii, lubbuun namootaas darbeera.

Kanaan walqabatee bakka adda addaatti walitti bu'iinsi mudatee lubbuun namootaa darbee, kaanis miidhamuun gabaafameera.

Bakka walitti bu'iinsi mudatetti jiraattootni BBC'n dubbise, walitti bu'insichi qaamolee nageenyaa federaalaafi miseensota Faannoo gidduuttti dhalate jedhan.