Duulli naannoo Amaaraa 'seeraa kabachiisuumoo qeeqxota mootummaa ari'achuudha?'

Dhiyeenya naannoo Amaaraa keessatti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan gaggeessaan jira jedhuun namootni kumootaan lakkaawwaman hidhamanii, lubbuun namootaas darbeera.
Kanaan walqabatee bakka adda addaatti walitti bu'iinsi mudatee lubbuun namootaa darbee, kaanis miidhamuun gabaafameera.
Bakka walitti bu'iinsi mudatetti jiraattootni BBC'n dubbise, walitti bu'insichi qaamolee nageenyaa federaalaafi miseensota Faannoo gidduuttti dhalate jedhan.
Duula kaanan walqabatee Baha Gojjaam magaalaa Mooxaa keessatti torbee darbe namoota duula kana mormuu bahaniifi qaamolee nageenyaa gidduu walitti bu'iinsa dhalateen, yoo xiqqaate namootni jaha ajjeefamuufi 13 ol madaahuu BBC'n jiraattotaafi maddeen hospitaalaa irraa odeeffateera.
Magaalaa Baahirdaar irraa fageenya dhiyoorratti kan argamtu Mar'aaweettis hiriira mormii gaggeeffamee tureen hokkora dhalateen, yoo xiqqaate namootni 12 ajjeefamanii kaan madaahuu waldaan dhalattoota Amaaraa Ameerikaa jiraatanii fuula feesbuukii isaa gubbaatti barreesseera.
Gama kaaniin Kaaba Walloo magaalaa Waldiyaatti walitti bu'iinsa dhalateen, yoo xiqqaate namootni afur ajjeefamuu jiraattotni BBC'tti himaniiru. Waldaan dhalattoota Amaaraa Ameerikaa Waldiyaatti kan ajjeefaman namoota torba ta'uu gabaase.
Akka jiraattotni jedhanitti walitti bu'iinsi kan eegale dargaggoonni magaalittii ''hoogganoota Faannoo'' hidhamaniiru jedhaniin hiiksiisuuf gara buufata Poolisii yeroo imalaniidha.
Waajirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Amaaraa ibsa guyyoota dura baasee tureen namootni 4,552 ta'an to'annoo jala ooluu gabaaseera.
Duula kana keessa miseensotni isaanii to'atamuu dhaabbileen siyaasaa akka Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN), Innaatiifi Baaldaraas Dimookraasii Dhugaaf beeksisaniiru.
Duulli Naannoo Amaaraa ''seera kabachiisuumoo Faannoo ari'achuudha''
Nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan jiraataan magaalaa Mooxaa tokko, torbee darbe magaalittii keessatti ajjeefamuu namootaaf wanti sababa ta'e ''mootummaan Faannoo ari'achuuf yaaluu isaati'' jedhu.
Dursanii miseensota Faannoo hidhaman akka gadhiifaman gaafachuuf mormii gaggeeffameen walqabatee yoo xiqqaate namootni jaha ajjeefamanii 13 madaahaniiru.
''Magaalichatti dargaggoon hidhaman uummatarra rakkoon geessisan hin jiru. Gocha seeraan alaa irrattis hi hirmaanne. Nageenya naannichaa eegsisuun dargaggoota kaanis amala qabsiisuun gahee qabu ture. Akkasumas duula weerara TPLF irrattis qooda qabu ture'' jedhan.
Mootummaan dargaggoo kana yakka maaliin shakkee akka hidhe waan hin ibsineef jiraattotni naannichaa ''ijoollee kana hin tuqinaa'' jechuun mormuu himan.
Mootummaan hidhaa jumlaa raawwachaa kan jiru sababa ''gurmaa'ina al-idilee'' jedhuuni jedhan jiraataan kun.

Madda suuraa, FB
Magaalaa Mooxaa keessatti ji'a tokko duras walitti bu'insi ture lubbuu galaafachuu kan himan jiraataan kun, warri hidhamaniis garam akka geeffaman maatiin hin beeku jedhan.
Jiraataan magaalaa Waldiyaa kan biraan ''mootummaan Faannoo ari'achaa jira'' yaadni jedhu Faannoo leenjisanii, eebbisaniifi ifatti adda waraanaatti erguun haala jiru keessatti waan walfaallessuudha jedha.
''Mootummaan Faannoo ari'achaa hin jiru, keessa isaa qaamni gurmaaa'e biraan waan jiru natti fakkaata,'' jedha.
Ifatti leenji'anii eebbifamaa jiru warri Faannoo kan jedhu namni kun, ''duuchaatti mootummaan Faannoo ari'achaa jira yaadni jedhu sirrii natti hin fakkaatu,'' jedha.
''Naannoos ta'e mootummaa federaalaa irraa kan amantii dhabee fi Faannoo irraa gargar baheera gareen jedhu jira. Gareen kun humna addaas Raayyaa Ittisaas hin amanu. Mootummaafis ajajamoo miti.''
Duula kanaan walqabatee magaalaa Waldiyaa keessa sakatta'iinsi akka tureefi qaamoleen nageenyaa baayyinaan akka turan himeera jiraataan kun.
Jiraataan magaalittii kan biroon, ''daandii cufuun, konkolaataa reebuufi gara buufata poolisii imaluun hoogganoota Faannoo hidhamaniiru jedhan hiiksisuuf yaaliin godhamaa akka ture dubbataniiru.
Akka jiraataan kun jedhanitti ''sirna mootummaa jala hin gallu, meeshaa waraanaa keenyas hin galmeessifnu'' jechuun kanneen kophaatti leenji'an jiru.
Waldaa dhalattoota Amaaraa Ameerikaa jiranii keessatti daayireektara Advookesii kan ta'an obbo Honee Mandeefroo Finfinneettis ta'e mootummaa naannoon duulli godhamaa jiru ''sochii bulchiinsa Abiy warra mormu dhabamsiisuuti'' jedhan.
Namni kun dubbii isaanii kanaaf akka sababatti wanti kaasan, hoogganaan humna addaa naannichaa yeroo waraana waliinii duulaa fi dulchisaa turan Janaraal Tafarraa Maammoo fi fakkaattoota isaanii, barsiisota dhaabbilee barnoota olaanoo, hoogganoota waajiraalee sadarkaan jiran, gaaxesessitootaafi miseensota paartii mormituu dhageettii qaban hidhamudha.
Namootni hidhaman gariin warreen mootummaan uummata Amaaraa balaarraa eeguu hin dandeenye, TPLF waliinis dhoksaatti marii eegaleera jedhanii warra dubbatan ta'uu obbo Honee ni dubbatu.
Dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel ji'oota dura mootummaa federaalaa waliin marii kallattiin alaa gaggeessuu eegaluu himaniis mootummaan federaalaa kun dhugaa mitii jedhee ture.
Amma duula mootummaan naannoo Amaaraa keessatti gaggeessaa jiru ilaalchisee Ministirri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Dr Laggasaa Tulluu mootummaan warra nageenya naannichaa jeequuf socho'aniif ''obsa akka hin qabne'' himanii ture.
Obbo Honeen nama kuma shan hidhanii yakkamaa jechuun waan hin fakkaanne jedhan. ''Hedduun isaanii uummataaf warra qabsaa'aa turani'' jedhu. ''Maqaa Faannootiin warreen yakka raawwatan'' jechuun mootummaan ''Faannoo miidhuutti jira,'' jedhanii akka amananis himan.
Paartileen morkattootaa maal jedhu?
ABIN ibsa dhimma kanaan walqabatee baaseen hidhaan mootummaan duula kanaan walqabsiisee gaggeessaa jiru na yaachiseera jedhe.
Duula kanaan ''hojimaata badaafi murtee akka feeteef'' karra kan banuu jechuunis qeeqe.
Dhaaba biyya bulchuu waliin warra garaagarummaa yaadaa qaban ari'achuu argaa jiraachuu dhaabichi beksiseera. ''Miseensonni dhaaba koo hidhamaniiru'' jedheera.
Duulli kun seera qabeessa akka ta'us gaafateera.
Hoogganaan ABIN duraanii Dessaaleny Caannee naannoo Amaaraa adda addaa keessatti miseensonni dhaaba isanii 19 hidhamuu beeksisaniiru.
ABIN ibsa isaa keessatti hidhaan jumlaa akka dhaabbatu, garaagarummaa yaada siyaasaan miseensotni paartilee hidhaman haal-duree malee akka hiikaman, akkasumas bakka yaaddoon waraanaa jirutti kanneen waamicha hokkaraa godhan gocha isaaniirraa akka dhaabatan gaafateera.
Baaldaraas gama isaan Finfinnee keessatti miseensotni isaa 12 hidhamuu beeksiseera.
Dhaabichi ''hidhaa fi ukkaamsaa'' adeemsa seeraa malee raawwachaa jiru mootummaan akka dhaabu gaafateera.
Duula mootummaan gaggeessu kana ''duula Faannoo ganuuti'' ittiin jedheera.
Paartiin Innaatis ibsa baaseen duulli gaggeefamaa jiru ''Sirna siyaasaa abbaa irrummaa dhaluuf kan godhamuudha'' jechuun balaaleffateera.
Paartiin kun miseensonni isaa afur jalaa hidhamuu ibseera. Warreen hidhaman eessa akka jiran akka hin beekamneefi mana murtii akka hin dhiyaanne ibsee adeemsa kanaaniis ''mootummaa akka garee shororkeessaa namoota dhoksuu haa dhaabu,'' jedhe.
Mootummaan Naannoo Amaaraa duula seera kabachiisuu akka eegale kan beeksise torbee darbe keessa meeshaa waraanaa harka namoota dhuunfaa jiru galmeessuuf akka jiru beeksisuun walqabatee ture.
Qaamolee maqaa Faannoon sochii seeraan alaa taasisan irratti tarkaanfii akka fudhatus beeksiseera.















