Hidhaa Jumlaa naannoo Amaaraa tibba kanaa duuba sababni jiru maali?

Hidhattoota Faannoo

Madda suuraa, AFP

Wiixata darbe aanga'onni naannoo Amaaraa ibsa kennaniin duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeefamaa jiruun namootni 4500 ol ta'an hidhamuu beeksisaniiru. Duulli kun torbandarbe keessa kan eegale yeroo ta'u, meeshaalee waraanaa harka namoota dhuunfaa jiran galmeessuu falmisiisaa ta'uus gaggeefamaa jira.

Pireezidantiin naannichaa Yiliqaal Keffelee duulli kun maaliif akka barbaachise yeroo ibsan, magaalaafi baadiyyaan bakka hojiilee seeraan alaa namoota hidhatanii itti wal-horu ta'an nageenya uumataaf yaaddoo ta'aniiru jedhan.

Duulli kun dura dhaabbannaan waan isa mudateef naannoo tokko tokkotti walitti bu'iinsa uumeera. Rogeeyyiin qaamoleen nageenyaa mootummaa Mooxaa, Meraawwiifi Waldiyaa keessatti ajjeechaa raawwataniiru jedhanii komatu. Hidhaan garuu ittuma fufee jira.

Warri hidhame eenyu?

Warra hidhaman keessaa kan maqaa guddaa qabu tokko hoogganaa humna addaa naannichaa duraanii, kan waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti mootummaa Federaalaa waliin hidhata qabaachaa ture Birgaadiyeer Janaraal Teferraa Maammoodha. Janaraal Teferraa Adoolessa bara darbee wayita hidhattootni Tigraay naannoolee Amaaraa keessatti injifanoo argatan ture hoogganaa humna addaa naannoo Amaaraa ta'uun kan muudaman.

Onkololessa bara kanaa mootummaan Federaalaa fi humnootni isa waliin hiriiran hidhattoota kanaa naannoo Amaaraa hedduu keessaa baasaanii ji'a lama booda Teferraan aangoo isaaniirraa kaafaman. San booda Janaraalichi miidiyaatti dhiyaachuun mootummaa yoo qeeqanis dhagaahamanii turan.

Torban darbe keessa naanicha keessa ogeeyyiin miidiyaa 10 ta'an hidhamaniiru. Kan biroon lama mootummaa qeequun kan beekaman ammoo magaalaa Finfinnee keessatti to'atamaniiru. Kuniis duula mormitoota callisiisuu marsaa biraati yaadni jedhu kaaseera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa hidhaa jumlaa naannoo Amaaraa keessatti adeemaa jiruufi ajaja mana murtii malee tursiifmuufi maatii waliinis akka wal-hin agarree taasifamuun sirrii mitii jedheera. Namootni qabaman gariin garam akka jiran hin beekamus jedha.

Hoogganaan waajira nageenyaa Amaaraa obbo Dassaalany Xaasaw namoota hidhaman keessaa 210 kanneen yakkoota akka ajjeechaan shakkaman, 40 ol kan ta'an kan yakkaan irratti muramee mana hidhaatii miliqan, kan caasaa mootummaafi nageenyaa keessa taa'anii yakka keessatti hirmaatanis ni argamuu jedhan.

Qeeqxonni naannicha keessa jiran duulli kun akka jedhamu seera-alummaa to'achuufi yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf osoo hin taane qaama hidhatee akka ta'utti gurmaayee hin jirre, Faannoo jedhamu, of jalatti galchuufi jedhu.

Faannoon eenyu?

Faannoon gurmuu dargaggoota naannoo Amaaraa keessatti bara 2017 keessa mootummaa irratti mormii Qeerroon finiinsaa turan waliin dhaabbachuun yeroo mormii ibsatan ture kan jalqaba maqaan beekame.

Waggoota MM Abiy Ahimad aangoorra jiran keessatti naannoolee dhalattootni Amaaraa akka saba xiqqootti keessa jiraatan keessatti walitti bu'iinsi hammaachuun walqabatee hidhattootni Faannoo bakka adda addaatti socho'uu eegalaniiru.

Hoogganaan hidhattoota kanaa beekamaan Zemmenee Kaasee ''gurmaawuufi hidhachuun'' uummata Amaaraa balaarraa eeguuf barbaachisaa ta'uu BBC'tti himanii turan.

Waraanni waliinii Kaaba Itoophiyaatti dhalate hidhattoota kana fi Mootummaa Federaalaa gidduu diina waloo tokkoof hiriiruutti walta'iinsa uumee ture. Sochiin garee kanaa gama hundaan yeroo jajjabaatu mootummaanis lola hidhattoota Tigraay waliin itti gale irra aanuuf isaan hirphaa ture.

''Wanti sagalee waraanaa callisiisu haqa qofa'' jedhu Zemmeneen. ''Sirna kaan cunqursaa kaan ammoo cunqurfamaa ta'e keessatti hidhannoon yeroo hunda dirqama'' jedhan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, AFP

Hidhattootni Faannoo waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa keessatti sarbama mirga namoomaa raawwachuun maqaan isaanii ni ka'a. Gabaasni waloon Aministii Intarnaashinaaliifi Humaan Raayits Waach yakka sanyii baleessuun qaamolee kana himataniiru.

Miseensonni hidhattoota kanaa butuu dabalatee yakkoota birootiinis ni himatamu.

Amma maaliif?

Naannoon Amaaraa naannoo duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu itti gaggeefamu isa takkittii miti. Ji'a darbe naannoo Oromiyaa keessatti duulli hidhattoota WBO irratti ji'a tokkoof gaggeefamaa akka ture aanga'oonni naannichaa ibsaniiru. Duulli kun humnoota Federaalaa hirmaachisee, Dirooniifi haleellaa qilleensaan kan deeggarame ture.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti mootummaa federaalaa fi hidhattoota Tigraay gidduutti ji'ootaaf gaggeefamaa ture Bitootessa darbe deeggarsa namomaaf haala mijeessuuf jecha labsiin dhukaasa dhaabuu labsamuu booda faara qabbanaa'uu agarsiisaa jira. Mootummaan Federaalaa hiree kanatti fayyadamuun keessumaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sochii hidhannoo faallaa mootummaa adeemu dura dhaabbaachuutti fuula naanneffateera.

Ammatti ifatti waliigaltee waraana dhaabuu mootummaa federaalaa fi hidhattoota Tigray gidduutti raawwatame hin jiru. Waliigalteen qaamolee lamaan gidduutti raawwatamu kamuu garuu keessumaa gama naannoo Amaaraan eeggannoo guddaan ilaalama. Lafti Lixa Tigraayis dubbii jabaa hordofsiisa. Naannichi ammatti humnoota Amaaraa harka jira.

Duulli mootummaa federaalaa kun gara walitti bu'iinsaatti yoo adeeme, akka UN jedhutti lammiilee biyyattii miiliyoona 20 deeggarsa fedhan irratti gaaga'ama namoomaa kan biraa uuma. Lammiileen biyyattii miiliyoonaan hedduun lakkaawwaman sababa waraanafi hongeen qe'ee isaaniirraa buqqa'anii deeggarsa namoomaa fedhu.