Waa'ee waraana humnoota mootummaafi WBO gidduu adeemaa jiruu hanga ammaa maal beekna?

Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, MINISTEERA RAYYAA ITTISAA ITOOPHIYAA

Mootummaan Itoophiyaa naannoo Oromiyaa keessatti qaama waraanaan isa dura dhaabbatu WBO, kan ''ABO Shanee'' jedhuun irratti duula gaggeesseen milkaahuu wayita ibsutti hidhattoonni Oromiyaa Lixaatti sochii jabaa eegaluun dhagaahameera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa humnoota federaalaa waliin qindaa'uun duula humna hidhattootaa dhabamsiisuu erga labsee ji'a lamaa ol ta'eera.

Ji'a Bitootessaa darbe yaa'ii Caffee Oromiyaarratti dhimma nageenya Oromiyaarratti kan dubbatan pireezidantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa duulli hidhattoota WBO (ABO-Shane) dhabamsiisuu akka gaggeefamu himanii ture.

''Tooftaa lolaa riphee loltootaa dura dhaabachuuf karoorri adda addaa qophaa'ee hojiitti galamaa jira, ji'oota muraasa keessatti jijiiramni guddaan akka dhufu abdii guddaa qabna.''

''Humni dararaa uummata kanaaf hin mallee irraan gahaa jiru kun buqqa'uutu irra jiraata, ni buqqa'as'' jedhan.

Duulli kun eegalamee torbanoota turan keessatti haala qabatamaa jiru ilaalchisee qondaaltota mootummaa dhimmichi isaan ilaallatu dubbisuuf yaaliin irra deddeebiin goone hin milkoofne.

Haata'u malee, hoogganaa itti aanaan biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu duulli gaggeefame milkaa'uu ''ABO-Shaneen sadarkaa yaaddoo biyyaa hin taanerra ga'eera'' jechuun miidiyaa biyya keessati himanii ture.

Mannni Maree Nageenyaa Itoophiyaa haala nageenyaafi tasgabbii biyyattii erga qoratee booda ibsa torban darbe keessa baaseenis, ''Naannoo Oromiyaatti miseensonni 'Shanee' kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru,'' jedheera.

Miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo hedduu barbadeessuu, qaamolee seeraan ala socho'an seera qabsiisuufi iddoowwan hidhattootaan qabamanii turan bilisa gochuun tarkaanfii fudhachuu ibsa kana keessatti eerameera.

WBO gama isaan humnoonni isaa hedduun ajjeefamuufi lafti to'atanii turan harka mootummaatti deebi'uu kan mootumman gabaase ''soba'' jedha.

Meeshaa waraanaa

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaalee waraanaa mootummaan hiudhattootarraa booji'uu gabaase

'Kaayyoon duula mootummaa karaa gurguddaa fi magaalota gurguddaa keessaa nu baasuu ture'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraattonni BBC'n naannolee WBO keessa socho'u, Wallagaa Lixaafi gidduugala Oromiyaa keessaa dubbise torbanoonni muraasni darban tasgabbii hanga ta'e qabaachuu himanii turan.

Miidiyaaleen biyya keessaa injifannoo duulli mootummaa argamsiiseen dargaggoota harka kennataniifi meeshaalee to'ataman darbee darbee gabaasuun alatti waraanichi akkamiin akka gaggeefameefi bu'aa argame bal'inaan hin gabaasne.

Dubbii himaan idil-addunyaa WBO Odaa Tarbii injifannoo mootummaan ibse kana ''olola beekamuudha'' jechuun fudhatama dhabsiiseera.

''Waraanni keenya bakki keessaa socho'e ni jiraata garuu sababa waraanni mootummaa nutti cimeef osoo hin taane, tarsiimoof jecha bakka humni keenya baayyinaan barbaachisutti waraana keenya sochoofne.''

Akka mootummaan jedhutti,''waggoota afur dura badneerra'' kan jedhu qondaalli kun, ''dadhabuu dhiisii naannolee amma dura keessa socho'aa hin turre Arsii Bahaattuu sochii keenya jabeessineerra,'' jedhe.

Osoo duulli mootummaa irratti adeemuu waraanni isaanii, ''kora milkaa'aa'' gaggeessuus dubbatan.

Kora kanaaf waraanni Oromiyaa Lixaatti socho'us, ''humni naannolee bilisa ba'an tiksu hin sochoone. Torbanuma darbe Ona Dagam keessatti waraanni ture'' jechuun lolli akka hin dhaabbanne dubbatan.

'Kaayyoon duula mootummaa karaa gurguddaafi magaalota gurguddaa keessaa akka baanu'' kan jedhu Odaan, waraanni isaanii kana hubachuun tarsiimoo isaa sirreessuu dubbate.

Finfinnee qabachuun olola turee?

Waraanni hidhattoota TPLF gara gidduu-gala biyyaatti yeroo dhiyaatu WBO waliigaltee raawwatame hordofee dubbiin ''WBO Finfinnee marseera to'achuuf gahumsa qaba'' jedhamee akkaan gabaasamaa ture.

Mootummaan naannoo Oromiyaas humni kun sadarkaa sanatti yaadesssaa ta'uu waakkatus, waraana TPLF waliin ture akka carraatti fayyadame akkaan babal'achuu amaneera.

Waraanni hidhattootaa kun meeshaa baroota hedduu keessatti hin hidhanne argachuun gaaffii itti uumuullee Obbo Shimallis miseensota Caffeef himanii turan.

Humni hidhattootaa kun Finfinnee to'achuuf akka jedhu irra deddeebiin himuun olala ture kan jedhan jiraatanis, Odaa Tarbii ''olala hin turre ammas galmi keenya Finfinnee to'achuudha,'' jedha.

''Humni furgaatuu naannoo Finfinnee keessa socho'an yerosis turani, ammas jiru. Ammas garuma sanatti deemaa jirra.''

Ji'a tokko dura gazeexxaa Bariisaatti kan dubbatan hoogganaa itti-aanaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa koloneel Abbabaa Garasuu “Sochiin Shanee sadarkaa biyyaaf yaaddoo hin taanerra ga’eera” jedhanii, kana jechuunis hafteen Shanee deebi’ee balaa hin qaqqabsiisu jechuu akka hin taane ibsanii turan.

Uummanni qaamolee nageenyaa waliin ta'uun eeggannoo gochuu akka qabus dhaamanii turan.

Oppireeshiniin eegalame hanga ''Shaneen'' guutummaatti dhabamutti akka itti fufus ibsaniiru.

Karaa nagaa qabsaa'uurratti falmii adeemaa jiru

Hidhattoota WBO

Madda suuraa, Odaa Tarbi

Tibba kana biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti marii hawaasaa gaggeessaa kan jiran dura taa'aa itti aanaan dhaaba Kongireesii Federaalawaa Oromoo Obbo Jawaar Mohaammad biyya rakkoo hamaa keessaa baasuuf qawwee osoo hin taane mariin karaa nagaa furmaata ta'uu dubbachuun isaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti dubbii ijoo ta'eera.

Namoonni mootummaa amma jiru qeeqan waraanatu fala jedhanii amanu. WBO marii barbadus mootummaa irraa amantaa akka hin qabne hima.

Hoogganaa waraana Bilisummaa Oromoo Dirribaa Kumsaa (Jaal Marroon) amma dura yaada BBCf kenneen bakka qaamni sadaffaafi walaba ta'e jirutti marii gochuuf fedha qabaatanis gaaffiin akkasii akka hin dhiyaanneef himee ture.

Ministirri Muummee Abiy Kibxata miseensota Paarlaamaa waliin yeroo mariyatan, rakkoo nageenyaa biyyattii mariin furuuf fedhiin jiraahuu irra deebiin dubbataniiru.

Koloneel Abbabaa Garasuus yaada ji'a tokko dura gaazexaa Bariisaaf kennan keessatti, ''Shaneen karaa nagaa qabsaa’uuf waamichi taasifamuufis miila tokko magaalaa miila biroo bosona kaa’uun ‘qabsaa’uu’ filachuun gocha farrummaa ummatarraan ga’aa jira,'' jedhanii ture.

Dubbii himaan idil-addunyaa WBO Odaa Tarbii warra karaa nagaa qabsoofna jedhaniyyu akka gochaa jiru argaa jirra.

Kaan hidhaa jiru kaan ni ajjeefaman, kaan humnaan biyyaa akka bahan godhamani,'' jedhanii mootummaan mariif amanamaa ta'uu isaa wanti agarsiisu hin jiruu jedhan.

''Kanaaf, daandiidhuma amma irra jiruun itti fufna. Wanti haaraan amansiisaan yoo dhufe yeros irratti dubbanna.''