Ajjeechaan jumlaa Godina Addaa Saba Oromootti humnootii nageenyaa mootummaan raawwatameef itti-gaafatamummaan haa mirkanaa'u - KMNI

Ajjeechaa jumlaa Godina Addaa Saba oromoo, aanaa Daawwaa Caffaatti raawate

Madda suuraa, Viidiyoo SM irraa kan murame

Ajjeechaa jumlaa naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo, aanaa Daawwaa Caffaatti raawwatame qaamota nageenyaa mootummaatiin akka ta'e Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Komishinichi ibsa dhimma viidiyoo kanaa irratti baaseenis, qorannoo guutuun taasifamee itti-gaafatamummaan jiraachuun akka mirkanaa'uuf irra deebiin gaafate.

Viidiyoo tibba kana miidiyaalee hawaasummaan qoodamaa jiru, kan namoonni uffata siviilii uffatan baayyeen konkolaataa irraa reebamaa erga buufamaniin booda jumlaan rasaasaan yoo ajjeefaman agarsiisu qorachuu isaa ibsa Sambata baaseen hime Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota gara 30 ta'an kanneen ‘miseensota ABO-Shane’ ittiin jedhan konkolaataa fe’iisaa lamatti fe’anii geessuun jumlaadhaan rasaasaan tumanii akka ajjeesan odeeffannoo sassaabbateen bira gahuu ibse Komishinichi.

Yeroo humnootiin TPLF naannoo amma ajjeechaan kun itti raawwatame to'achuun booda gadhiisee gara Tigraayiitti deebii'eetti ajjeechaan jumlaa namoota nagaa irratti raawwatamuu ilaalchisuun namoonni miidiyaa hawaasaarratti qoodaa turaniiru.

BBCnis dhimmicha mirkanneeffachuuf qondaaltoota bulchiinsa Godina Adda Saba Oromootiif bilbileen himannicha qorataa jiraachufi yeroo sanatti omaa akka hin beekne deebii kennanii turan.

Ammaatti Komishinii Mirga Namoomaa Mootummaa Ittoophiyaatiin hundeeffame kanaan alatti dhimma ajjeechaa jumlaa kana ilaalchisuun mootummaan hanga yoonaatti kan jedhe hin jiru.

Viidiyoo miidiyaa hawaasarra naannawu sanarratti akka mul’atutti, humnoonni hidhatan kan gariin isaanii erbee gur’aacha mataatti maratanii mul’atan hunda ture namoota hidhannoo hin qabne kanneenitti kan dhukaasu.

Yakki kun gabaasa qorannoo isaa ‘Sarbama Mirgoota Namoomaafi Seera Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa Naannolee Amaaraafi Affaar keessatti Raawwwataman’ jedhu jalatti taateewwan ibsaman keessaa tokko akka ta’e ibseera Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Komishinichi odeeffannoo wayita sana argadhe jedheen, ajjeechaan jumlaa murtii seeraa tokko malee (extra-judicial killings) viidiyoo sanarratti mul’atu gabaasa qorannoo Komishinichi ALI Bitootessa 2, 2014 baase keesssaatti bahu eere.

Komishiniin kun, gocha naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromootti raawwate kana namoota ragaa ba’aniifi qaamaan bakka taateen kun itti raawwate deemuun daawwachuun gabaasicha qopheessuu ibseera.

Hidhattoonni motummaa wayita namoota ajjeessan

Madda suuraa, Social Media

Viidiiyicha irratti maaltu mul'ataa?

Komishinichis erga viidiyoo sana ilaaleen booda, dabalataan hojii qulqulleeffachuufi qorannoo teekinikaa taasisuun, ajjeechaan jumlaa raawwatame kun murti seeraa tokko malee akka ta’e mirkaneeffachuu hime.

Viidiyoon rifaasisaa fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa hedduu dheekamsiise kun, namoota hidhannoo hin qabne konkolaataa irraa reebaa yeroo buusan warri lafa jiran ammoo rasaasa karaa karaan wayita itti dhukaasan mul’isa.

Warra dursanii konkolaataa irraa buusan rasaasaan rukutaa, warra konkolaataa adii [Isuzu] ittiin fe’amanii geeffaman irratti duubatti hafan tumaa osoo jiranii mul’isa viidiyoon kun.

Qaamoleen nageenyaa mootummaa gocha sukkeessaa kana osoo raawwatanii viidiyichaan mul’atan kunneen afaan Amaaraatiin wacaafi walwaamaa turan.

Waca kana keessatti yeroo dubbatan “gahee dhiisi rasaasa lafatti hin balleessin suuta dararamee haa obbaafatu” jechuun miseensota hidhatan kanneen keessaa inni tokko yoo dubbatu dhaga’ama.

Warra konkolaata irraa namoota kanneen buusaa turan keessaa tokko ammoo “konkolaataatti ni dhukaafamaa, na rukuttee ooltee bar,” jedhee yeroo dheekkamuufi yeroo inni kaan deebii kennus ni dhaga’ama.

Danaa magaalaa guddoo Addaa Saba Oromoo, Kamisee

Ajjeechaa murtii seeraa malee raawwataman biroo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaa Waxabajjii 14, 2022 hidhatoonni Gaambeellaatti raawwatan hordofuun, humnootiin nageenyaa mootummaa uffata dambii uffatan wayita dargaggeessa harka lama duubatti hidhame kallattii hedduun itti dhukaasuun ajjeessan viidiyoon agarsiisu bal'inaan qoodamaa ture.

Taatee kana ilaalchisuunis Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaamoleen nageenyaa tarkaanfii gita hin taane fudhatan itti gaafatamoo haa ta'an jechuun ibsa baasuun isaa ni yaadatama.

Haaluma walfakkaatunis, jalqaba Bitooteessaatti Beenishaangul Gumuuziitti viidiyoon suukanneessaan wayita qaamolee nageenyaa dabalatee namoonni gareen ta'anii nama tokko osoo lubbuun jiruu ibiddaan gubanii agarsiisu mul'achuun isaa ni yaadatama.

Ajjeechaa Beenishaangul sana ilaalchisuun Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa yeroos baaseen, gochaan raawwatame "suukanneessaa fi gocha namoomaarraa kan jallate," jechuun ibsee ture.

Gochaa sukkanneessaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal, Aanaa Gubaa ganda Ayisiid jedhamtutti raawwatame sana ilaalchisuunis Mootummaan qaamolee gochicha raawwatan qulqulleessee tarkaanfii akka fudhatus beeksisuun isaa ni yaadatama.