Itoophiyaa: Beenishaangulitti namoonni jiraa gubamanii ajjeefamuu mootummaan mirkaneesse

Naannoo Beenishaangul Gumuuz

Madda suuraa, BBC

Viidiyoon suukanneessaan wayita qaamolee nageenyaa dabalatee namoonni gareen ta'anii nama tokko osoo lubbuun jiruu abiddaan guban agarsiisu Jimaatarraa eegalee miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa jira.

Namoonni hedduun gocha gara jabinaan raawwatame kana balaaleffataa jiru.

Eenyummaan nama wayita abiddaan gubamee ajjeefamu viidiyoo kanarratti mul'atus ta'e, gochaan kana dura maaltu akka uumame wanti beekamu jiraachuu baatus, rogeeyyiin namni gubamee ajjeefame kun dhalataa Tigraay ta'uu akka hin oolle barreessu.

Eenyummaa nama gubamee ajjeeffamee kanaafi maalliif gochi akkasii akka raawwatame BBCn ammatti qaama walaba ta'erraa hin mirkaneeffanne.

Kanneen gareen ta'uun nama kana abiddaan gubanii ajjeesan afaan Amaaraan 'haa gubatu, haa gubatu, nutis akkanumatti gubanne' yoo jedhan dhagaahama.

Qaamoleen nageenyaa uffata dambii poolisii yeroof adda hin baafamiin akkasumas meeshaa waraanaa hidhatan gocha kanarratti wayita hirmaatan mul'atu.

Mootummaan maal jedhe?

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa Sanbata baaseen gochaan raawwatame "suukanneessaa fi gocha namoomaarraa kan jallate" jechuun ibse.

Gochichi Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal, Aanaa Gubaa ganda Ayisiid jedhamtutti tibbana kan raawwatedha jedha ibsichi.

Mootummaan qaamolee gochaa kana raawwatan qulqulleessee tarkaanfii akka fudhatus beeksiseera.

"Lammileen nagaan haala suukanneessaa ta'een abiddaan gubamanii akka du'an godhameera" jedha ibsi kun.

"Gochaan kun aadaa fi duudhaa Itoophiyummaa akkasumas gocha namoomaa kamirraayyuu kan jallateefi yakka suukanneessaadha. Gochi akkanaa yoo wal-balleessuu ariifachiise malee nagaa fi haqa mirkaneessuu hin danda'u," jedhe.

Gochichi balaaleffatamuu kan qabuu fi ka'umsiifi eenyummaan isaanii maalis haata'u, mootummaan qaamolee gocha gara jabinaa fi suukanneessaa akkasii raawwatan qulqulleessee seeratti ni dhiyeessa jedheera ibsi kun.

Seermaleessummaa fi miidhaa naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti lammilee nagaarratti raawwatamu bulchiinsa naannichaa fi qaamolee nageenyaa guutuu waliin ta'uun hojjetamaa jira jedha.

Naannoon Beenishaangul Gumuz amma dura dhimmicha irratti waan jedhe hin qabu.

Beenishaangul keessatti finciltootaa fi mootummaa jidduutti walitti bu'iinsi waggoota lakkoofsise kan adeemaa jiru yoo ta'u, walitti bu'iinsa saboota jidduutti mudatuunis lammileen nagaa hedduun irra deddeebiin ajjeefamu.

Naannichi yeroo dheeraaf komaandi poostii jalatti akka bulu godhamullee furmaatni waaraan akka hin argamiin jiraattonni ni komatu.