Benishaangul Gumuuzitti namoonni 145 hidhattootaan butamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa hime

Haleellaa magaalaa Diizaarratti dhaqqabe agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa yeroos magaalaa Diizaatti raawwateen gara caalu manneen namootaatu gubate

Naannoo Benishaangul Gumuz Godinaalee Matakkal fi Kaamaashiitti hidhattoonni namoota 145 ugguruu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise.

Komishinichi haala nageenyaa naannicha jiru ilaalchisuun gabaasa baaseen, ALI Fulbaana 14, 2014 irraa qabee jiraattotaan ''hidhattoota Gumuuz'' humnoonni jedhaman haleellaa kana qaqqabsiisan jedha.

Kanneen haleellaa kana jalaa baqatan natti himan kan jedhu Komishinichi, humnoonni kunneen daa'imman, dubartootaafi jaarrolee dabalatee namoota 145 tahan, dhalattoota saba Gumuuz tahan ugguruusaanii himeera.

Hidhattoonni kunniin ''kaayyoo keenya hin deeggarre'' sababa jedhuun jiraattoota kana butuun, iddoowwan Marshaaw fi Ekfat jedhamanitti to'annoo isaanii jala oolchuu himeera.

Dabalataanis kanneen ugguraman keessaa ''yoo xiqqaate namoonni lama hidhattootaan ajjeefamuu'' akkasumas, kaan ammoo haala hamaa keessa jiraachuu komishinichi odeeffannoo argadheera jedheera.

Naannichatti keessattuu ALI ji'a Amajjii 2013 irraa eegalee haleellaa irra deddeebiin Aanaa Sedaalitti raawwatamuun, jiraattonni hedduun qe'eerraa buqqa'anii gara iddoo biraa godaananiiru.

Ji'a Bitootessaa 2013 irraa eegale ammoo, waajiraaleen mootummaa cufamuusaanii jiraattonni itti himuu Komishinichi gabaasa isaa guyyaa Jimaataa baaseen ibseera.

Haleellaa dhiyeenya kana Fulbaana 14 mudateen booda hordofee, jiraattonni Aanaa Sedaal 5,000 tahan dabalataan qe'eerraa buqqa'uun, yeroodhaaf mooraa bulchiinsa aanichaatti dahatanii akka jiranis himameera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana 16, 2014 irraa eegalee naannichatti humnoota nageenyaafi hidhattoota gidduutti ''waraanni'' adeemaa jiraachuu hubadheera kan jedhe oggaa tahu, Fulbaana 19 irraa qabee ammoo jiraattota gara Magaalaa Daalattii baqachiisuuf yaalamaa akka jirus hordoffii taasiseen bira gahuu himeera.

Tahus hidhattoota naannichatti socho'an to'achuuf humni nageenyaa bobba'e gahaa akka hin taane, aanga'oonni Aanaa Sedaal fi jiraattonni bakka sanaa baqatan himuusaanii Komishinichi gabaasa isaatin ibseera.

Hoogganaan Komishinichaa Daani'el Baqqalaa (PhD) taatee kan ilaachisuun: ''jiraattonni ugguramanii jiran rakkoo hamaaf akka hin saaxilamneefi kanneen buqqa'anii dahoo yeroo keessa jiran, qarqaarsi namoomaa isaan barbaachisu bira gahuuf hojiin atattamaa,'' akka hojjetamu gaafataniiru.

Naannoo Benishaangul Gumuuzitti haalaafi nageenya jiraattotaa Godinaalee Matakkal fi Kaamaashiitti argamanii mirkaneessuuf, tarkaanfiiwwan mootummaa federaalaafi komaand poostii naannichaan fudhatamaa jiran, haala saffisaafi fooyya'aa taheen jabaachuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Naannichatti Godinaalee Matakkal fi Kaamaashiitti haleellaa irra deddeebiin hidhattootaan raawwatamaniin, lubbuun namoota siivilii, akkasumas qabeenyi isaanii miidhaan irra gahaa tureera jedha Komishinichi.

Haa tahu malee tarkaanfiiwwan mootummaa federaalaa fi naannoon fudhataman gahaa waan hin taanef, rakkoo kana haala waarawaa taheen furuuf, furmaanni hunda hammatte akka barbaadamus gaafateera.

Ji'ootaan dura Godina Kamaashii keessatti kan argamtu Aanaan Sedaal, hidhattootaan guutumaan guututti to'atamuushee komishiniin poolisii naannichaa himuunsa ni yaadatama.

Hidhattoonni Gumuuz paartii GUHDEN jalatti sosso'u jechuun mootummaan himate kunneen, haleellaa yeroos raawwataniin 'guyyoota lamaaf' magaalaa aanaa Sedaal kan taate Diizaa to'atanii turan.