Beenishaangul Gumuz: Matakkalitti haleellaa hidhattootaan namootni shan ajjeefaman

Naannoo Beenishaangul Gumuuz Godina Matakkal aanaa Bulanitti haleellaa hidhattootni konkolaataarratti bananiin namootni du'uu fi madaa'uu aanga'oonni naannichaa BBC'tti himan.
Irra deddeebiin haleellaan hidhattootaa kan itti raawwatamu aanaa Bulanittti Kibxata ganama haleellaa konkolaataa miila sadii (Baajaajii) irratti hidhattootni bananiin namootni shan ajjeefamanii lama ammoo madaa'aniiru.
Hoogganaan qajeelcha Poolisii Godina Matakkal Abdii Goorenaa haleellaan kun kan raawwatame nammoota ganda Dobbee irraa gara Bulan baajaajiin imalaa turan irratti ta'uu fi akkamiin haleellaan kun akka raawwatame odeeffannoo dabalataa sassaabaa akka jiran BBC'tti himaniiru.
Namoota haleellaa kanaan madaa'anii, lubbuun garuu oolan lama gara hospitaala Bulan geeffamuus aanga'aan kun himaniiru.
BBC'n ogeeyyii fayyaa Bulan irraa namootni lama haleellaa kanaan miidhaman waldhaansa argachaa akka jiran odeeffateera.
''Namni inni tokko rasaasa sadiin qaama isaa bakka sadii karaa duubaan kan rukutame'' jechuun ogeessi maqaan isaanii akka hin gabaafamne gaafatan himaniiru.
Namni balaa kanaan miidhamanii lubbuun oolan reeffi namoota du'an shanii gara ganda Dobbee deebi'uu himaniiru.
Ogeeyyiin hospitaala sadarkaa jalqabaa Bulan namootni lamaan isaan bira jiran waldhaansa gaariif gara hospitaala birootti ergamuun irra jiraatus, sababa Ambulaansiin hin jirreef achuma hospitaala isaanii akka jiran himu.
Namoota miidhamanii amma yaala argachaa jiran keessaa namni nageenya isaaniif maqaa isaanii akka hin gabaafne nu gaafatan, warri haleellaa irratti bane hidhattoota naannicha keessa socho'an ta'uu dubbataniiru.
''Har'a Kibxata naannoo sa'aa lamaatti hidhattootni daandiirratti dhokatanii nu eeganii bajaajii ittiin imallu irratti dhukaasa banuun ajjeechaa raawwataniiru'' jechuun himan namni lubbuun oolan kun.
Bajaajii imalaa turte keessa walumatti namootni torba kan turan yoo ta'u kan ajjeefaman hunduu dhiira gaheessa jedhamaniidha.
Haleellaa kanaan konkolaachisaa dabalatee namootni shan battalamumatti yoo du'an lama lubbuun oolaniiru.
Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti irra deddeebiin haleellaa hidhattootni raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbuu gabaafamaa ture.
Addatti Godina Matakkal keessatti haleellaa irra deddeebiin raawwatamu hambisuuf tarkaanfii humnootni mootummaa federaalaa fi kan naannichaa fudhataniin hidhattoota hedduu ajjeesuufi to'achuu mootummaan gabaasaa ture.
Naannoo Sudaan waliin waldaangessu kanatti sababa haleellaa irra deddeebiin raawwatameen godina Matakkal keessatti komaandi poostiin humnoota federaalaa fi naannicharraa baba'aniin hoogganamu hundeeffameera.
Naannicha keessa namoonni sababa walitti bu'iinsaatiin qe'eerraa buqqa'an 500,000 ol akka jiran UN beeksiseera.















