Haleellaa Beenishaangul Gumuz: Bulchaa godina Matakkal dabalatee aanga'oonni sagal to'ataman

Madda suuraa, FBC/screenshot
Bulchaa Godina Matakkala Obbo Attinkuut Shittuu dabalatee aanga'oonni godinichaa sagal to'annoo jala oolfaman.
Torbee darbe haleellaa hidhattoonni godina Matakkal aanaa Bulan ganda Bakujjiitti raawwataniin haadholii fi daa'imman dabalatee namoonni 207 ajjeefamuu isaanii hordofeeti aanga'oonni kun to'annoo jala kan oolan.
Ajjeechaan kun wayita raawwatutti aanga'oonni kunneen itti gaafatama isaanii bahachuu dhabuun akkasumas kallattiinis ta'e al kallattiin ajjeechaa kana keessaa qooda qabu jedhamanii shakkamuun to'annoo jala oolfamuu dubbi himaan mootummaa naannichaa Obbo Mallasaa Bayyanaa BBC'tti himaniru.
Kibxata ganama caffeen naannoo Beenishaangul Gumuz miseensota caffee ajjeechaa yeroo gara garaa naannicha keessatti mudatuun walqabatee shakkaman afur irraa mirga himatamuu dhabuu mulqeera.
Bulchaan Matakkal Obbo Attinkut kn to'annoo jala oolfaman Kibxata ganama naannoo sa'aatii sadiitti.
Naannoo Beenishaangul Gumuzitti baatilee darban irra deddeebiin haleellaa raawwataa tureen lammileen nagaa dhibba hedduun lakkaa'aman ajjeefamaniiru.
Ajjeecha torbee darbe Roobii Mudde 13 A.L.I raawwate hordofuun nageenyi naannichaa garee MM Abiy hundeessaniin to'atamaa jira.
Gareen kun aanga'oota mootummaa olaanoo fi ajajoota raayyaa ittisaa kan of keessaa qabu yoo ta'udirqamni nageenya naannichaa boora'e deebisuu kennameefi jira.
Akka Obbo Mallasaan jedhanitti rakkoo nageenyaa hundeerraa furuuf gareen kun kanneen ajjeechaa lammilee nagaarratti raawwatame keessaa harka qabu jedhaman adamsee seeratti dhiyeessuuf hojjechaa jira.
Tarkaanfii ajjeechaa godina Matakkal keessatti raawwatu ittisuuf fudhatamee hidhattoonni 300 ol ajjeefamuu aanga'aan kun himaniiru.
Jiraattonni godinichaa 60 ol ajjeechaa torbee darbe raawwateen walqabatee shakkamanis to'annoo jala oolaniiru.















